Kabajan siif qabutu guutee danbal'e
Otoon waa'ee kee yaaduu dhihee naaf bari'e
Waa'ee kee yoon kaase qaama kootu hollataa
Onneen koo rifatee maashaan kottoonfata
Narraa fagoo teessee naaf taateetta mootii
Amma barabaraatti situu bulchaa kooti
Bulchiinsi kee naaf ta'eera hin qabu gaaffi haqaa
Addunyaa kee keessaa bahee eessa abbaa koon dhaqa
Hidhiitii na garafi kuffisii na gangalchii
Akka barbaadde godhiiti atumti na bulchi
Erga mootee miira koo miira koo alaaf keessaa
Yoo barbaadde na bittee na gurguruus dandeessa
Dhiiga koo qulqulluu summii jaalalaan faaltee
Eenyutu si gaafataree? Yoo dhiittee na moote
Hin qabu wantan sirreessu hiriira sitti bahee
Dhugaa waaqaaf lafaati bulchiinsi kee naaf tahe
Eeyyama koo malee miira koo na too'attee
Jaarraa 21ffaatti garbicha kee na godhatte
Ergan baachuu eegalee gubaa sinboo keetii
Ji'oonni darbeera waggaa guutuu kooti
Dadhabee hin beeku nan baadha saggootti
Alaala san teessee miira koo too'atti
Garuu ati beektaa? Akkan siif gubadhee
Cincaa'u kophaakoo malkaaf tulluu ce'ee
Karaa qaxxaamuree sin argaa gaaftokko?
Eenyummaa koo itti dhiisen eenyummaa kee jiraadha
Ba'aa kee sirraa fuudheen jilbiiffadhee siif baadha
Dursitee na waraannatte eeboo xiyya jaalalaa
Siif of kenneen jiraadha mootii sin tajaajila