Gurbaa nan nyaadhaatti nyaatame


Konkolaataa keessattidha. Gurbaa duubarra taa'eeru tokkotu ture. Jalqaba erga konkolaataa seenee kaasee ijjisaa mucayyoo tokkorraa hin sochoone. Isheema ilaala! Bareedinni mucayyoo kanaas akkanni ilaalee dhiisu qofaaf isa hin dandeessifne. Kanarraa kan ka'e, of harka galfachuuf fala faluu eegale. Mucayyoon 'T-shirt' bobboca konkolaataafi mobaayila gatii jabaa ofirraa qabu godhattee jirti. Kanarraa ka'uun, fedhashee tilmaamuu eegale. Konkolaataafi meeshaalee gatii jabeeyyii biroon achirraa, wantota isheen qabaachuu hawwitu akka ta'e hubachuun isa hin rakkifne. Namni waanuma jaalatuufi hawwu qabatee deema mitiiree? Kanaafi!

Edda fedhashee tilmaammatee booda, tooftaa tokko falate. Sagalee alaarmii akka sagalee waamicha bilbilaatti dhimma bahuuf jira. Ariitiin alaarmii guuttate. Yeroo alaarmiin iyyitus maal akka jedhu qopheeffateera. Alaarmiinis iyyite. "Heloo! Akkam barfatte? Ana hogganaakeeti! Mobaayila kankoo iPhone chaarjii irratti dhiisee waanan baheefan kan namaan siif bilbilaan jira. Konkolaataakoo isa 'Pickup' dhiqii na eegi. 'Vitz'nkoo kaleessa dhiqame, isa dhiisi. Aariifadhu!" jedhee bilbila giiphiitti deebifate.

Akkumanni akkana jedheen mucayyoon gara isaatti deemuu eegalte. "Kan ani barbaadutu kana,....akkas malee! Kunoo, of harkan galfadhe,....kankoon ishee godhadhe" jechaa jira, keessa isaatti. Akkuma bira geesseen miilla isaa jalatti gadi jette. Gadi jettees ol jette. Isatti bitaa galaa jira. Dhumarratti, dhagaa mobaayilaa lafaa fuutee itti kennite. Edaa   yeroo alaarmiin iyyu sana, ariitiin yeroo giiphii keessaa baasu dhagaan mobaayilaa keessaa bu'ee jira. Inni kana hin beekne. Isheen garuu argitee jirti. Dubbiin inni jechaa tures soba akka ta'e yerooma dhagaan lafa bu'ee kaastee hubattee jirti. Akkanaan dhagaa mobaayilaa itti kennitee itti kolfaa bakka isheetti deebite. Gurbaan nan nyaadhaatti nyaatamee taa'e, nama kolfas ta'e!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...