Qanafaan faaya aadaa Oromoo Arsiiti. Faaya dubartoota kabachiisu. Kan dubartii deessuun/deettuun addatti(Kallachatti) hidhattudha. Meeshaan kun deessuu takka dubartoota kaan irraa adda baasee miidhagina kennaaf, qananii kunuunsaa argachiisa.
Dubartii QANAFAA addarraa qabdu Abbaan manaa hin dhaanu.
Akka aadaa Oromoo, keessumattuu naannoo Arsiitti(Siikkoo fi Mando) dubartiin Qanafaa hidhatte hin arrabsamtu,hingadadamtu, hindhaanamtu. Dubartii Qanafaa hidhatte jechuun, dubartiin sun deessee baatii shanii as jirti jechuudha.
Dubartiin deesse immoo humna hinqabdu. Dugdi ni daddarba. Dhiigni dhangala'eera. Kanaaf kabaja guddaa qabdi. "barsee mukkuree" safeeffadhaa jechuudha.
Haata’u malee, dhiirri tokko tokko, safuu kana cabsee dubartii Qanafaa hidhatte kan dhaanu ni jira.Yeroo kana dubartiin yoo iyyite, dubartiin kana dhageesse cufti "Kuuk" jettee, mana dubartii dhaanamtee sanatti Siiqqee qabattee ililfataa itti birmatti.
Namichi haadha manaa isaa Qanafaan jirtu dhaane suni wayita Siiqqeen dhaqxu, kabaja Siiqqeef jecha adaba itti murteeffamu fudhachuuf dirqama.
Balleessaa isaarraa qulqullaa'uuf ammoo, ni qala, ni fala, ni mara.
Maddi; Kitaaba Ilaalcha Oromoo irraa!
No comments:
Post a Comment