1. Hirriba Gaarii
Maatiif ijoollee raffisuun hojii guddaa tahuu danda'a. Hirribni sammuu daa'imaa gabbisuuf raffisuun gaariidha.
2. Muuziqaa
Keemikaalli doppaamiin jedhamuufi miira gaarii akka nutti dhagahamu taasisu yeroo muuziqaa dhaggeeffannu akka argannu ni hima.
Ijoolleen of-ibsuufi haasa'uun yoo isaan rakkise muuziqaa itti banuun sammuun isaanii akka xiinxaluufi waliigalteef qophaa'oo isaan taasisa.
3. Hiriyyaa wajjin taphachuu
Baayyeen keenya hiriyyoota keenya wajjin yeroo dabarsuu, kubbaa taphachuu yookiin fiilmii ilaaluun nutti tola.
Hiriyyaa wajjin yeroo dabarsuuf carraa argachuun fayyaa sammuu jabeessa. Hiriyyummaan dhiphina hir'isa, ofitti amanamummaafi gammachuu dabala.
4. Sosso'uu
Dammaqoo tahuun amala ijoollee tahuu akka qabu hunduu beekna.
Sochiin qaamaa keemikala sammuu isaanii sirreessuun fayyaa sammuu ijoollee ni fooyyeessa, kunimmoo amala isaaniis ni sirreessa.
5. Nama kan garaa itti himatan
Ijoollee waan garaa isaanii akka haasa'aniifi mari'atan gochuun barbaachisaa dha.
Qofaa isaanii akka hin taane isaaniif mirkaneessuufi dhukkubsachuun balleessaa isaanii akka hin taane itti himuun waan gaarii akka itti dhagahamu godha.
Ijoolleen sammuun isaanii fayyaa miti jettanii yoo yaaddan hakiimni yeroo yerootti akka isaan ilaalu gochuus qabdan.