Mana wacaan hin jigne
Kan utubaan sibiilaa
Alagaan diiguuf abjootti
Fagoo teessee alaala
Karaa keetti deebinaan
Gatii dhabnaaf gororihu
Bofaa gaafa ajjeesan
Dura mataa dhahu
Qoraattii muka keessaa
Maaf nan ciraa of rakkista
Iddasaa takkaa dhoofnaan
Dhaabitti goggoksita
Warreen Oromoo bituuf
Caraananii iyyani
Qoraattii muka keessaa
Itti ta'e Gadaani
No comments:
Post a Comment