Ana qofa miti waan kun nama baay'ee ilaallatti. Maal wangeelliyyuu "Nama jaaladhu malee hin amaniin" jedha mitii?
Hin jedhu wangeelli. Kana namumatu ofii makmaakee dhugoomfachuuf wangeela fakkeessa. Qoyi, mee akkamitti nama hin amanne jaalachuu dandeessa? Yoo amante jaalatta bar. Nama hin amantu taanan nama hin jaalattu jechuudha. Jireenyimmoo jaalala malee duwwaadha๐ญ. Kun rakkookeeti. Silaas ati utuu ofiikee ofiif hin amanamiin namni biraan akka siif amanamu feetaa? Nama dinqitam! Ugaa. "Haati hattuu intala hin amantu" jedhan. Ofiifuu of shakkita anaan akkamitti na amanta jedheen si abdadharee? Sin abdadhu!
๐Amanamuun waada waliin karoorsanirratti ejjennoo dhaabbataa qabaachuudha.❤️ Atimmoo silaa ofiifis ejjennoo hin qabdu. Boru lafa bituuf karoorsitee finyoo bitta. Hojiitti qajeeltee mana bunaa oolta. Mallaqa qusachuun qaba jette qisaasessita. Hin dhugu jettee #qaradadda. Hin sobu jettee sobda. Yoom ofiif amanamtee beektaa? Ofiikee waadaa diigdee, namni hin amanamu jetta.
Waan gaarii gochuun abbuma fayyada. Ofiif jettu na amani. Bu'aan walshakkuu wal of dhiphisuufi mataa dhukkubbiidha๐๐ฑ. Filannoon ati qabdu gammaduu yoo feete na amanuu qofa.
Atis ofiif amanamuu yaalii; #Anis_nan_yaala. Waliif amanamuu ofiif amanamuutu dursa. "Naaf_amanamtaa?" Jettee nan gaafatiin!
Nagaatti.
Yaadannoo warra namas ofis hin amanneef haa ta'u
No comments:
Post a Comment