Gammachuukee haalotaaf hinkenniin!


Qabeenyi gammachuuf, dhabinsi immoo gaddaaf wabii miti. Gammachuun waan kanaan olii, filannoodha! Yoo feete kunoo, yoo hinfeene immoo kuunnooti. Filannookee! Eeyyeen, gammachuun qabeenyaan osoo hintaane, matumtisaayyuu qabeenya. Qabeenya eenyu namaaf kennuufi namarraa mulquu hindandeenye- kan dhuunfaaa ofiiti. Abbaan qabeenyaa qabeenya isaan gammachuu jijjiirratee gammadaa hin ta'u, inni harka qal'eessis waanin bitatu dhabee gaddaa hin jiraatu. Jara lamaniifuu, kun sirreeffama sammuu isaaniiti. Bu'aa ilaalcha isaanii! Eeyyeen, gammaduun dhugaa baatuu fayyaaleessummaa jireenyaati malee, agarsiistuu tuulama qabeenyaa miti. "Kan qabu hundi gammadaa, kan hin qabne baay'eenis of jibbaadha," jedhanii timaamuun tilmaama ofii haqarraa fageessuudha. Fakkeenyi dubbii tolcha mitiiree? Eeyyeen.... 

Namicha tokkotu ajaa'ibsiifannaa isaa namoota iddoo tokkotti walitti qabanii jiranitti osoo himuu dhagaahama. Akkanaan; "Ani yeroon waa'ee warra duuressootaa, duuressoota keessaa immoo warreen akka biyyaafi ardiilee hundaatti (addunyaatti) beekamtii qabanii yaadu waanti jalqaba irratti sammuutti na dhufu, siree isaaniiti. Siree isaanii!"  

Yeroo inni akkas jedhu, namoonni achi jiran hunduu yaadaan gara siree duuressootaa deemuun mil'uu eegaluu hinhafne. Anis, atis osoo achi jiraannee akkanuma ta'uu hinhafnu.  

Namoonni sun, siree warqeerraa hojjetamee haala addaan nama hawwatu irraa dureessoota namichi jedhe sana ciibsaa, waan inni jedhu irraa dhagahuutti dharraan isaanii olka'e. Namichi ammas irra deebi'ee, "Sireen duuressootaa baay'ee na ajaa'iba!" jedhe. "Maal isaatu na ajaa'iba seetani? Sirichi qoraatti irraa ijaaramuu isaati! Irra gad hirkatu, garuu hirribni ija isaaniitti hindhufu. Asiifi achi, oliifi gadi osoo gangalatanii irraan barii'a. Eeyyeen, sireen isaanii qoree irraa ijaarame na ajaa'iba!" yeroo ittiin jedhu, hunduu akka tilmaaman ta'uu waan dideef, gara afaan qabachuutti dachaanii jedhama.  

Amma tilaamuun hinrakkisu! Jarri hirriba malee bulanii guyyaas bututaa oolan kun, gaddamoo gammachuu akka ofitti aanfatan. Osoo akka qabeenyaatii, jara kanatu akka malee gammada ture. Qabeenyi madda gammachuu miti, dhabuunis gaddaaf karaa miti. 

Asirratti, kan qabaate gammadaa hin ta'u hin jenne. Abbaa qabeenyaa ta'uufi abbaa gammachuu ta'uun adda adda jechaa jirra. Kana ta'uu edda wal hubannee, maddi gammachuus ta'e kan gaddaa yeroo baay'ee filannoo abbbaati. Filannoo! Gammachuu filannookee godhu. Akkas kunoo!👏 

Gammachuukee haalotaaf hinkenniin! 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...