Nama si'a sadii dhiitamee sadanuu obsee callisuun deebii kenne.
Guyyaa tokko Alberti Anastaayiin magaalaa keessa qofaa isaa deemaa ture. Namni kun nama addunyaa kanaaf bu'aa guddaa buusee darbedha. Saayintistii beekamaadha. Yeroo inni magaalaa keessa deemaa turetti dargaggoonni isa arganiitu, ilaa Anastaayin jedhanii walitti agarsiisanii rukutuu murteessan.
Akkuma waliif galaniin inni tokko fiigee dhaqee duubaan dhiite. Anastaayiin ilaaleetuma callisee deeme. Xiqqoo yeroo inni achi siqu gurbaadhumti kun fiigee dhaqee ammas dhiite. Inistaayiin ilaaleetum callisee deemsa itti fufe.
Erga inni xiqqoo achi fagaatee booda, gurbaadhumti sun fiigee qaqqabee si'a sadaffaaf dhiite. Yeroo kanas inuma dhiise. Namoonni baay'een garuu arganiitu rifatan.
Maaliif ofirraa hin dhorkitu ykn maaliif seeratti hin himattu? jedhaniin. Inistaayin deebisee, namicha kana ofirraa dhorkuuf yeroo isaa hin qabu. Ofirraan dhorka jedhee yoon wal'aansoo ittiin qabe bakkan deemaa jiru yeroon barbaadetti hin ga'u.
Seeratti himachuuf ammoo, manni murtii harree itti himatan hin jiru. Kan nama dhiitu harreedha, jedhee bira darbee deeme.
Tarii siinis Namoonni naannookee jiranis tahu namoonni sin beekne ol utaalanii Arrabaan sidhiituu kan kajeelan jiraachuu maluta'a obsi dabarsi.
Kaan kaan ammoo arraba isaanii dheeraa sitti maranii ittiin sikuffisuuf darbatu ta'a sanaafis akka hin kufneef ejjennaa millakee eggadhu.
yaalaanii yaalanii sammukee dadhabnan jireenyumakee dhiitanii balleessuu kan abjootan danuu tahuu danda'u jireenyakee oolfachuuf eenyu waliin akka jiraattu filadhu.
sana yoo dadhabanis ammoo xurii isanii sitti dibanii waan ati hin qabneen si xureessuu kan hojii godhatanis numa jiru taha garuu atiof eeggannokee cimsi.
Egaa jireenya walii faallaa keessatti taatee garagaraa keessummeessuu dandeessa garuu akka Albert san waan hunda dhiistee deemuuf sirakkisus mala. ammas garuu ciniinnadhuuma imalakee itti fufi.Namootatti barbaadamuunkee waan ati fayidaaf nama barbaddee demte itti fakkaachuu mala.waan barbaadamteef raawwadhu malee saroota dutaniif waca sinbiraaf bakka hin kennin kan namoonni sitti dutaniif gaafa ati ija mul'atakee bira gahuuf deemtuudha.
Goomaataankee ykn goomattuunkee yaalii sirratti taasiseen deebi'ee of irratti raawwata waan ta'eef Haga inni taatee kana raawwatutti ati hojiikee itti jabeessi.
jabina hojiikeen salphina diinakee argi malee ijaa bahumsaan karaakee of duraa hin cufin
No comments:
Post a Comment