BAKKEE KEE CAALAATTI KEESSA KEE KUNUUNSII



Wanti suuraa isaa argitan kun Shittoo Flower Bomb Victor jedhamudha. Gatin isaa immoo Doolaara Ameerikaatti $2500 dha.  Gara qarshii biyya kanaatti yoo deebisnu 2500×50.69= 126,725birr ta'a jechuudhaka. Yeroo amma kana gatii isaanis ta'e foolin isaa jaallatamuudhan sadarkaa tokkoffaa irra jira. Kan nama dhibu garuu Hammi isaa immoo 50ml qofadha.

Shittoo kana gaafa gubbaa isaa ilaaltan wanuma xiqqoo gatii hin basne fakkaata. Garuu dhangala'oo qaruura kana keessa jirutu gatii isaa miyesse. Kan gatiin isaa ol ka'e, foolii isaaf jecha malee  bareedina qaruuraa isa gubbaarraa mullatu kanaaf jecha miti.  Dhangala'on kun utuu qaruraa bifti hin tolle keessas taa'ee foolii isaaf jecha inuma barbadama. Namni shittoo kana dibatee deemulle fuula nama fulduratti hammiisaa olka'adha. Shittoon kun lafa hundumattis hin argamu. Akkuma gatii isaa iddoon argama isaallee addadha.

Mee si keessahoo maaltu jira? maaltu si guutee jira? Iddoon argama keehoo eessadha?. Yeroo kana namni kan inni xiyyeeffatu bareedina isa gubbarra irratti malee bareedina isa keessarratti miti. Inni ilaalus inni ilaalamus ilaalchi isaa isa gubbaa kanarraa darbuu hin danda'u.

Obbolee koo waan sitti hima. Gubbaa kee kukkuulutti yeroo kee hin qisasessini. Sababni isaas inni ati itti dadhabdu kun hundumtuu boru akka fixeensaa coolagee bada. Dhimmi isaa dhimma uumuriiti. Bareedinni kee inni keessaa garuu barabaraan si walin jiraata. Akkuma shittoo kanaa gatii miyessuu kan danda'u wanta si keessa jirudha malee isa gubbaa kee kana miti. Tarii har'a gubbaa kee ilaale namoota danuutu si barbaada ta'a, Garuu na amani warri amma si afarsan kun yeroo muraasa booda  si biraa harca'u. Keessi kee foolii gaarii kenninaan garuu boris har'as hundumatu si urgeeffachuf si barbaada. Ati qofti keessa kee bareechu irratti yeroo kee gubi malee gatiin kee guddaadha. 

Kanaaf taa'i of ilaali, namni maal koo jaallachaa jira jedhi? Wanta bara darbee na keessa jiraatu of keessaa qabaa? jedhi of gaafadhu. Sammuu kee beekumsan gabbisi. Onnee kee jaalalan haaromsi. Fuula bareedu irra keessa bareedutu "kuni nama" si jechisiisa.  Namoota baay'etu uffaannaa fi fuula bareedee keessi daalacha'e, ati garuu ilaalcha sirrii qabaadhu keessa bareedi.  Badaa gubbaa kee irratti hin xiyyeffatini keessan fooli toli. Gubbaa kee utuma sukkemtee  miiccituu yeroon akka sirratti hin dhumne. Akkuma shittoon kun shittoo warraa kaan irraa sababa foolii isaaf jecha gatiin isaa minyawaa ta'ee barbaadamee ati wanta si keessatu gati kee miyessa waan ta'ef yeroo itti hin kennin Har'uma jijjiirramuu jalqabi. 

    

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...