Nuyi mataan keenya fi namoonni biroon hangam nu beeku? The 4 selves within us


Yeroo tokko tokko namoonni, "Ani ofiikoo nan beeka; abaluun sirrittan beeka," yeroo jedhan ni dhaga'ama. Garuu xinxaltoonni xinsammuu yaadni kun lamaanuu gutummaan guutuutti akka sirrii hin taane akka itti aanu kanaan nu hubachiisu: Eenyummaa keenya Arfan 

📌 1.Public - Ifa; kutaa eenyummaa keenya kan #Ifa ta'e mul'atu yoo ta'u, nuyi mataa keenyaa fi kanneen biroo nuyiin kan beekan kutaa enyummaa ifa ta'e dha.

📌 2. Hidden - Dhoksaa Kutaa eenyummaa dhokataa ta'ee, kan nuyi qofti mataa keenya beeknu, garuu ormi hin beeknedha.

📌 3. Blind - kan ormi waa'ee keenya beeku, garuu nuyi hin beekne dha.

📌 4. Unknown - Kan nuyis, ormis hin beeknedha.

Kanaafuu: 

👉 Namoota waliin hariiroon gaarii fi madaalawaa ta'e akka jiraatu, kanneen armaan oliitti tarreeffaman ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha.

👉 Kana yoon taane, abaluun nan beeka jechuudhaan, jechaa fi gochaa luugaman qabne yoo fayyadamne , guyyaa tokko namichi eenyummaasaa isa dhokataa sana yoo baase nu miidhuu danda'a. Akkasumas mataa keenyaan, ani sirriittan ofbeeka jechuudhaan gorsaa fi ceephoo warra kaaniirraa yoo hin baranne guddinaa fi fooyya'insi keenya ni daanga'a.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...