Samii lafa jalaa
Dhukataa hin mul'anne
Halkan gurraacha limixi
Kan gufuu,hin gufanne
Isa aduun itti qorree
Yandoon itti bulluqu
Karri dhugaa dhiphateefi
Uraa lilmoon lulluuqu
Kan nyaatu hin furdanne
Huqqataa hidda mixii
Midhaan jedheetu bukeessa
Corroqa akka lixii
Guyyaa sireerra oola
Halkaniin isa joorsa
Jiruu bineensaan morka
Akka waraabessaa
Lafti jalli samii
Samii gubbaan lafa
Foon isaaf lafeedha
Lafeen ammoo nafa
Ergaa alagaaf jedhee
Miila cabaan okkolfata
Damma lammii gola kaahee
Diinotasaaf raqa baata
Coomaaf daadhii mana firaa
Alaalatti baqata
Mana warra diinaa dhaqee
Hanqaarii kajeellata
Isaaf guyyaan halkani
Halkani immoo guyyaa
Obbolaaf du'a sirbee
Alagaaf naasuu iyya
Waldhabaa luka Harree
Shafoon koophee biqilche
Hin qabu gowwaan akkaataa
Gamni boonyaan ililchee
No comments:
Post a Comment