Wantaa Badaa Har'aa Hin tumsiin!


Bara durii mootummaa bineensotaa keessatti, leenca holqa tokko keessaa bahuu dadhabeefi hoolaa holqicha fuuldura deemtu tokkotu wal argee ture. Leenci kun, hoolittiin qabdee keessaa akka isa baaftuuf kadhate. Isheenis, sodaachuu irraan kan kaate ni diddeen. Boodarra, achi keessaa bahe akka ishee hin nyaannee leencichi waadaa galeefii. Hoolaan kunis daftee amanuushee irraan kan ka'e, qabdee holqicha keessaa isa baafte.

Guyyoota hedduu nyaatarraa fagaatee waan tureef, leecichi baay'ee beela'ee jira. Kanarraan kan ka'ee, hoolittiitti ija babaasee afaan isaa arraabuu eegale. Nyaachuu fedhuusaati. Waadaa waliif galanii turan hoolaan kun yaadachiiftus, dhagahuu hindandeenye. 

Bineensonni biroon karaa sanarra darban, mormii isaanii kana dhageeffachuuf itti siqanii ilaaluu eegalani. Hoolaafi leenci dabaree isaanii eeganii waan ta'e hundumaa bineensota kanaaf seenessuutti fufani. Sodaachuu irraan kan ka'an, bineensonni hundi qocaa irraa kan hafe, gara leencaa goruun dubbachuutti ka'ani. 

Qocaan gara lamaaniyyuu osoo hingoriin, haala jiru hunda sirnaan hubachuu feete.

Osoo hoolittiin isa hin baraariin dura, leencichi eessaa akka ture qocaan gaafatte. Leencichis gara holqa sanaattii akeeke. Qocaan leenca kanaan, "Holqa kana keessaa bahuuf akkam akka ulfaatu ilaaluu waan qabnuuf mee takkaa seeni!" jetteenii. Innis utaalee keessa bu'e. Sanaan booda, cufaa holqa kanaa qocaan leencichatti cufte.

Bineensonni hedduun itti marsanii ilaalan, haala nama ajaa'ibuun, maaliif qocaan kana akka goote gaafachuutti ka'ani. Qocaanis, " Yoo har'a hoolaan kun akka nyaatamtuuf itti dhiifne, boru nu keessaa dabareen nyaatamuu kan eenyuu akka ta'e hinbeeknu."

Seexaa: Badaa har'aa hintumsiin; har'a kallattiidhaan si miidhuu baatus, bor dabareen kankee ta'a. Ejjennoo irratti fudhadhu!

Dur durii bineensotaa irraan qindeesse.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...