Mudannoo Dhugaa


Ta'ichi waggaa tokko fixee jira! Kunis, nama anumaan nama biraa godhee wal na barsiisuu yaale tokkotu na mudatee ture. Namni kun, karaa fuulbarruu (Facebook) keessaan edda na dubbisee booda, gara haasahaatti gale.  "Ati naman baay'ee jaaladhuufi ajaa'ibsiifadhudha. Yeroo bifa kanaan si waliin haasahu gammachuu guddaatu natti dhagahama,...gootakoo" naan jechaa na masisuusaa itti fufe. Haalichi osooma bitaa na galaa jiruu, "Galatoomi!" jedheen deebiseefii. Itti aansee waan inni jedhetu afaan na qabachiise. "Kitaabotakee afran isaanii iyyuu dubbiseen jira; waan hedduun irraa baradhe. Qalamnikee haamirgisu!" yeroo naan jedhu, waan jechaa dhabeen jalaa callise. Waan naan jechaa ture hundi soba ta'uusaas nan mirkaneeffadhe. Yeroo inni akkana naan jedhu sana, kitaabni ani hawaasatti baasee jiru lama qofa ture. Anuma kana, nama ani hinbeekne godhee naaf fide. Ajaa'iba!

๐Ÿ‘‰Gochaan kun, waa na yaadachiifnaanin kaasuu filadhe. Mee of haa ilaallu! Hammam keenyatu osoo hin argiin akka isa argeetti, osoo hindhagahiin akka isa dhaggeeffateetti, osoo hindubbisiin akka nama dubbiseetti yaada kennaa oola? Anaa mooji! Gochaan akkanaa, jalqabarra abbuma miidha; gufuu guddinaa ta'uun akka hinsiiqne nama godha. Akkanuma, haamilee sobaa namaaf hiixachuutti nama geessa. Kunimmoo, ofirra darbanii nama biraa gufachiisuuf sababa guddaa ta'a. Kanaafuu, waan akkanaa ofirraa fageessuu wayya. Warra dhugaa rabbi nu haa godhu!

Mudannoo dhugaati!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...