Showing posts with label dove. Show all posts
Showing posts with label dove. Show all posts

Kanneen kana beekta lataa?


■ Jireenyi patternii mataa ishee qabdi! Hack gochuun gahee keeti. 

■ Namoonni hedduun osoo eenyummaa kee hin hubatin, jireenya kee karaa hedduutti hiikkatu. 

■ Namni biraa akka si jaallatuuf of hin jijirin, Namni dhugaa akka si jaallatuuf of ta'i. 

■ Gatii osoo hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru, hin jiraatus. 

■ Ilmi namaa gaafa gad-jettuuf si tuffata. Garuu, Waaqni gaafa ati jilbeeffattuufii ol si qaba.

■ Kan baatu ni ulfaata yoo jedhu. Kan baachiisu salphaadha jedha. 

■ Namoota nu cunqursaniif dhiifama gochuun moo'amuu osoo hin taane, Jaalala barsiisudha.

GORSA DUBARTOOTA HUNDAA

 


【1】 Gonkumaa abbaa manaa kee ijoollee fuulduratti hin loliin (wal hin dhabiin), dubartii beektuun kana hin gootu waan ta'eef.

【2】 Bareedina abbaa manaa keetii mirkaneessuu hin dagatiin! Utuu inni of bareechee xumuree si hin gaafatin!

【3】 Gonkumaa hiriyyaan kee abbaa manaa kee waliin hidhata akka uumtu hin heeyyamiin!

【4】 Gonkumaa yeroo mana fincaanii fi yeroo uffataa hin ariifatin, abbaan manaa kee kanaan waan hin mufanneef.

【5】 Maatiin kee yookaan hiriyyaan kee erga heerumtee waa'ee heeruma kee yaada kaasuu hin qaban, jecha isaan jedhaniif yeroo kee gubuu hin qabdu, yoo isaan dhiisuun si

dirqamsiise dhiisu qabda malee.

【6】 Gonkumaa yaadni kee qabeenya irratti kan xiyyeefatu ta'uu hin qabu, yoo qarshii isaa ol kan argattu ta'ellee walitti fiduu qabda malee.

【7】 Hin irraanfatin abbaan manaa yaadaan dhaggeeffachuu barbaadaati, yaadni kee qabamaa itti ta'uu hin qabu. Walii galtee gaariin gammachuu jireenya ofiiti waan ta'eef.

【8】 Yeroo marii yoo yaadni kee kan Isaa olitti hojjetu ta'e gonkumaa ofii kee isaan olitti of hin madaaliin, kun waliin hojjechuu waan ta'eef.

【9】 Abbaa manaa kee irratti ol-aantummaa hin fudhatin, abbaan manaa mataa haadha manaa waan ta'eef.

【10】 Haati manaa dadhabduun maal-na-dhibdee haadha manaati, isheen qaamnumti isheeyyuu akka dhokfamu hin beektu.

【11】 Abbaan manaa kee akaakuu ittoo nyaataa gaarii fedhaa?? Haala ittoo nyaata kee fooyyessuu yaali! Abbaan manaa nyaatatti waan hin qoosneef.

【12】 Gonkumaa abbaa manaa keetiin hin morkatiin! (wal hin dhabin), Yeroo qabdu hunda seeran fayyadami qabeenyi kee akka dabaluuf.

【13】 Dhufaatii abbaa manaa keen dura burchuqqoo (baattuu bishaanii) qopheessii kaa'i! Akkasumas namni kamiyyuu mana kee yeroo dhufuuf.

【14】 Dubartii waa'ee heerumaa ilaalcha gadhee qabdu wajjin walitti dhufeenya hin uumiin!

【15】 Mana dhaabuun kee siif gatii qaba. Innis akka ilaalcha mataa keetittidha, of jibbaa jiraachuun garuu gatii hin qabu.

【16】 Ijoolleen eebba (kennaa) waaqayyooti. Kanaaf ijoollee kee jaalladhuutii sirritti isaan barsiisi!

【17】 Ati Gonkumaa mana kee too'achuuf dulluma hin qabaatiin! Sababa kamiinuu yaada fi bakka ati manaa fi maatii keef qabdu gonkumaa hir'achuu hin danda'in!

【18】 Haati manaa kadhannaatti jabaattuun baay'ee aboo-qabeettidha! Yeroo hunda abbaa manaa kee fi maatii keetiif kadhadhu! Waan dubbistaniif galatoomaa!!! Waaqayyoo isin haa Eebbisuu.

Humna yaada the power of thought


Ka'uumsi waan kamiituu yaada. Milkaa'inni lafa kana hundi isaa jalqaba irratti yaada ture,booda adeemsa keessa qaaman gadi bu'e. Wanti har'a ijaan arginu hundi yeroo wayiitti,sammuu nama ta'ee keessatti YAADA ture. Konkolaatan yaada ture,xiyaarri sammuu obbolaa lamaanii(W-Right fi O.Right) keessatti yaada ture,reediyoon,tv'n , bilbilli ati harkaa qabdu YAADA ture.(Sammuu koo keessas YAADA boru dhalachuuf ta'utu jira.)  Fkn,Injinarri tokko yemmuu gamoo ijaaru,jalqaba sammuu isaa keessatti YAADA,itti aansuun suuraa YAADA isaa waraqaa irra kaa'a,dhumarratti wanta yaada ture sana lafarratti mul'isa.   

Milkaa'ina kee sammuu keessatti ulfoofta. Yeroo sammuun kee ulfa mul'ataa ulfaa'utti akkuma qotee bulaa biqiltuu isaa kunuunfatu kunuunsuu qabda,aramaa adda addaa irraa tiksuu qabda,ilbiisota ulfa kee sirraa baasuuf si adamsan irraa tiksuu qabda. Yoo jabaattee hin kunuunsine garuu bakka hin eeggamnetti abjuu fi mul'ata kee gattee galta. Kanaafuu jabaattee hojjachuu keetiin dura jabaadhuu yaadi.Ka'uumsi waamaraa YAADA.  Yaanni humna qaba. Tarii Waaqnuu lafaaf samii uumuu isaatiin dura Yaadaa turinnaa?

Dubbiisuun akka Nyaatati


Qaama keenya nyaata adda addaa filachuun sooraa oolla. Soorata nuti nyaannu qaama keenya ijaaruuf gahee guddaa qaba,sooranni summaa'a alaa'anis qaama keenya burkuteessuu danda'a. 

Akkuma nyaatan qaama keenya kunuunsinu sammuun keenyas nyaata fedha. Kitaabni nyaata sammuuti. Akkuma nyaanni balfaa'e qaama keenya summeessu Kitaabnis sammuu keenya summeessuu waan danda'uuf Kitaaba dubbisnu haalan filachuu qabna.

Kitaabota sammuu keenya positively jijjiiruu danda'an,kitaabota iccitii milkaa'inaa,ogummaawwan jireenyaa nutti mu'isan qu'achuu qabna. 

Kitaaba gaarii jireenya kee jijjiiruu danda'an hin dubbisin,qu'adhu malee. Siif galee jira mitii,nadhii kitaabichaa haalan xuuxuuf akka saayitistiitti qu'achuu qabda.

Walaloo Siif of kennuu?


Kabajan siif qabutu  guutee danbal'e 

Otoon waa'ee  kee yaaduu dhihee naaf  bari'e 

Waa'ee  kee yoon  kaase qaama kootu  hollataa 

Onneen  koo rifatee maashaan kottoonfata 


Narraa fagoo teessee naaf taateetta mootii 

Amma barabaraatti situu bulchaa kooti 

Bulchiinsi kee naaf ta'eera hin qabu gaaffi haqaa 

Addunyaa kee keessaa bahee eessa abbaa  koon  dhaqa 


Hidhiitii na garafi kuffisii na gangalchii 

Akka barbaadde  godhiiti atumti na bulchi 

Erga mootee  miira  koo miira  koo alaaf keessaa 

Yoo  barbaadde na bittee  na gurguruus dandeessa 


Dhiiga koo qulqulluu summii jaalalaan faaltee 

Eenyutu si gaafataree? Yoo  dhiittee na moote  

Hin qabu wantan sirreessu  hiriira sitti bahee 

Dhugaa waaqaaf  lafaati bulchiinsi kee naaf  tahe 


Eeyyama koo malee miira  koo na too'attee 

Jaarraa 21ffaatti garbicha kee na godhatte 

Ergan baachuu eegalee  gubaa sinboo keetii 

Ji'oonni darbeera waggaa guutuu kooti 


Dadhabee hin beeku nan baadha saggootti 

Alaala san  teessee miira  koo too'atti 

Garuu ati beektaa? Akkan siif gubadhee 

Cincaa'u kophaakoo  malkaaf tulluu ce'ee 

Karaa qaxxaamuree sin argaa gaaftokko?


Eenyummaa koo itti dhiisen eenyummaa kee jiraadha 

Ba'aa kee sirraa fuudheen jilbiiffadhee siif baadha

Dursitee na waraannatte eeboo xiyya jaalalaa

Siif of kenneen jiraadha mootii sin tajaajila

Naaf jiraadhu harmee koo Sumaadha anteen koo


Riqicha too mootii 

Biiftuu too ganamaa 

Oolmaan kee ayyoo koo 

Maaliin  madaalamaa?


Jiruu  koo jiraatta 

Saggoo kee cabsitee 

Midhaan na nyaachisuuf 

Dhiiga kee cobsite 


Daawwitii jiruu  koo 

Ogeettii hundumaa

Naaf jiraadhu harmee  

Waggaa kuma kuma

Yaa carraakoo kanaa

 


Carraakoo barbaacha

Fiigee gaara yaabee

Aduun natti dhiinaan

Karaa bu'aan dhabee


Bohee fala dhabee

Waan falu wallaalee

Agartuunkoos tiifee

Lolaatti na dabalee


Gaara konkoladhe 

Ergan laga bu'ee

Harkumakoon daakeen

Qarqaratti bahe


Huccuukoo qoorfadhee

Ka'ee ol dhaabadhee

Mucaccadhee kufeen bishaan habbuuqadhee


Utuu carraa eeguu

Carraan na dabarsee

Bishaan baay'ee dhugeen

Garaa na bokoksee


Naachi na gototee 

Galaanaa na baasee

Qeensaan na moccoree

Hirribaa na kaasee


Boruukoo abdadhee

Har'a utuun daaddisuu

Mul'atakoo arguuf

Utuu abjuun qaxxisuu

Boruun booruu ta'ee

Borutti na dabarsee

Carraan naf qajeelee

Ganda irra na joorsee

Kosii gandaaf baadheen

Saggookoo na cabsee


Aduu keessa taa'ee

Garaa waaqaa ilaalee

Carariin waaqarra gad na mil'attee

Ifakoo fudhattee dukkana naaf laattee

Ilaaluu hin danda'u

Yaadan nan leela'a

Agartuukoo dhabus

Sammuun na raata'aa


Dukkanicha dheessuuf

Duubatti baqadhee

Namummaakoo dheessuuf

Utaleen naafadhee

Carraan naaf qajeellee

Golatti na galchee

Yoo Waaqayyoo jedhe


Gugeen wucoolii ishee waliin baaxii manaa irra jiraatti. Mijateeraaf. Galgala tokko abbaan manaa "Ijoolle bor ganama ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" otuu jedhuu dhageesse. Isheef oduu yaaddessaa ture. "Yaa Waaqayyo ilaalikaa! Namichi ganama ka'een baaxii diiga jedhaa! Anii fi wucooliin koo eessa lixna?" jettee Waaqa kadhatte. "Namichi, 'Yoo Waaqayyo jedhe!' jedheeraa?" jedhee gaafate Waaqni! "Lakki hin jenne!" jettee deebisteef. "Yoos homaa hin sodaatiin!" jedhe. Ganama obboroo hiriyyaan isaa dhufee du'a firaa itti himee boo'icha waliin deeman. Manni hin diigamiin hafe.

Ji'a tokko booda ammas namichi waanuma dura jedhe sana dubbate. Gugeenis Waaqatti iyyatte. "'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!" jedheeraa?" jedhee gaafannaan, "Hin jenne!" jette. Deebiin Waaqaa isuma duraa ture. "Yoos hin sodaatiin!" Ganama barii dhimma atattamaa hojii isaan wal qabatutu isa mudate. Mana diiguuf mitii fuula dhiqachuufuu yeroo hin arganne. Ni qajeele!

Ji'a tokko booda ammas galgala lafaa, "Ijoolle yoo Waaqayyo jedhe barii ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" jedhe. Gugeen ni rifatte. Akkuma amala ishee gara Waaqaatti iyyatte. "Ammas kunoo baaxii manaa diiguuf yeroo sadaffaa dhaadataa jira. Yaa Waaqayyo maal nuuf malta?" jette. Waaqni ammas gaaffii isuma dura gaafate irra deebi'ee gaafate. Isheenis, "Miilanahoo 'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!' jedhe jettee deebisteef. 

Waaqayyo deebii kenneef. "Amma egaa namichi ni diiga. Baaxiin isaa dulloomee waan jiruuf diigee haareffachuu qaba. Namichi kun diiguuf erga karoorsee bubbuleera. Atuu kunoo yeroo sadaffaa na kadhataa jirta. Yeroon siif kenname ga'aa ture. Bakka biroo barbaaddattee man'ee keessa jiraattu ijaarrachuu dandeessa

 turte. Garuu, dhibaa'ummaa kee irraa kan ka'e yerootti hin fayyadamne! Dhibaa'ummaa keef gatii baasuuf jirta!"

Dhibaa'ummaan gatii nama baasisa jechuufan

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...