HARKA KEETTI DU'EE


Angafa durbootaa

Mootii bareedinaa

Waardiyyaa onnee koo

Ati naaf ulfina


Bareedina taanaan

Maaltu siin wal gita

Sinboon kee alaalaa

Eenyummaa koo bita


Walgeettin nyaara kee

 Konkonni funyaanii

Qallinni mudhii kee

Addeenyi ilkaanii


Ijji kee gurguddaa

Mudhiin kee kan sonsaa

Ijjannaan koomee kee

Miira kan koo onsaa


Faaya kennaa addaan

 Uumaan tolchee uume

Otoon akka shaamaa

Sumaaf baqee dhume


Otoo siif eegduu tahee

Si na eegsisanii

Otoo cinaa kan kee

Ana teessisani


Otoon carroometoo

Duukaa kan kee buhe

Harka keetti qorree

Harka keetti du'e

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...