Showing posts with label durbummaa. Show all posts
Showing posts with label durbummaa. Show all posts

HAAL-DUREEWWAN WALQUNNAMTII SAALAAN DURA RAAWWATAMAN. (Dhiiraaf)


☑️ Dhiirri tokko sireeratti miira dubaraa erga kakaasee ofii gadi lakkisee booda ishiinimmoo xiqqoo kan hafu ta'e 'maaloo maalif dhabda raawwadhu malee' yeroo jettu kan isaammoo fedhiin du'ee waan jiruuf qaanii guddatu itti dhaga'ama.

☑️ Dhiira tokko jiruuf jireenya walqunnamtii saalaa inni raawwatu keessatti kan isa gammachiisu yoo jiraate yeroo wal qunnamtii saalaa raawwatu yoo ishee moo'edha. Yeroo dubartiin miiran aaddu, hoollattu arguun isa boonsa. Keessattuu dhumarra geessee yeroo ishiin gammachuun waan hasoftuu fi dhiistu walii wallaalte xibaartu, miiran addunyaa daaktu arguun dhiirummaa isaa akka itti dhaga'amu godha.

☑️ Garuummo kana gochuuf yeroo dhiironni tokko tokko gola keessaa rakkatan ni mul'ata. Rakkoon kun kan muudatu hir'ina beekumsa walqunnamtii saalaa fi dubaratti siqanii fedhii ishii hubachuu dadhabuu irraan kan ka'e ta'us, baay'een keenya barumsa walqunnamtii saalan wal qabatu baruu hin barbaannu, akka waan badii wayiitti ilaalla; nama waa'ee isaa nutti himuuf deemus halaalatti baqanna. Walqunnamtii saalaa raawwachuuf osoo fiigduu maalif barumsa isaa immoo jibbita? Halkanii guyyaa osoo dhalaa yaadduu nama haala  isaa sitti himu maalif ergamaa seexanaa  fakkeessita?  Ofii kee immoo maalif malaaka Rabbii of taasista? ♨️@walaloofi_iccittijaalalaa

☑️ Dhiironni baay'een fedhiin dubaraa akka dachaa sadi kan warra dhiira ta'e ni dubbatu. Gowwummaan isaani immoo  toofta dachaa sadi jedhan kana irra aanuf barumsaa kennamu akka waan safuun cabeetti ilaaluu isaaniti. "Walqunnamtiin saalaa  barumsa maal barbaada?,nafsaala dubaraa yoo ta'e mudhii gadi ta'uu hundatu beeka" jedhee mucaan natti odeesse tokko jaarsa ergee safuu eegee dubaraa fuudhe takka osoo ji'a ja'a hin turin walhiikuu isaanin dhaga'e.

☑️ Obboleessoo mudhii gaditti kan argattu iddoo walhormaatati malee miira kakaastuun achi qofatti kan hundoofte miti. Hidhii ishii laafaa, harma dhaabbataa, dabbasaa luuccaa jigaa, gogaa ishii laafaa, mudhii ishii, sarbaa ishii, daalleeshii, mormashii yeroo laaltu keessa keetti ibiddi boba'u maalif sitti fakkaata? Akka magneetitti kan ofitti si harkisu nafti ishii waan chaarjii faallaa kee qabduufi.

☑️ Jaallee koo Intala durbaa sex dhan jilbeeffachiisuu yoo barbaadde qaamota ishii miira kakaasan adda baafadhu. Gara hojiitti seenuu keetin dura bilisummaa kee labsuu qabda. Jidduu keessan sodaan jiraannan hatattamaan maqaa...(kootin) cabuu qaba. Walqunnamtiin saalaa sirnaan akka wattaadaraa yookin paarlaamaa sa'aatii eeggatee raawwatamee xummuramu miti. Ishiittis akka itti tolu gochuuf jalqabarratti keessa kee dhaggeefadhu. Hidhiin ishii ofitti nama fuudhaa? Harmi ishii miira namatti kaasaa?  

☑️  Kutaa qaama ishii sitti tole harka irra oofaa itti himi. Waktii kana miirri kee gaale keessoo ishiitti qaqqabachuu eegala. Akka nama massage hojjatuu qaama ishii hunda yeroo susukkuumtu miira keessa galtee afuufamti. Kana gochuun kee akka ati sex qofaaf ishii hin barbaanne hubatti. Ishii gammachiisufis dhamaatii kee ni barti. Massage yeroo susukkuumtu immoo akka hirriiba hin qabsiifne of eegadhu. Kaayyon kee daa'ima sossobdee raffisuu osoo hin taane qaama intalaa kakaastee walqunnamtii  saalaaf qopheessudhaafi.

☑️ Mormaa fi gurra ishii dhungachuu, Keessattuu morma ishii karaa duubaa dhungadhu. Miira addaatu itti dhaga'ama. Miirri ishii bakka rafee jiruu ol ka'a mormi dubaraa gaafa dhungatamu. Gurra dhungachuunis akkasuma. Suuta jedhiitii qilleensa baafachaa salphisiituma gurra dhungadhu. Jechoota mi'awaa  jaalalaa akkuma sirbaatti dhageessisi. Hafuurri kee yeroo guggubu, jechoonni kee jaalalaa keessa ishii yaa'u, qaamni ishii ni ho'a, fiimitti ba'aa deemti. Haala kamiin raawwachuuf akka deemtus gurratti hasaasi. Akka dammaatti baqxee, akka aannaniitti mi'ooftee, akka birraabirroo kochoo baaftee si fudhattee balaliiti.

WALQUNNAMTII SAALAA DURA QAAMA SI'EESSUU


Dubartii osoo itti hin kakaasin sex wajjin goonan akkuma nama reeffa du'aa waliin raawwateetti of lakkaa'i. Dursitee qaama ishii hundatti ibidda qabsiiftee intala fiimii gootee booda jala teessee aara ishii keessaa yaa'u ho'ifachuu qabda. Akkuma gaggabdeefii dhaqxetti qaama kee gottottee ishii koruuf fiigun horii wajjin wal si fakkeessa. Akkuma gaggabdetti immoo osoo turtee gaarii ture. Amma fincaanirra turtu osoo ishiirraa turtee ati cimaadha. Amma ishiin uffata hunda ofirraa baastee sireetti ol baatutti teessee ilaalta mitii? Ayiii

Qaama goggoge jiru rirriitun sis ta'ee ishii waan baay'ee fayyadu miti. Qaamni ishii osoo hin ho'ine akkuma fiigdee dhuftetti raawwachuun osoo ishii hin fixachiisin daftee xummurta. Nafsaalli ishiis osoo fedhii hin horanne tokkichumaan hin jiiidhu. Ammuma ati suuta harka keetin ishii qaqqabachaa deemtu jalaan qaamni ishii jiidhaa deema. Ammuma hidhii fi harma sukkuumtu nafsaalli dhaabbachaa fedhiin waxalamaa deemti.

Uffata ishii ati irraa baasi malee ishiitti gadi hin dhiisin. Uffata irraa baasun salphaa fakkaatus garuu ogummaa cimaa gaafata. Haalli ati irraa baastu mataan isaa miira keessa ishii galchuu danda'a. Suuta uffata gara olii irra baasi. Qabduu harmaa yeroodhaf  irruma tursiisi. Xiyyeeffannoo kee uffata mudhii gadi irratti taasisi. Tokkichaan furuursitee hin darbatin. Xiqqoo irraa baasii gadi siqsiitii itti ol deebisi. Hawwisiisii akka sardamtee haancufa yaastu godhi.

Duuba ishii dhaabbadhuu morma ishii dhungadhu. Yoo kana duuban goote miirri ishii bakka rafee jiruu dammaqa. Mormi duuban baay'ee senseetiviidha. Gurra ishiis ciniini. Ammas duubumaan goriitii harka kee bobaa jala dabarsiitii harma ishiirra harka kee qubachiisi. Harma ishii ciisee jiru susukkumtee mataa ol qabuu qabda. Akkuma yeroo daa'imummaa harma haadha keetii hoote san kan jaalallee/haadha warraa keetis yoo hoote cubbuu hin qabu. Caafii harma ishii arraba keetin arraabi. Akkuma biloonitti qubaan yookin arraba keetin fiixee harma ishii nanaannessi. Harka kee miilaa jalqabii kofa ishii jidduu walii gadi oofi. Akka nama kufee cabeetti qaama ishii hunda qabiitii dhidhiibii sukkuumi.

Akka fedhiin mataa koree sardamtee jirtu ija ishii keessa ilaaluu dandeessa. Muddamtee waan si gootu dhabdi yoo ati baay'istee fedhii itti horuu qofarra yoo turtle. Ijibbaata xummurarra yeroo geessu gochoota ati harkaa fi arraba qofaan  gootu irraa dandamachuu yoo dadhabde si kadhachuutti kaati. Intala danfitee fiimii ibiddaatti baate kana galmaan ga'iitii gammadii gammachiisi.


DURBUMMAA ~ Virginity


☑️  Waa'een durbummaa kana keessattuu gaaffi jabduu kan taate kan akka kiyyaa fb kana gubbaarraa xibaaraa oolludha. Dhageenyee malee dhandhamnee waan hin beekneef halkanii guyyaa akka waa'ee durbummaa kana yaannu nu godheera.

☑️  Addunyaa irra jiraannu kanatti, keessattuu yeroo ammaa kana durbummaa caala wanti gatii guddaa nama baasisu waan jiru natti hin fakkaatu. Sooreeyyiiin addunyaa keenyarra jiran qarshii miliyoonan lakka'amu invest godhanii durbummaa meeqa meeshaa dhuunfaa isaanii godhataniiru. Carraa akkanaa kan argattu kaa durbummaa carroomtedha. Faallaa kanaa immoo durbummaa heedduun kashlabbee omaa hin qabne kan akka kiyyaatin lafarraaa dhabamaniiru. Durbummaan eebbifaman immoo guyyaa isaanii eeggatanii abbaadhuma warraa harkatti kufuu danda'aniiru. Sa'a amma kana immoo durbummaa lubbuun jiran carraa gara fuulduraatti isaan muudatu kan yeroon deebisu ta'a. 

☑️  Dubartootuma birattis durbummaan iddoo olaanaa qabdi. Baay'een isaanii guyyittii durbummaa gatan kaan gammachuun kaan immoo gaddaan yaadatu.  Tokko tokko immoo humnaan gudeeddamanii yeroo dheeradhaaf rakkoo xinsammuu keessa seenaniiru. Tokko tokko immoo kabaja olaanaa kennuufirraan kan ka'e akkuma baatanii jiranitti akka wajjin awwaalaman seenan ragaa ba'a.   Yeroo baay'ee dubartiin durbummaa hin qabneerree ani 'durba' jettee dhiira jarjartuu meeqa yeroo harkatti gubdeera. Kana malees guyyaa laguu/xurii eegdee walqunnamtii saalaa raawwachuun kunooree durbummaan ati gororaafii baate jettee dhiira gowwomsite anuu nan beeka.

☑️  Yeroo baay'ee durbummaa kukkutuun akka gootummaatti warra fuudhee fi warri jaallalleen itti gadi lakkiste yeroo odeessan ni dhageenya. "Inatalitti keessa kute" jedhani gadi ba'anii dhiironni of dhaadhessan muraasa miti. Ishiin mee amma yoona durbumman jirti jedhamnaan garanaa garasii kan qarriffaa itti qaraa chaa bulu baay'edha. Dhiiratti kan mul'atu durbummaa fudhatee, dhiiga ishiitin of dhiqee kunoo shaashin jechuu malee ishiitti maaltu dhaga'ama kan jedhu hin jiru.

☑️  Biyyoota akka Hindiitti durbummaan walitti funaannamteet gabaadhaa dhiyaatti. Kuni lafumaa ka'ee osoo hin taane durbummaan dulluma ni balleessa, jaarsa ni qeerromsa amantaa jedhu irraa ka'aniiti. Dhugaadhaa laata? Ani hin beeku. Wanti nama dinqu immoo dubartoonni baay'een yeroo amma kana iyyessuus nurra dhalata jedhanii durbummaa baatanii yeroo lakka'aa jiraachuu isaaniiti. 

☑️  Durbummaan tun rakkoon kan marfamteedh. Gidiraan kan guuttamteedha. Osuma walqunnamtii saalaa hin raawwanne warri durbummaa of jalaa bittinneesse guute. Wantittin muka silkii miti, qodaa haphii waan taatef mudannoo garagaraatin dhabamuu dandeessi. Utaalcha wadarootin, sayikilii oofudhaan, farda gulufuun,ba'aa humnaa olii baachudhan, fincaan walitti kuufamee yeroo humnaan darbatamu galaafachuu danda'a. Anis, atis, ishiinis sababa hin beeknen dhabamuu danda'a. Waaqni yoo barbaades duwwaadhuma si bixxiluu danda'a. Sareen ilmoo ishii akka malee jaallattu ofumaaf nyaatti jedhan. Dubartoonni akka malee of jaallatanis durbummaa kana ofumaaf oolfachuu hin oolle. Masturbation gara keessatti raawwatamuunis ni bada.

☑️  Dubartoonni amma durbummaa isaanii kan ta'eef gumaachaniitti yaaddon isaa kan balaati. Osuma omaa hin raawwanne na keessa jirti moo hin jirtuu jedhanii yaadda'u. Walitti galiinsa nafsaala gara lamaanii maal akka fakkaatu arguuf ni bibir'atu. Oduu nama dhukkubaa, hin dhukkubu jedhamu dhaga'aa waan guddataniif guyyittin irraa fagaatti. Guyyittiin gaafasii galmee seenaa isaanirratti jalqabarratti katabamtee sirnaan teessi.

✅ Dubartoonni heeruman yookin fedhuma isaanitiin walqunnamtii saalaa raawwatanii durbummaa hin qabne yeroo namni waa'ee durbummaa barreessu, odeessu omaa itti hin fakkaatu. Hagas mara itti hin dhimmaman. Rakkoo guddaa fi cinqii keessa kan jiran warra hanga yoonaa walqunnamtii saalaa hin raawwanneedha. Keessattu immoo sababa garaagaraatin kan akka saayikilii, ispoortii faadhan ni bada oduu jedhu gaafa dhaga'an baay'ee nama yaaddessa. Dhugaan jiru garuu ati hanga walqunnamtii saalaa bira hin geenyetti parsaantii dhibba (100%) durbummaan jirta. Kana amani. Aabshir hin yaadda'in. 

❓ Durbummaatti osoo hin buune walqunnamtii saalaa raawwachuun ni danda'amaa ?

✅ Dubartiin tokko yoo durbummaa balleessuu hin barbaanne fedhii walqunnamtii saalaatiin gubachuu qabdi kan jedhu hin jiru. Fedhiin foonii baay'een kan jiru qinxirii (clitoris) gubbaarra waan ta'eef wantoota akka masturbation addaa addaatin fedhii ba'uun ni danda'ama. Durbuummaaf yaadda'aa walqunnamtii saalatiif gubachuun rakkoo xiinsammuutif nama saaxila. Malli ittiin durbummaa tursiisan kun 'technical virginity' jedhama.

❓  Durbummaan tokkicha bannaan ni deebi'aa ?

✅ Durbummaan tokkicha citnaan waan deebi'u miti. Haa ta'u malee yeroo ammaa kana guddina technology tin walqabatee surgery garaagaraatin transplantation (suphaa) adda addaa akka taasisaa jiraanidha. Garuu bakka durbummaa ganamaa sana bu'uu waan danda'u miti.

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...