Iyyi bu'aa falmiiti


Namni tokko fuudhee waggaa shantama booda akkas jedhe; ''Anaaf haati manaakoo waggoota dheeraa dura waan tokko irratti walii galle. Innis yeroo tokko dheekkamu, inni biraan dhaggeeffachuu qaba. Sababni isaa namoonni lama wal duukaa iyyinaan sagalee malee walii galteen hin jiru."

Yaadaan walii galuu dadhabuun gara falmiitti akka hin jijjiiramneef of eeggachuu qabna. Yaadonni armaan gadii gara falmiitti akka hin galleef kanneen nu fayyadaniidha.

☝️1) Walii galuu dhabuun jiraachuu akka malu jiru qalbifadhu. Yoo namoonni lama guutummaatti walii galu ta'e isaan keessa tokko akka hin barbaachifne hubadhu. Kanaaf yoo yaadni irratti walii hin galle jiraate gammachuun simadhu. Tarii maaltu beekaa walii galtee dhabuun keessan kun dogoggorakee akka hubattu si gochuu danda'a waan ta'eef.

☝️2) Yaada jalqaba sammuukee keessa dhufe irratti of eeggannoo godhi. Yeroo baay'e ogguu walii galtee dhabnu, yaadikee jalqabaa dhugummaa yaadichaa gadi fageenyaan xiinxaluu osoo hin taane, ofii keenya bararuufi. Kanaaf tasgabba'ii dhugaa jiru gadi fageessi xiinxali. Maaltu beeka yaadumti ati deggertu sun kan si fayyadu osoo hin taane,kan si miidhus ta'u malaa.

☝️3) Miirakee too'adhu! Bilchinni nama tokko kan madaalamu dandeettii miirasaa too'achuuni. Miirakee too'achuu hin dandeessu taanan gaabbii barabaraa keessa of buuftaa.

☝️4) Jalqaba dhaggeeffeedhu! Mormitoonnikee akka haasa'aniif carraa kenniif. Hanga isaan dubbatanii xumurannitti eegi. Hin mormin. Yoo mormite ittumaa dubbii bal'ifta malee homaa waanti fayyadamtu hin jiru. Riqicha wal hubannaa gidduu keessanitti ijaari malee, dallaa addaan isin fageessu gidduu keessanitti hin ijaarin.

☝️5) Bakka irratti walii galtan qalbeeffadhu! Mormitoonnikee yaada irratti walii galtan irratti akka xiyyeefatan godhi!

☝️6) Dhugaa irratti hundaa'i! Dogoggorakee amanii dhiifama gaafadhu! kunis mormitootakee tasgabbeessee, falmii isaanii laaffisa,akka si amananis ni godha!

#7) Yaada isaanii irratti gadi fageenyaan akka yaadduufii xiinxaltu waada seeni! yaadi isaanii sirrii ta'uu akka danda'u abdachiisi.

☝️7) Mormitootakee galateeffadhu! Namni garaa garummaa yaadaa keessan furuuf yeroosaa kenne, furamuu baatus si waliin tura. Mormitoonnikee namoota si barsiisuu fi si deggeruu danda'an akka ta'anitti isaan fudhadhu. Kunis hiriyootakee dhugaa akka siif ta'an godha!

#Falmii irraa bu'aan argamu waan hin jirreef, falmii haa dhiifnuun ammo dhaamsa kootii!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...