Alberti Enisteyin


Yeroo jalqaba 𝐓𝐡𝐞𝐨𝐫𝐲 𝐎𝐟 𝐑𝐞𝐥𝐚𝐭𝐢𝐯𝐢𝐭𝐲 ifoomse, Alberti Enisteyin af-gaaffii tokko irratti afeeramee, "waan ati jettu kana nama meeqatu hubachuu danda'a jettee yaadda?" Jedhamee gaafatamee, "addunyaa irraa namni 12 caalaan waan hubatan natti hin fakkaatu" jedhee ture jedhama. (Namoota yeroo sana turan). Atis siif galuu yoo dide hin komatamtu; anaafis hin gallewoo!

Qorannooleen hawaa baay'een isaanii tiyoorii isaa kana irratti waan hunda'aniif namni waa'ee hawaa hubachuu fedhu haga ta'e yoo dubbise gaariidha. Sanaaf kitaabilee wayya. Ammatti waan si'a baay'ee an raajeffadhu qofan keessaa gabaabsee barreessa. Akka tiyoorii kanaatti yeroo (time) irratti dhiibbaa kan qaban wantoota lama: saffisaa fi humna harkisaa (gravity).

Inni jalqabaa, wanti tokko hammuma saffisaan adeeme yeroon isa biratti suuta jedha isa jedhuudha. Akka isaan jedhanitti yeroon akka nutti fakkaatu san dhimma turtii (duration) qofa osoo hin taane, akkuma sochiilee kaanii 'relative' kan ta'eedha. Fakkeenyaaf, meeshaan saffisa guddaa kan saffisa ifaatti siquun adeemuu danda'u tokko hojjetamee, namni tokko ittiin osoo adeemee yeroon isaa fi kan namoota lafarra jiranii garaagara; isaaf suuta jedha. Namni sun yeroo inni ija isaa libsatee banatu, turtiin isaaf sekoondii tokko ta'e qofti nu warra lafa irraaf guyyaa tokko ta'uu danda'a. Osoo saffisa ifaatiin deemuun danda'amee ammoo (akka tiyoorichaatti hin danda'amu jedhaaf malee) yeroon nama sana biratti ni dhaabata.

Kana jechuun, namni sun bara-baraan jiraata jechuu miti; yeroon inni saffisa sanaan adeemu yeroon isaa kan warra lafaa waliin wal bira yoo qabamu tasuma hin adeemu. Namni sun saffisa ifaatiin adeemaa ija isaa yeroo inni itti libsatu qofti, nu biratti dhaloota meeqatu darba; yeroon isaaf dhaabbateera! ('Maal jechuudha?' Jettee? Maalan beeka an!. Wanti sun saffisa ifaa caalaatti adeemuu osoo danda'ee ammoo namichi achi keessaa sun gara yeroo darbee (back in time)'tti deebi'uu danda'a jedhan. Yaadni fiilmiilee garaa garaa irraa 𝒕𝒊𝒎𝒆 𝒕𝒓𝒂𝒗𝒆𝒍 jedhamus asirraa dhufe.

Namni tokko waan saffisa ifaa caalaa imaluun yeroo murtaa'e adeemee osoo deebi'ee gara kaleessaatti deebi'uu danda'a jedhu. (Fiilmii 𝐴𝑣𝑒𝑛𝑔𝑒𝑟𝑠: 𝐸𝑛𝑑 𝐺𝑎𝑚𝑒 ilaali). Wanta kana hojiitti hiikuun akkamitti akka danda'amu akka addunyaatti qorattoota baay'eedhaan qoratamaa jira. Yaada kanarratti wanti namaaf hin hubatamin jiru baay'eedha. Fakkeenyaaf, 𝒕𝒊𝒎𝒆 𝒕𝒓𝒂𝒗𝒆𝒍 fayyadamtee waggoota torbaatama of-duuba deebitee akaakayyuukee ajjeefte haa jennu. Ati jiraachuu dandeessa akka hin jenneef akaakaakee kan abbaakee dhalchuuf jiru ajjeefteetta; hin jirtu akka hin jedhamneef ammoo jirta! Kun 'grandfather paradox' jedhama. Walumaa galatti, yaadonni 𝒕𝒊𝒎𝒆 𝒕𝒓𝒂𝒗𝒆𝒍 waliin wal qabatan baay'eensaanii ifa ta'uu baatanis, ammatti sadarkaa tiyooriitti gara yeroo darbeetti deebi'uun ni danda'ama jedhu.

Inni lammataa ammoo yeroo irraan dhiibbaa ga'uu kan danda'u humna harkisaa (gravity)'dha. Wanti tokko hanguma 'gravity' cimaa qabaate yeroon isa biratti suuta jedha jedhama. Wanta akka 𝑩𝒍𝒂𝒄𝒌 𝑯𝒐𝒍𝒆 'gravity' guddaa qabaachuu isaarraan kan ka'e ifti illee danda'ee harkisa isaa jalaa hin miliqne biratti ammoo yeroon ni dhaabata jedhu. Osoo ni danda'ama ta'ee namni tokko 𝐁𝐥𝐚𝐜𝐤 𝐡𝐨𝐥𝐞 irratti umrii isaa dabarsee, warra lafarra jiran biratti umriin darbu hagana hin jedhamu akka jechuuti. Nama Waaqawoo, in cima mitii?

Dabalataaf kitaabilee:

1) Brief Answers To Big Questions- Stephen Hawking

2) Physics Of The Impossible- Michio Kaku Dubbisuu dandeessu.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...