Yaa isa nama gaarii
Kan hin qabne aarii
Kan midhaan hin nyaannee
Kan bishaan hin dhugnee
Kan moofaa hin uffanee
Kan soba hin dubbanee
Waaqa malee maalii?
Ooltanii bultanii
Bultaniitu caalaa
Ooltaniin itti aanaa
Wantaa hundumaayyuu
Yaa Waaq situ caalaa.
Yaa sangoota warra Daannoo
Addi lachuu balacuudhaa
Kan taanewoo sila taanee
Kan si achii malachuudhaa.
No comments:
Post a Comment