Raftee nagaan buluun keenya waan dinqiidha; sababnisaas, osoo har'a arguu hawwanii kan hin argiin hafan hedduun waan jiraniif.
Qillensa tola hargannu kana afuura baafachuun waan dinqiidha; sababnisaas, maashinii malee kan harganuu hin dandeenye hedduun waan jiraniif.
Wantoonni har'a si rakkisan, du'a waliin gaafa madaalamu waan gatii hin baafnedha.
Waan sitti hir'ate caalaa, waan siif kenname ilaali. Rakkina hedduu bira dabarteetta. Waan itti na gahe jettee abdii kutte hedduusaa akka salphaatti darbiteetta.
Haadhooko, ati hin hubanneefi malee, jireenyikee waan dinqiitiin guutameera.
No comments:
Post a Comment