GADAA KEESSATTI SEERRI UWWAA MAALII?


Akka Heera Gadaatti dubartiifi durbii woyyoma guddaa qabu.kanaaf,Oromoon dubartoota nikabaja;nisafeeffata.kanumaan walqabatee gadaan seera mirgaafikabaja dubartootaafi dubraa igtin eegsisu qaba.seerri kunis seera uwwaa ykn seera dubartiifi dubaraa jedhama.seerri uwwaa kabaja dubartiifi durbaa eeguuf bahe.kunis dubartoonni walqixxummaa,haqummaafi woyyummaan akka jiraatan gargaara.jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti akka dhaggeeffatamaniifi kabajaman kan taasisuudha.seerri uwwaa dubraafi dubartoonni dhimmoota hawaasummaa gara garaatti dursa akka argatan taasisa.

Sirna Gadaa keessatti,akkaata seera uwwaa ittiin raawwachiisan tartiiba mataa isaa qaba.Isaanis,miidhama dubartiifi dubaraa gaaddisatti baasuufi adabsiisuun seera hojii irra oolcha.

Raawwii seera uwwaa kana dubartoonni jaarmiyaalee isaanii keessatti ni hordofu.Namni miidhaa dubartoota irraan gahe bu'uura seera uwwaan adabama.Adabbiin kun"karra mataa"jedhama.karra mataa jechuun,horii sababa adabbiif kennamu jechuudha.ciminniifi ulfaatinni adabbii kanaa yakkicha irratti hunda'a.adabbii salphaa gorsa afaanii irra hanga adabbii cimaa sadarkaa hawaasicha keessaa baafamutti bal'achuu danda'a.

~Gumiin Gadaa seera gara garaa tumeera.seerotni kun akka armaan gaditti jiruu.

~Dubartiin woyyuu,seera;nama jalqabaa ishiitu daheef woyyoomtee,seera;

~Dubartii dura,laga hin ce'anii seera;

~Midhaan ishii dura hin nyaatanii seera.

~Fardaan yoo deeman,ishee dura yaabsisuu seera.

 ~Nama dubartii yakke firatu itti baha seera;murtee filatu itti kennaa,seera.

~Ilmi yoo haadha yakke murteen raada isheef kennaa seera''jedhan dubartiif tume.seerri uwwa kunis jireenya Oromoon guyyaa irraa gara guyyaatti jiraatu keessatti hojii irra oolcha.

Gadaan seera dhimmoota adda addaa to'achuuf hordofu kana akka golaafi gosa Oromoo hunda qaqqabu godhee tume.miidhaa mana kam keessattuu raawwatamuuf caasaa bulchiinsaafi hawaasummaa kanneen akka dhaddacha gosaa fa'a diriirsuun akka dubartoonni haqa dabe ykn abbaan manaa yoo hacuuce ykn horiifi qabeenya garmalee yoo qisaasesee dhaddacha gosaatti himatti.Dhaddachi gosaa seera Gadaan tume irratti hundaa'ee seeraa uwwaa kabachiisa.Mirgoota dubartootaa eegee furmaata kennaaf.Dhiibbaaf miidhaa alaaf manatti isaan irra gahuu malu to'atu.Abbaan warraa dubartii ulfaa ykn harma hoosiftu yoo haadha yaa'aa(haadha warraa Abbaa Gadaa)arrabse,namni durba ykn haadha warraa namaa tuqe,akkuma cimina yakka isaanitti adabama.       

waan dubbiftanniif galatoomaa!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...