Akka duute na hin dhoksiinaa; ni duute naan hin jedhiinaa!


Bara durii ture! Mootii bineensotaa kan ta'e leenca jalaa haadhatu dhukkubsate. Dhukkubichi dhukkuba cimaa du'aafi jireenya jidduu ture. Kana gaafachuuf, bineensonni bosonaa achitti wal gahani. Yeroo kana leenci ajaja tokko dabarse. "Ani gara biraan deemaatii, yoo isheen duute nan dhoksiinaa; ni duutes jettaniis natti hin himiinaa" jedhee biraa deeme. Yeroon booda haati leencaa ni duute. Bineensonni sun, waan jedhanii leencatti himan dhabanii baay'ee rakkatani. Dhoksuuf 'natti himaa' jedheera; itti himuuf 'ni duute naan hin jedhiinaa' ittiin jedhee jira. Maal falatu egaa? Gara dhabaa!

Osooma akkanaan jiranii qamaleen dhufte. Akka carraa ta'ee, dura yeroo leencichi ajaja sana dabarsu isheen hinturre. Waan jiru hundaa edda dhageesseen booda, fala tokko qabattee dhiyaatte. "Homaa hin yaadda'iinaa, anatu itti hima. Sana dura waanan jedhu godhaa! Rifeensa mataakoo gar-tokko narraa haadaa; gar-tokkommoo dhadhaa naaf dibaatii bareechaa!" ittiin jette, qamaleen. Waan jedhaman edda godhaniif booda, itti himuuf gara leencaa deemte.

Leenci akkuma qamalee sana argeen, "Haatiikoo ni duutee?" jedhee gaafate. Yeroo kana qamuun, "Osoo duutee rifeensakoo bifa kanaan dibadhee, filadheen deemaa?" jettee deebifteefii. Ammas leenci, "Hin duuneeree?" jedhee gaafate. "Yaa mootii! Osoo hinduune ta'ee rifeensakoo maaliifan haaddadhee dhufa?" jettee akkuma inni warra biraatti bitaa galche bitaa itti galchite. 

Kun gaaffichaafi deebiichadha! Gochaan qamalee sanaa, hima "Jirra jechuuf hinjirru; hin jirru jechuufis jirra!" jedhu tokko na yaadachiise. Ergaa baay'ee of keessaa qabaachuu ni mala. Akka akka siniif galetti hiikkachuu ni dandeessu. Siniif dhiiseera!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...