Showing posts with label Gurbaa. Show all posts
Showing posts with label Gurbaa. Show all posts

Ni dandeessa You can do it


➥ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata.  Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha. 

➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata. 

➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee. 

➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname. 

➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru. 

Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!  

Walaloo Siif of kennuu?


Kabajan siif qabutu  guutee danbal'e 

Otoon waa'ee  kee yaaduu dhihee naaf  bari'e 

Waa'ee  kee yoon  kaase qaama kootu  hollataa 

Onneen  koo rifatee maashaan kottoonfata 


Narraa fagoo teessee naaf taateetta mootii 

Amma barabaraatti situu bulchaa kooti 

Bulchiinsi kee naaf ta'eera hin qabu gaaffi haqaa 

Addunyaa kee keessaa bahee eessa abbaa  koon  dhaqa 


Hidhiitii na garafi kuffisii na gangalchii 

Akka barbaadde  godhiiti atumti na bulchi 

Erga mootee  miira  koo miira  koo alaaf keessaa 

Yoo  barbaadde na bittee  na gurguruus dandeessa 


Dhiiga koo qulqulluu summii jaalalaan faaltee 

Eenyutu si gaafataree? Yoo  dhiittee na moote  

Hin qabu wantan sirreessu  hiriira sitti bahee 

Dhugaa waaqaaf  lafaati bulchiinsi kee naaf  tahe 


Eeyyama koo malee miira  koo na too'attee 

Jaarraa 21ffaatti garbicha kee na godhatte 

Ergan baachuu eegalee  gubaa sinboo keetii 

Ji'oonni darbeera waggaa guutuu kooti 


Dadhabee hin beeku nan baadha saggootti 

Alaala san  teessee miira  koo too'atti 

Garuu ati beektaa? Akkan siif gubadhee 

Cincaa'u kophaakoo  malkaaf tulluu ce'ee 

Karaa qaxxaamuree sin argaa gaaftokko?


Eenyummaa koo itti dhiisen eenyummaa kee jiraadha 

Ba'aa kee sirraa fuudheen jilbiiffadhee siif baadha

Dursitee na waraannatte eeboo xiyya jaalalaa

Siif of kenneen jiraadha mootii sin tajaajila

Gurbaa nan nyaadhaatti nyaatame


Konkolaataa keessattidha. Gurbaa duubarra taa'eeru tokkotu ture. Jalqaba erga konkolaataa seenee kaasee ijjisaa mucayyoo tokkorraa hin sochoone. Isheema ilaala! Bareedinni mucayyoo kanaas akkanni ilaalee dhiisu qofaaf isa hin dandeessifne. Kanarraa kan ka'e, of harka galfachuuf fala faluu eegale. Mucayyoon 'T-shirt' bobboca konkolaataafi mobaayila gatii jabaa ofirraa qabu godhattee jirti. Kanarraa ka'uun, fedhashee tilmaamuu eegale. Konkolaataafi meeshaalee gatii jabeeyyii biroon achirraa, wantota isheen qabaachuu hawwitu akka ta'e hubachuun isa hin rakkifne. Namni waanuma jaalatuufi hawwu qabatee deema mitiiree? Kanaafi!

Edda fedhashee tilmaammatee booda, tooftaa tokko falate. Sagalee alaarmii akka sagalee waamicha bilbilaatti dhimma bahuuf jira. Ariitiin alaarmii guuttate. Yeroo alaarmiin iyyitus maal akka jedhu qopheeffateera. Alaarmiinis iyyite. "Heloo! Akkam barfatte? Ana hogganaakeeti! Mobaayila kankoo iPhone chaarjii irratti dhiisee waanan baheefan kan namaan siif bilbilaan jira. Konkolaataakoo isa 'Pickup' dhiqii na eegi. 'Vitz'nkoo kaleessa dhiqame, isa dhiisi. Aariifadhu!" jedhee bilbila giiphiitti deebifate.

Akkumanni akkana jedheen mucayyoon gara isaatti deemuu eegalte. "Kan ani barbaadutu kana,....akkas malee! Kunoo, of harkan galfadhe,....kankoon ishee godhadhe" jechaa jira, keessa isaatti. Akkuma bira geesseen miilla isaa jalatti gadi jette. Gadi jettees ol jette. Isatti bitaa galaa jira. Dhumarratti, dhagaa mobaayilaa lafaa fuutee itti kennite. Edaa   yeroo alaarmiin iyyu sana, ariitiin yeroo giiphii keessaa baasu dhagaan mobaayilaa keessaa bu'ee jira. Inni kana hin beekne. Isheen garuu argitee jirti. Dubbiin inni jechaa tures soba akka ta'e yerooma dhagaan lafa bu'ee kaastee hubattee jirti. Akkanaan dhagaa mobaayilaa itti kennitee itti kolfaa bakka isheetti deebite. Gurbaan nan nyaadhaatti nyaatamee taa'e, nama kolfas ta'e!

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...