Showing posts with label barumsaa. Show all posts
Showing posts with label barumsaa. Show all posts

HIMA DIDDUUN DU'A HIN DIDDU


Yeroo tokko hiriyoonni lama wajjiin karaa deemu turan. Inni tokko qaro dhabeessa yoo tahu inni tokko immoo qaroo qabeessa. Karaa irratti aduun waan itti dhiiteef, wal gaafatanii bakkuma itti dhihe kana buluu murteessani.ganama akka bari'eenis akka deeman.kanaan bakkuma itti dhihe kana

bulan. Tempraacharri(qilleensi) lafa isaan jiranii immoo haala adda taheen guyyaa ni hoo'a, halkan

immoo garmalee diilaallaa'aa waan taheef bineensonni lafarra loo'an gara galgalaa akka fedhan tahuuf ni rakkatu. Ganama akkuma bari'een inni qaro qabeessa tahe, deemeen

hawaasa naannawaa kana jiraatu irraa nyaata nuuf fidee dhufaa ati asitti na eegi jechuun bakka bulanitti qaroo dhabeessicha dhiisee biraa deeme.Inni qaroo dhabeessi kun akkuma isa boodatti hafeen ulee isaatiin akeekkataa nannawa bulan sana osooma asiif achii deddeemuu bofa qorri itti cimuun sochii dadhabee diriiree ciisuun, barii lafaatii fi hoo'a aduu eeggatu ulee isaatiin xuqee arge. Itti deddeebi'ee tuqus bofichi sochii waan hin dandeenyeef ulee gaariin argadhe jechuun boficha gara eegee isaa qabachuun harkatti qabate. Inni qaro qabeessaa nyaata fuudhee yeroo dhufu bofa harkatti argu iyyee bofa tahuu itti himuun akka darbu ajaje. Inni qaro dhabeessichi ulee bareedaa kana fakkaatu na goyyoomsee fudhachuuf akkana dubbataa jira jechuun waan shakkeef boficha darbuu dide. Irra deddeebiin itti himamus hayyamamaa waan hin taaneef qaro qabeessichi itti dhiisuun imala isaanii itti fufan. Imala sa'aatii muraasaan booda aduun bahee qaama bofichaa waan hoo'iseef bofichi of hubachuun ofirra naanna'ee qaro dhabeessicha harka isaa hidduun imala isaa xumure.

Egaa kana irraa wanti baratamu:-Namni Beekumsa qabu akka isa qaroo qabuu yoo tahu inni beekumsa hin qabne immoo akka qaro dhabeessichaati.

Kanaaf,sadarkaa kamittuu dhuunfaanis tahee gareen nama nu caalaa beekaa tahuu isaa beeknuu fi itti amannu, shakkii malee jala deemuu aadaa godhachuun imala keenya karaatti hafuu jalaa haa baraarruun dhaamsa kooti.garuu karaan muldhata keenyatti nu geessu dhugaan sammuu ilaalcha gaariif hubata qabaachuudha.


Ammas si eguu moo kan biraa filaadhu?

 Karaa dheeraa deemen dhaqabee an gabaa  Nama hedduu jaalladheen si qofaaf gagabaa!!

Hedduu nam kadhachuu osoon amalaa sana qabadhee

Maalifaan si dhisaa takkaa si gaafadhee

An wantaa sana hin beeku jaallanaan jaallachuu

Sobaan hin dubbaadhu afaan mi'eeffachuun


Bara hedduu si egee jaalalaa ukkamsee

Basee yoon dubbaadhee sodaa irraanfadhee

Si jubbuudhaaf miti si walliin jiraachuuf hundaarraa filaadhe


Jaallali kan dhugaa dubbaachuuf ulfaataa

Giddiraa hedduufi aarsaa ni gaafataa

An si argachuudhaf baay'ee yoon dhama'ees

Kan koo si godhachuuf hedduu yoon dadhabees


Hin milkaa'in hafnaan maali abdiin kan koo?

Hin argattiin haafnan maali furmaanni koo?

Barbaadani dhabbuun maaf nama dhiphisaa?

Argataanni halluun maaf naa rakkisaa?

Ati kan koo yoo taate maaf si gaddisisaa?

Akkan si jaalladhu ati gonkaa hin hubbaattu

Ammas si eguu moo kan biraa filaadhu???? 

Jechoota Jaal Nadhii Gammadaa


1. Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaannetti bulfachuun mirga keenya.!

2. Osoo alagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru!

3. Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti!

4. Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbatanitti galchuu qofaani!

5. Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo eessaayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.

6. Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu. 

7. Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisu dhidhiibu haa badu.

fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira. 

# Jaal_Nadhiin nuyiif jecha ba'ee achi buuteensaa dhabamus, nuti dhaloonni seenaa isaa qarree qorree bakkaan gahuun nuuf imaanaa guddaadha!

Jachoof gorsa jaalalaa

1_Kan jaallateef kan maraate tokko

2_Jaalala kan uumu hundi mana hin dhaabu

3_Jaalalli onneerraa, ogumman isa dhugaadha

4_Jaalalaafi marqaa o'aa o'aasa

5_Jireenyi jaalala hin qabne akka muka firi hin qabneeti

6_Onneekee guutu hin jaallattiin dhabuu waan dandeessuuf

7_Jaalalleen yeroo rakkoo yoomiyyu jaalalledha

8_Jaalalle sobaa irra diina dhugaa wayya

9_Jaalalle gadhee irra kophaa ta'uu wayya

10_Jaalatan dulloomu jaalalli hin dulloomu

11_Namni jaalala sobaa waliin adeemu duumessa bokkaa of keessa hin qabne isa ofumaan oofamudha

Gorsa ati amma hojiirraa olchuu qabdu


➊ Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu!

➋ Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin!

➌ Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari!

➍ Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti!

➎ Miira kee too'adhu malee hin garboominiif!

➏ Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba.

➐ Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.

➑ Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti.


Gorsafi jechaa hayyoota


1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.

2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalatti cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa ta'i.

3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.

4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa qabaadhu.

5. Dubartii dubartiin malee rasaasan hin ajjeesin.

6. kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee waliin hin mormin.

7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan deebisu xiiqii sammuu keetiiti.

8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa gaaridha.

9. Beelarra kajeellaatu nama miidha!

10. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin beekkamneedha.

11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.

12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.

13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.

14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf yaadu ta'i.

15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha. Rakkoo kee kan qooddatu waan ta'eefillaaltu.hin fagaatin.

16. Jecha caalatti kan dubbatu gocha.

17. Nama jalaa dheessun salphaadha, sammuu ofii jalaa miliquun garuu ulfaatadha.

18. Maalummaa ofii cimsanii beekun gaarummaa loogii hin qabnedha.

19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee galgala aannan dhuga.

20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetin Kenneen biroo jiraachuu yoo danda'anidha.

21. Oonnee tee qulqulluu godhi! maalif jennaan fooddaa ala ittiin illaaltu.

JAALALLI MAALII???❤


✍️ Jaalalli afaaniin sin jaalladha jechuuu mitii

➡️ Yihuudaan yesuusiin dhungataa gurguree 

➡️ Jaalalli hojiidhaan hin mulanne taanaan du'aadhaa 1Yoh 3:16

➡️ Namni jaalala qabu Addunyaa waaqayyoo keessa jiraataa. Addunyaan waaqayyo Addunyaa jaalalaati.

➡️ Namni jaalala qabu abboommi hundumaa fiixaan baaseeraa Rom 13-8

➡️ Namni jaalala qabuu waaqayyo isa keessa jira innis immoo waaqayyoon keessa jiraa.

➡️ Jaalalli danda'aadhaa hamaa namarratti hin lakkaa'uu nuyi garuu waan xiqqoodhaan wal jibbinaa.

➡️ Jaalalli hiriyaan qabuu nama hundumaaf firaa.rakkataafis isa qabuufis firadha hin looguu hin qooduu.

➡️ Har'a waldaa keessa hafuurri kan du'eef jaalala dhugaatu hin jiruu .

➡️ Kiristaanummaan jaalalaa alatti du'aadhaa.Yoh 13 :35

➡️ Kennaan ayyaanaa kan inni ittiin hojjetu jaalaladhaa..kanaaf kiristoos isa jaalala ta'e sana haa hordofnuu duuka buutuusaa haa taanuu

Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradh


Dhaara bahuun dadhabee

Si walliin haasa'ee

Kannafaan bilbilee lamataa sadaffaa deebi'ee.


Osoon hedduu hin yaaddin yaadi kee naa cimee

Akkan dhaara hin bannes nan jette qabamee

Si filaachuun kiyyaa isa darbuuf miti

Jabannee jiraannee waalin bultii ijaarree

Ilmaannis horaanne sin jechuu kootti.


Yaadi kee silaa gonkaa nan teesisu

Karaa deemu hundaa ijaan si barbaadaa

Kanan arguu hundiis sumaa natti fakkataa

Sobaa kan hin qabnee dhugaa isan dubbaadha

Enyumaa olittis hedduun si jaalladha


Jireenya koo boorif hedduun si abdadhaa

Nagaan naaf jiraadhu ani egerreedha

Barri yoo fagattees gaaf tokkoon si fuudha

Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradha!!!

Jireenyi siif maalii? What was life for you?


Ati jecha “jireenya” jedhu akkamitti ilaalta? Utuu gaaffiin kun gaaffii qormaataa ati qoramtee, qormaata ittin darbitu ta’ee, deebii akkamii kennita? Jecha jireenya jedhuuf deebiin kee maali? Madaalliin ati jireenyaaf kennitu hagami? Isa sumaafaan dhiisa. Ta’uus madaalliin ati jireenyaf kennitu cimaa haa ta’uun, ergaa koo isa olaanadha. Ilmaa namaas haa ta’u lubbu qabeeyyiin hundinuu, qooda waliinii tokko waliin qabu. Innis jireenya. 

Jireenya jechuun maal jechuudha laata? Hanga har’attii hiikkaan jireenyaa ifa ta’ee fi kana jedhamee irratti walii galame tokko hin jiru. Ta’ullee qorattonni baay’een hiikkaa jireenyaa barbaadaa turaniiru. Dhaloonnii ammas hiikkaa jireenyaa bira gahuuf, yaalii guddaa taasisaa jiru. Jireenyaaf hiikkaa ifaa ta’e lafa kaa’uun rakkisaa ta’uus namoonni adda addaa jireenyaaf hiikka adda addaa kennu

Dandeettii qabnu keessaa yoo baay’ate wallakkaa qofatti fayyadamna


Ati akkamitti of fudhattaa ?wanti ati hojjechuu  osoo dandeessuu, akka waan hojjechuu hin dandeenyeetti of ilaalte sun maalinni? Proofeesarri Wiliyaam jeemsi, yeroo tokko akkas jedhe. “Dandeettii qabnu keessaa yoo baay’ate wallakkaa qofatti fayyadamna” jedhe. Dhalli namaa human guddaa of keessa qabaatuus, cuunfee itti fayyadamuu hin danda’u. Maarree kaayyoon barreffama kanaas, Imaltuun human guddaa keessa isaa jiru baasee akka itti fayyadamu gochuufi. Ati ga’uumsa keessa kee jiru wallalte hin burjaaja’in. “Sa’a abban gaafa cabsee ormii ija ballessa” akkumaa jedhaamuu ofii keetif akka gatii qabdu yoo wallalte, namnii biraan gatii kee isa dhugaa sitti himuu hin danda’u. Eenyummaa keetif gatii kennuu dhiiste yoo ta’e, ga’uumsa keessa kee jiru fayidaa ala taasista. Ga’uumsa keessa kee jiru wallaluun immoo waan hojjechuu dandeessu hojjechuu dhadhabdee, dalga of hubatta.  Kanaaf ammarraa eegaltee, akka dandeessu sammuu keetti himi. Jalqaba waan hojjetamuu qabu, adda baasi. Itti aansii waan hojjechuu danddessu hojjedhu. Dhumarratti waan hojjechuu dadhabde san hojjetta.

Wanti siif galu qabu, jijjiramaaf itti yaadamtee uumamte. Yeoon ergaa kana siif barreessu namoonni addunyaa kanarraa jiraan biliyoona torba darbaniiru. Kanaaf atiis namoota akkas baay’atan kana keessa addatti uumamte. Wantidiscredited ati dagachuu hin qabne immoo namoota kana keessaa kan bakka si bu’ullee hin jiru. Tarii akka tasaa ta’ee obboleessa lakkuu taatanii waliin dhalattan qabaachuu dandeessa. Ta’us inni tasumaa si ta’uu hin danda’uu beekkadhu. Onneen kee isheen guyyaatti si’a hedduu dha’attu; ijji kee, funyaan kee, qaamoleen miira kee hundi bifa nama ajaa’ibuun, itti yaadamanii akka jijjirama olaanaa fiduu dandessutti uumaaman. Hamma kana adda taatee erga uumamtee, maaliif of tuffatta ree?

Diina milkaa’ina namoota hedduu kan nyaate, gaale “Ani hin danda’u” jedhu. Maarree atis hin danda’u jettee, deddeebitee sammuu keettif hin dhaamiin. Hin danda’u jettee yeroo hedduu irra deddeebitee, sammuu keetti himta yoo ta’emmoo hin dandeessu. Maaliif? Keessoon sammuu keetii waanuma hin himtuuf siif mirkanessee, akka hin dandeenye si amansiisa. Kanaaf gaalee hin danda’uu jedhuuf, sammuun kee akka amanuuf hin hayyamin. Ga’uumsi keessa kee jiru dhokataadha. Ati hamma gatii ofiif kennetu geessa! Ati nama rakasaa, waa’ee hin u miti. ”Hamma oftulummaa hin taanetti gatii kee hin xiqqeessin” jedhe gurbaan sun. Ati nama adduunyaan addatti beektudha. Uumama addatti uumame taatee gatii kee hin balleessin.. Hir’ina kee qofaa lakkooftee, cimina keessa jiru hin balleessiin. 

Ilaalcha jechuun maal jechuudha? What mean Attitude?


Ilaalcha jechuun, daandii sammuun keenya waan tokko ittin hiikkatu/ hubatu jechuudha. Jijiiramni amala uumamati. Namni umriin, bifaan, yaadaan, bilchinaan, fi kkf jiijiramaa deema. Haalli qillensaa, saayinsii fi teeknolojiin jijjiramaa deema. Haalli jireenya isa kaleessa fi dhengaddaa irraa saffisaan jijjirameera. Ilaalchi namni haalota garagaraaf qabu, isa waggaa muraasa duraa wajjin wal hin fakkatu. Isa kana keessa jiraachuufis ta’ee gaggeessuuf, dhalli nama ilaalchi isaa jijjiramuu qaba. Waan hundumaa rawwachuuf, ilaalchi namaa kan kaleessa caalaa jijjiramuun barbaachisaadha.

Ilaalchi kee hundee milkaa’ina keetiti. Namni ilaalcha gaarii qabu milka’adha.  Namni ga’uumsa olaanaa of keessaa qabu, garuu ilaalchi inni of keessa qabu yookiin inni baatee deemu hanga sirrii hin taanetti, ga’uumsi inni qabu bu’aa hin qabu. Lafa ilaalchi gaariin hin jirree, bakka ilaalchi hamaan itti dagaagetti, firii gaariin hin margu. Milkaa’uuf dura ilaalchi hamaan atti qabdu ilaalcha gaariin bakka bu’uu qaba.

Ilaalcha kee jijjiri “Jijjiramni, ilaalcha jijjirame barbaada.” Ilaalchi kee, utuu hin jijjiramiin, jijjiramni hin jiru. Ilaalchi kee, waan hundaa keeti. Namni waanuma nyaate fakkaata jedhama mitiree? Waanuma keessa kee jiru, baastee mul’ista. Namoonni baay’een waa’ee namootaa biraa beeku. Waa’ee isaanii garuu hin beekaan. “Akka isaatti yookiin akka isheetti” utuun jiradhee, wanti hundinuu anaaf salphaa ture, yommuu jedhaan ni dhageessa. Akka mataa ofitti jiraachuu dadhabanii, jireeenya namoota biroo hawwu. Akkuma jireenya namoota biroo jiraachuu hawwitu, namoonni biroos jireenya kee jiraachu akka fedhaan gochuu ni dandeessa. Ati akka namni biraa itti si beeku osoo hin taane, akka ati itti of beektutu jireenya kee siif murteessa. Kanaaf ilaalchi fi ejjennoon ati mataa keetiif qabdu murtessadha. Ilaalcha gaarii qabannan firii gaarii argatta. Firiin ati argattu ilaalcha atii ofiif, akkasumaas biyyaaf qabdu murteessa. Kanaaf atis ilaalchi kee akkuma burtukaana bilchaatee nyaataan mi’aa qabuu akka ta’uun siif hawwa. Dheedhiin akkuma mi’aa hin qabne, ilaalchi namootaas yoo sirri hin ta’in, nama hin gammachisu. Kanaaf atiis ilaalcha kee jijjiiruuf booddetti hin jedhin.

Seera Qonnaa (The Law of Farm)


Seerri qonnaa akkasi:

Lafa tokkorraa, callaa gaarii argachuu yoo feete, tartiibonni ati keessa darbuu qabdu jiru. Isaanis:

1. Lafumasaa argachuu qabda.

2. Laficha argatte sanarraa, cirtee, carabdee, qulqulleessuu qabda.

3. Baqaqsuu qabda.

4. Garagalchuu qabda.

5. Ammas keessa deddeebitee bulleessuu qabda.

6. Erga bulleesitee, sanyii qulqulluu qopheessite sana,xaa'oodhaan dabaaltee facaasuu qabda.

7. Erga facaastee, dallaa itti ijaaruu qabda (miidhaaf kan saaxilamu yoo ta'e)

8. Aramuu qabda.

9. Hanga gogutti eegumsaa fi kunuunsa barbaachisu hordofuu qabda.

10. Gaafa goge, haamuu qabda.

11. Kan haamtes, oobdii qopheessiterratti guurtee dhahuu qabda.

12. Kan dhooftes calleessitee, galchuu qabda. Akkanaan callaa argachuuf yaadde sana argatta. Tartiiba jalqabaa osoo hin raawwatiin, kan itti aanu argachuun hin danda'amu. Seera qonnaa kanarraa kan barannu, waanta barbaanne tokko argachuuf obsi filannoo osoo hin taane, dirqama ta'uusaati. Seerri kun seektera galmaa kamirrattuu ni hojjeta.

√ Obsaan, 

√ Naamusaan, 

√ Itti ciccuudhaan yoo hojjenne abjuu keenya sana ni milkeessina.

Gaaffilee Sooqiraates sadan


Namticha tokkotu, kutaa Sooqiraates itti boqotu dhaqee akkas jedheen: "Sooqiraates michuuko, waa'ee hiriyyaakee 'abaluu' waantin dhagahe natti hin tolle" jedhaan. 

Sooqiraates, booratiisaatti akkuma hirkateen, deebii osoon kenniifiin cal jedhe. Namichi ammas, "ajaa'iba! kun isarraa hin eegamu" jedhe, hidhii akka xuuxetti, huuruu bitaaf mirgatti raasaa!

"Namtichi kun salphaatti nan gadhiifne" jechuun, Sooqiraates, walii galtee tokko dhiyeesseef.

"Waa'ee  hiriyyaa koo, kan natti himtu sanaa, akkan dhagahu yoo feete, gaaffilee sadii durseen si gaafadhaatii tartiibaan naaf deebisi," jedhaan.

 Namtichi odichaaf ariifatus, filannoo biraa waan hin qabneef itti walii gale. "Gaaffiin jalqabaa waa'ee dhugummaati," jedhe Sooqiraates, "Waa'ee  hiriyyaa koo, kan dhageesse, dhibbaa dhibba dhugaadhaa?"  Namtichis, "dhibbaan dhibbaallee dhugummaasaa hin beeku" jechuun,  qana'aa, deebiseef "Baheessa! Kan nat himuuf kaate dhugummaa kan hin qabnedhaa jechuudha. Tole, gaaffiin lammaffaa waa'ee gaarummaati, kan nat himuuf jettu kun gaarummaa ofkeessaa qabaa?" jechuun Sooqiraates ammas gaafachuu.

Namtichis, "Waan gaariihoo miti" jennaan, Sooqiraatesis, "dhugummaansaa kanin mirkanoofne, gaarii kan hin taane natti himuu barbaadde; haa ta'u, gaaffii sadaffaa fi isa dhumaa sin gaafadha; Kan natti himuu kaate sun waan na fayyadudhaa? jennaaniin, Namtichimmoo, "lakki! lakki faayidaallee siif hin qabu," jechuun lafa laale.

Yoona kana Sooqiraates, "mee akkamiinan, dhugummaansaa kanin beekamne, gaarii kanin taane, anaan kanin fayyadne, si dhaggeeffachuu   danda'a; sokki na biraa sin dhagahu" jedhee jedhama! Meeqan keenyatu, kan namni nutti odeessu ykn odeessinu dhugaa, gaarii fi faayidaa qabeessa ta'uusaa calalla? Fulduratti waan dhageenyuufi dubbanuf, gaaffilee Sooqiraates sadan kana ulee safaraa haa godhannuun dhaamsa kooti!

Gabaa gammachuu jireenya keessatii

Gabaan gammachuu eessa? Karaa isa kamtu geessa? Kaani, Gammachuu dhalcheet Abbaa Gammachuu ta'a Ogeessimmoo iyyaafateet Gammachuu bira gaha!


Dhalli namaa du'a gosa lamaa du'uu danda'a. Mee dursa du'a isa lammaffarraan ka'a. Duuti namaa inni lammaffaan du'a boollaa gadiiti; kana, dabareetu burreedha malee, namni kamiyyuu jalaa miliquu hin danda'u;  Kun taatema uumama yoo ta'u "rabbi jalaa si haa baasu" hin jedhamu. Sababnisaas dhaloonni itti aanu akka dhufu feena taanan, nuyis bakka gadhiisuufiin dirqama.

Duuti inni tokkoffaafi kan baay'ee nama gaddisiisu du'a isa boollaa oliiti; Namoonni tuuta kana keessa jiran, warra eenyuummaasaaniitti saalfatanidha. Warri akkasii saba, afaan, bifa, dhaabbii, maatii fi bakka irraa dhalatanitti qaana'aa jiraatu; Namoonni hundi waa'eesaanii waan yaadaa oolu itti fakkaata; waantoota jijjiiruu hin dandeenyetti dhiphachaa oolu; Miira, jechaa fi haala namaa tilmaamuun hiika itti kennaa jiraatu. Furtuun gammachuusaanii borsaa namoota biraa keessa jira. Namoonni akkasii osoo homaa hin hojjetiin, du'aan du'atti darbu. Du'a isa lammaffaafis saffisa dabalu!

Namni ofiisaa of hin fudhanne namnis hin fudhatu; waaqnillee hin simatu; Jalqabumaa ofiyyuu gateera waan ta'eef kaaniinis ni gatama. Garuu gaafa ofargate jireenya haaraa jiraachuu eegala; Kan baay'ee nama ajaa'ibu garuu ilaalchi kun umurii naannoo afurtamaa booda nama biraa haafuusaati. Achirra yeroo gahan, eenyuullee dhimma namaa akkan qabne hubatu; dhimmi guddaan yeroo sanaa, Hanga ammaa maalan hojjedhee? dhalootaaf maalan kaa'e? addunyaa kanaaf maalan gumaache? ...jireenyikoo, bultiinkoo, qabeenyikoo kan ollaa fi hiriyyootakoo biratti maal fakkaata ? fi kkf irra malee dhimma waa'ee hin baasne sekoondiifiyyuu hin yaadan; hin yaadatanis.

Garuu maal godha! kan kana quba qabu nama hunda miti; Baay'oliin yeroo hojjechuufi jiraachuu qabanitti du'a boollaa oliirra waan turaniif yeroo balleessaniif quba nyaatu; yeroonimmoo duubatti hin deebitu; Osoo haasofnuu, namni hanqina beekumsaa waan qabuuf ofgateetu jireenya qannoo barbaacha fiiga; namni akkasii dhibee cimaa wal'aansa barbaaduun qabameera. Yaalli isaaf ta'u dursa of argachuu qabaadha! Yoo sana ni fayya; achii jireenyi dhamdhamashee mirgistiifii!

.... Eyyeen, of fudhadhu dursa! Hangafa milkaa'inaa santu isa!

Bakka milkaa'inaa, waan guyyaa tokko lamaan gahan miti.


Abjuu ofii kamiyyuu milkeessuuf itti fufinsaan fulduratti suksukuutu furmaata tokkicha. Namni obsaan qabne tokko daandii galmasaatti isa geessu akkuma jalqabeen gulantaa daandii sanaa hunda, takkuma ilaaluun akkan hin danda'amne ofitti himee duubatti deebi'a. Inni milkaa'uuf murteesse garuu gulantaa durasaa qofarratti xiyyeeffachuun fuulduratti tarkaanfata. Amalli akkasii taatee namootaa guyyaa guyyaa kan biroo keessattillee ni mul'ata.

Fknf namni tokko kitaaba dubbisuuf bite ykn ergifate, takkuma fuula kitaaba sanaa hundaa gaggalagalchee fixuun, "hanga kana yooman fixa?" jedhee lafa kaa'a. Ji'a boodas irra deebi'ee, gochuma walfakkaatu hojjeta. Ati garuu amala akkasiitti hin mijoomiin. Waanti hunduu adeemsaan siqa. Yerookee qindeessuun gulantaa sitti aanurra ejjedhu; imali. Innimmoo gulantaa biraatti si dabarsuun buufata galmakeetiitti si buusa.

Tokkichakoo Kumaa hin arganne gita


Tokkichakoo Kumaa hin arganne gita

Lubbuu du'a geesse sit du'arraa bita

Homtiyyuu si raasee sin qalbii sin hiru

Kanat uumte malee kan si uumeen jiru


Oolmaakeef waan taaksii hin feetu gibira

Saba dhugaa dhabeef ee dhugaan sibira

Garbummaa ka tulluu meelannaaf cabakoof

Imimmaan Qulqulluu imimmaan sabakoof


Si Abbaan qajeeltoo si abbaan furmaataa

Beekta gaaffii keenya kan ammaaf kan qaataa

Hawwineerra arguu deebii gaaffii keenyaa

Yasa dhugaa badeef dachaan baaftu beenyaa

Ya Waaq teessoo jallaa dhiitii achi fageessi

Guyyaa BILISUMMAA as nutti dhiheessi!


Of barun foormulaa hin qabu jedha kitaabni siif galeera jedhu.


✍Eeyyeen  of baruun foormulaa addaa hin qabu.

✍of ta'i jiraadhu eenyummaa keetiin booni.

✍Nama jaalachuu keen dura of jaaladhu!hunda dursa of ta'ii argami,hamma beektu hunda hin dubbatiin.

✍Jecha hin danda'u jedhu of keessaa baasii gati,kaayyoo keetiif gufuu kamuu danda'ii darbi.yoo cabde, okkoli,yoo okkoluu dadhabde,lafa irra illee daaddee deemi malee kaayyoo keerraa hin hafiin.

✍baay'ee dubachuurraa baay'ee dhaggeefachuu amala kee taasifadhu.waa tokkoon yoo kufte harka100 keessa harki 99 keeti abdii hin kutiin!nagaan bula oro koo

Kana beektuu laata?


1. Nama tokkoof filannoon yoo dhiyaateef carraan inni filannoo Isa sadaffaa filachuu baay'ee guddaadha.

2.Nama tokko irraa waan barbaadde argachuu yoo barbaadde jalqabarratti waanta ulfaataa ta'e tokko akka siif godhu gaafadhu .Filannoo kee salphisaa gaafa deemtu haala salphaa ta'een filannoo kee Isa salphaa ta'e filata. Fakkeenyaaf ,namni tokko birrii tokko akka siif liqeessu yoo barbaadde birrii dhibba-lama fa'a gaafadhu . Gaafa birrii dhibba lama didu suuta suutaan filannookee gara birrii tokkootti fidi . 

3.Guyyoota hojii keessaa guyyaa jalqabaa fi isa dhumaa carraan ati hoggantoota bira waajjira deemtee dhimma kee xumurachuu xiqqaadha. Sababniniis , guyyaa jalqabaa hojii torbaaniitu karoor fama , guyyaa  isa dhumaa immoo ni xiinxalama.

4. Namni tokko akka inni si ilaalaa jiru yoo beekuu barbaadde hamuummadhu. Yeroo ati hamuummattu namni si ilaalaa jiru sun ni  hamuummata. 

5.Namni tokko gaafa dhaabbatee si ilaalu akka sibiraa deemu yoo barbaadde callisii  osoo ija irraa hin libsatin kophee isaa ilaali . Yeroo ati callistee kophee isaa ilaaltu ni deema.

6.Bakka namoonni walitti qabamanii jiranitti namni tokko yoo quba abuudduu isaa dhokfate iddoon san hin mijanneef .Saalfachaa Jira jechuudha.

7.Namoota walitti qabamanii jiran keessatti yeroo wanti nama kofolchiisu tokko uumamu namni gara nama baay'ee jaalatuuti ilaala.

8. Namoota  waliin yeroo haasoftu miilli isaa garamitti akka garagalee jiru ilaali. Namni haasaankee itti tolee sidhaggeeffachaa jiru miila isaa garakeetti garagalcha.

9.Jaalalaan qabamuun mimoorii sammuu namaa ni fooyyeessa.

10.Ija keessa wal-ilaaluun namoota walhinbeekne jaalala walirraa qabsiisuu danda'a.

11.Yeroo namni tokko gaaffiikee guutuutti siif hindeebisin yookin gonkumaa hinjalqabin, yeroo inni haasa'e xumure callistee turuudhaaf yaali. 

12. Hariiroo nama tokko waliin qabdu cimsuu yoo barbaadde iccitii tokko nama sanitti himi.

13. Namoota biratti yaadatamuu yoo barbaadde nama jalqabaa yookin isadhumaa ta'i . Ilmi namaa waanta jalqabaa fi isa dhumaa baay'ee yaadata.

14.Nama tokko osoo jaalatanii guyyoota sadii caalaa itti mufatanii turuun hindanda'amu.Yoo ati yookin namni ati jaalattu tokko guyyoota sadii caalaa mufatee ture jaalalti dhumatte jechuudha.

15.Dhungoon umrii dheeressa . Saayinsiin namni haadha/abbaa -manaa isaa/ishee ganamuu dhungatu/ttu umurii waggoota 5 dabalataa jiraachuu akka danda'u/dandeesu mirkaneessitee jirti.

16.Nyaanni yeroo namni biraa qopheesse namatti mi'aawa. 

17.Sooshaal miidiyaan saaykoolojiidhaan akka suusii nama qabsiisutti qophaa'a.

18.Aangoon akka namni waa'ee nama biraa dhimma hin qabaanne nama taasisa.

19. Nama hargansuun isaa jeeqame tokko itti dhiyaattee sagalee olfuudhuudhaan hargantee hargansuu isaa sirreessuu ni dandeessa. Kana jechuun nama tokko itti dhiyaattee  hargansuu isaa to'achuu nidandeessa jechuudha.

20.Jaalalleenkee/tee yoo yeroo ati miidhamtu yookin dhukkubdu siwaliin boo'e/boosse , gonkumaa sidhiisee hin deemu/deemtu.

21.Namoonni baay'een dhungachuufhaaf gara mirgaatti garagalan.

23. Namni tokko yeroo si waliin haasa'u harka isaa of dhuubatti yoo dhokse, namni kun waa si dhoksuuf yaalaa Jira 

24. Yeroo tokko tokko dabbaramuun gaariidha. Namoonni dabbaramoon/bored people/ yeroo baay'ee waanta addunyaa jijjiiru tokko hojjatan/godhan .Dabbaramuun yeroo tokko tokko yaada gaarii , argannoo haaraa fa'atti nama geessa.

25.Hirriiba ga'aa osoo hin rafin yoo bulte, sammuu keetti hirriiba ga'aa akka rafte itti himi. Yeroo kana sammuunkee hirriba ga'aa argachuu baatullee akka hirriba ga'aa argateetti hojjata.

26.Namni nama hunda gammachiisuuf yaalu dhumni isaa kophummaadha.

27.Kijibdoonni gaggaariin kijiba nama biraa adda baasuurratti ciccimoodha.

28.Namoonni yeroo isaanii baay'ee aduu keessatti dabarsan  namoota kaan caalaatti gagammadoodha.

29.Waanta tokkoof nama dhimma hin qabne fakkaachuun amala namoota garmalee dhimmamaniiti.

30.Dunuunfachuun/ija cufachuun wantoota yaadachuuf gargaara.

31.Addunyaa kanarraa namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman sodaa lakkoofsa 13 qaban .Kunis phobia of number 13 /triskiadekaphobia jedhama.

32.Namni yeroo du'u gocha sammuu kan daqiiqaa torbaaf waanta abjuu fakkaatu ittiin argu qaba.

33.Diddaan/rejection sammuu keenyaaf akka dhukkubbii qaamaa/physical pain/ ti.

34.Namoonni umriin isaanii 18 hanga 33 jidduu baay'ee cinqamoodha. Umrii 33 booda cinqamni kun irraa bada.

35.Namoonni 90% waanta nama keessatti dubbachuu hin dandeenye ergaa gabaabaa/ teekistiidhaan ergan.

36.Wantoota ganama akka hirribarraa dammaqxeen hojjechuu hin qabne:

  1.Bililakee cheek hin godhin.Yookin sooshaal miidiyaa cheek hin godhin. Cinqamuu fa'a sitti dabaluu danda'a.

  2.Buna hin dhugin. Keessumattuu sa'aatii afur  dura gadheedha.

   3.Bakka rafaa turte yookin sireekee/firaashiikee irra hin turin yookin hin ciisin.Yoo osoo dhageessu bakka rafaa turte ciiste fuulduratti hirribni dafee si fudhachuu dhiisuu danda'a. Kunis sababa sammuunkee liinkii dammaquu fi sireerra ciisuu jidduutti uumuufi 

   4.Ciiftee alaarmiikee hin cufin.Rakkoolee akka cinqamuu/stress fa'aaf sababa ta'uu danda'a.

   5.TV_hin_ilaalin.

   6.Karoora haaraa hin karoorsin.  Isuma duraan karoorsiteen hojiikee itti fufi. Karoorakee yeroo biraa sirreeffachuu siif wayya.

37.Namni inni dhumaa osoo hirribni si hinfudhatin dura sammuukee keessa ture nama gammachuu keetiif sababa ta'e yookin nama dhukkubbii keetiif sababa ta'eedha.

38.Waanta tokko osoo yaadduu hirribni si fudhuu yoo dide, waanta san barreessii kaa'i.Ganama akka xumurtu waadaa ofiif seeni. Sana booda hirribni sifudhata.

39.Nama tokko  ofii isaarraa jaalalaan akka qabamu  yoo taasisfte  jaalalakeetiinis ni qabama.

40.Namni tokko akka sijaalatu beekuu yoo barbaadde waanta amala isaa ta'e hojjadhu. Yoo nama sijaalatu ta'e amala san cimsee itti fufa. Yoo si hin jaalanne Amala san ni dhiisa  Fakkeenyaaf jecha inni yeroo baay'ee  fayyadamu fayyadami. Yoo si jaalate jecha san caalaatti itti fayyadamaa deema yoo si hin jaalanne garuu jechicha ni lakkisa/hin fayyadamu. 

41. Yeroo hunda waanta namni tokko yeroo aare siin jedhu yaadadhu.Namni yeroo aare dhugaa dubbata. 

42.Nama tokko wajjiin yeroo dheertuudhaaf haasa'uun carraa nama sanirraa jaalalaan qabamuu ni dabala.

43.Osoo ati humnaaol /garmalee yaadduu hirribni yoo sifudhate, sammuunkee yeroo ati rafaa jirtuus aktiiviidha. Kanaafuu ganama yeroo hirribarra dammaqxu baay'ee dadhabda.

44. Namni tokko yoo si eege waan hojjatu kan biraa hin qabu jechuu miti.Waanti tokkollee sicaalaa barbaachisaa miti jechuudha.

45.Nama dhugaan waljaalattan tokko yoo harka walqabattan wantoota akka dhukkubbii,cinqii  fi sodaa sirraa xiqqeessa/fooyyeessa.

46.Namni tokko yoo jaalala keetiin akka qabamee jiru beekuu yoo barbaadde ija keessa ilaali. Yoo si jaalata ta'e agartuun ija isaa/isii ni bal'atti.

47.Ergaa gabaabaa/text message nama jaalattu tokko irraa yoo siif ergame kutaa sammuukeetii kan akka keemikaalota akka kookeenii  fa'a yeroo fayyadamtu kaka'u kakkaasa.

48.Namni tokko yoo wantoota akka maanzaraa/eye glass ,iskiriiptoo, irsaasii fi kkf  afaaniin alanfachaa jiraate namni kun dhimma tokkoof garmalee gaddaa jira.Akka gaafa harma haadha isaa hodhuutti nageenyi akka itti dhaga'amuuf yaalaa jira.

49.Namni tokko kursii/wambarii  irra taa'aa jiru gara duubatti yoo jedhe,haasaan dadhabsiisee Jira jechuudha. Tarii namni biraa achitti argamuun isaa hin mijanneef ta'a.

50.Akka walii galaatti namni tokko yoo harka isaa lameen walitti rige, namni kun waa'ee wanta tokkoo pozatiiviin itti dhaga'amaa jira jechuudha. Waanta abdate qaba.Yeroo waa'ee bu'aa gara fuulduraatti dhufaa jiru tokko yaannu akkas goona.

51.Sodaan /fear nama ajjeesuu danda'a.Sababni isaa waan qaamni keenya hormoonii adrenalinii baay'ee maddisiisuufi.Hormonichi yoo baay'ate summiidha.

52.Giddugaleessaan yeroon dubartiin tokko iccitii tursiisuu dandeessu sa'aatii 47 fi daqiiqaa 15 qofa.

53.Namoonni gorsa gaggaarii kennan irra caalaatti namoota rakkoo baay'een  isaan mudateedha.

54.Walitti dhufeenyi /hariiroon/hiriyyummaan umurii 16 hanga 28 gidduutti uumamu baay'een cimaa fi kan turuudha.

55.Irra caalaatti namni yeroo booyicha jalqabu , booyicha isaa dabaluuf gocha gaddisiisaa kan biraa yaadata.

56.Gurri mirgaa haasaa dhaggeeffachuutti cimaadha. Gurri bitaa muuziqaa dhaggeeffachuutti cimaadha.

57.Yeroo dheertuuf kophaa turuun akka nama guyyaatti sigaaraa 15 xuuxuutti fayyaakeetiif rakkoodha.

58.Namoonni yeroo waa'ee wanta isaanitti toluu dubbatan sirritti hawwatoo/attractive fakkaatu.

59.Dubartoonni 'ni bareedda 'jechuuniirra ibsa jaalatan . Dubartiin takka ni bareedda jechuuniikee caalaa  rifeensa bareedaa qabda, ilkaankee baay'ee nama hawwata fa'a yoo jetteen itti tola

60. Ofiikee dhugumaan of jaalattee yoo ofiis kabajje malee, jaalalleekee  irraa gonkumaa hin argattu.

61.Gammachuu argachuu ni barbaaddaa? Kunooti furmaannisaa.Sammuunkee gammachuudhaan akka guutamu yoo barbaadde guyyoota digdamii tokkoof(21) wantoota gaggaarii hojjatte sadii yookin wantoota ittin beekkamtu sadii yaadachiisi. Kana booda sammuunkee gammachuudhaan xaxama.

62.Namni tokko yeroo dadhabee jiru yoo waanta tokko akka sigargaaru  gaafatte irra caalatti osoo baay'ee itti hin yaadne siwajjiin waliif gala.

63.Iskiriiptoo/qalama/pen haariyaan akka barreessan yoo gaafatte namoonni parsantiin 97 maqaa isaaniiti barreessan.

64.Bilbila osoo hinkaasin dura seequun  qulqullina haasaa keetii ni fooyyeessa.

65.Namni tokko hanguma  seeksiidhaaf si hawwatu itti kijibuun sitti ulfaachaa deema.

66.Namni akka siamanu yoo barbaadde itti hasaasi.Akka qorannoon agarsiisutti namoonni yoo ati itti hasaaste irra caalatti siamanu.

67.Daqiiqaa kudha shaniif (15) yoo socho'uu baatte hirribni si fudhata.

68.Ergaa gabaabaan (text message) kan akkam bultee fi nagaan bulii kutaa sammuu gammachuu wajjiin walqabatu kakaasa .

69.Sammuun namaa nama tokko guutumaanguutuutti kan amanuu danda'u yeroo tokko qofa. Takka amanamummaan bannaan lammata akka jalqabaa hin ta'u.

70.Sammuun namaa wantoota gaggaarii caalaa waanta gadhee ta'e yaadata.

71.Sekoondii sadeen jalqaba hirribarraa dammaqxe waantokkollee yaadachuu hindandeessu.

72.Akka qorannoon agarsiisutti yoo daawwitii dura dhaabbattee dubbattee ofjajjabeessite ati sammuudhaan nama cimaa taata.

73.Gaddi cimaan(depression) kan yeroo kaanii caalaa yeroo sadii hanga afurii akka abjoottu sigodha.

74.Yeroo aarte  osoo hindubbatin dura hafuura guddaa(big breath) fudhadhu. Kunis sababa afaankee sammuukee caalaa saffisuufi. 

75.Daa'imni niboochi. Garuu,erga dhalattee jalqabee hamma ji'a tokkoo hanga sadiitti imimmaan hinqabdu.

71.Sekoondii sadeen jalqaba hirribarraa dammaqxe waantokkollee yaadachuu hindandeessu.

72.Akka qorannoon agarsiisutti yoo daawwitii dura dhaabbattee dubbattee ofjajjabeessite ati sammuudhaan nama cimaa taata.

73.Gaddi cimaan(depression) kan yeroo kaanii caalaa yeroo sadii hanga afurii akka abjoottu sigodha.

74.Yeroo aarte  osoo hindubbatin dura hafuura guddaa(big breath) fudhadhu. Kunis sababa afaankee sammuukee caalaa saffisuufi. 

75.Daa'imni niboochi. Garuu,erga dhalattee jalqabee hamma ji'a tokkoo hanga sadiitti imimmaan hinqabdu


Erga  dagatame tahuus bara hedduu

Tasa deebi'eera taatee mara gidduu

Gaafa san waan tahe yoon nan hima jedhe

Jaalalti mucayyoo waan inni na godhe


Guyyaa gaafa duraa gaafa na jalqabu

Nan qabamen seene yaada saas hin qabu

Guyyuma tokkotti tasa natti dhufee

Hangamuu kadhadhus miila jala kufee


Akkaan ol hin kaanet kaballaa na cufee

Anoo waansaan beeku waan ijji koo tahe

Barbaachi waan tahee climax gahe

Ajaja koo dhiise humna koo ol tahe


Deddeebi'ee laala daangaa meeqa cehee

Nama mana guute tokko arguu didee

Gara san na dirqa humna jabaa fidee

Guyyaadhuma tokkoon ibidda na hide


Erga guyyaa sanii baay'uman barbada

Daqiiqaaf sekondii mara isuman yaada

Yeroon dubbisuufii taa'us nama keessa

Hirriibaaniis tahu halkan walakkeessaa


Isiidhuma yaaduu halakaniifi guyyaa

Waa'ee shee xiinxaluu tahe hojiin kiyyaa!

Of keessaa gad baasee namatti hin himu

Humna koo ol tahee hangamuu na cimu


Ilkaan ciniinnadheen ofiikoon of gubaa

Dhibee falan qabneen ofumaaf of huba

Kuni jaalala moo nat himaa dhukkubaa?

❤️ JAALALA ❤️


πŸ”΄ Namicha tokkotu ture. Gaaftokko osoo karaa deemaa jiruu maangoo baay'ee bareedduu tokko argee. itti siqees kutate, baay'ees isatti toltee, nyaachuufis baay'ee gojomma'e.

🟒 Garuu waan tokko yaadate, haadha manaa isaa baay'ee jaallatuuf fuudhee galuu barbaadee, fuudheefis gale. Haati manaa isaas akkuma galeen nyaata baay'ee mi'aa ta'e dhiheessitee taa'itii nyaadhuu jetteen. Innis battaluma sana harka isaa kiisitti kaa'ee maangoo sana baasee waan kana siifan fide nyaadhu ittiin jedheen.

πŸ”΄ Isheen gammaddee harkaa fudhatte. Golatti galtee gaggaragalchitee ilaalte. Achumaan mucaa ishee baay'ee jaalattuu tokko yaadatte. mucichaafis kennuu yaadde. mucaa isheetiifis geessitee kennite. Mucichis baay'ee gammadee harkaa fudhatee yommuu ilaalu isattis baay'ee bareede. Mucichis geessee abbaa isaatiif kenne. Abbaanis baay'ee ajaa'ibsiifate. Harkaa fuudhee iddoo sadiitti kutee. Hundumti isaanii nyaatanii gammadan.

πŸ”΅ Jaalala jechuun nama harkaa fudhachuu osoo hin taane waliif kennuunis ni hogganama. Gammachuun, gammachuu nama harkaa fudhachuu duwwaa osoo hin taane namaaf kennuudhas.

➾ Waaqayyoo Jaalala dhugaa  nuuf haa kennuπŸ™

➾ Barri keessan kan jaalalaan ife isiniif haa ta'u!

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...