SEENAA AKKOO MAANOOYYEE(Tsayineesh
Gaanguul)
BEEKTUU ?
Bara durii keessa jaartiin Akkoo Manooyyee
jedhamtu tokko aangoo/taayitaa /argattee turte. Angoo ishii kanaan waanta ajaa’ibaa
raawwachaa/hojjechaa turte. Yeroo aangoo
irra jirtutti akkoon mannoyyee
tarkaanfii asii gaditti ibsaman tartiibaan Uummata ishee irratti
fudhatte:
Jalqaba namoota gabaabaa lafarraa fixaa jettee
murtii labsite. Akka yaada akkoo mannoyyeetti namoonni gabaaboon qaroodha. Yeroo adda addaatti yeroo isiin ajaja adda
adaa ummatni akka raawwatan barbaaddu, namoonni gaggabaaboon ni mormuun.
Dubbiin isaan injifachu hin dandeenye. Kanaaf dubbiin isii akka namoota qaroo kanaan
akka jalaa hin fashaleefi. Walumaagalatti nama isii mormu waan hinbarbaanneef
murtii kana fudhattee. Battaluma sanatti jaarsi gabaabaan tokko , “ mee waan
isinii toluuf qabaa boolla keessatti nadhoksaa nahambisaa jedhee.” namoota ajaja akkoo mannooyyee hojii irra
oolchuutti jiran gaafatte. Isaanis tolee jedhanii jaarsa kana osoo hin ajjeesin
hambisan.
Erga namoota na morman ykn yaada kiyya afoo
dhabbachuu dandan’an (namoota gaggabaaboo) jettee amantu erga ajjesisiiftee
raawwattee booda , ajaja jajjaboo enyuuyeroo sanatti fala itti argachuu hin dandeenye dabarsuu
eegalte.
Ajajni isa duraa:
lafaa fi samii jiddutti mana naaf ijaaraa jettee ajajje. Namoonnis
dubbin kun waan isaan rakkiseef fala dhabanii jennaan jarsa gabaabaa
na’awwaalaa jedhe san bira dhaqanii furmaata gaafatan. Jaarsichi dubbiin geette
itti yaadde fala gabaabaa namoota isa gaafataniitti hime. “Akka jettaniin, nuti
mana siif ijaarraa garuu dhoqqee abbatu buufataa ati buufadhu” jedhanii jedhe. Namootni akkoo mannooyyeetti
deebi’anii deebi’anii akkumma jaarsi
gabaabaan jedhe jedhanii itti himanii jennaan namni gabaabaan hafee jira jette.
Ajajinni isa lammaffaa: mana ani keessa galu kana
osoo asii hin sochoosin balbala isaa kana gara gaaraatti laalchisaa naa baasaa
jette, isaanis akkuma duraa san jaarsa gabaabaa
bira deemanii furmaata gaafatan.
Jaarsi akkana jedheen
deebiseef “yoo ishiin rafte
balbala mana ishii kan duraa cufaattii kan biraa gara gaaraa laalchisaa
banaafii jedhe.
Kana booda hifattee jennaan akkana jette “waanta
fardaa gadii kan harree olii naa fidaa nayaabsisaa” jette ajaja dabarsite.
Toleekaa jedhanii harree-diidoo fidaniifi yaabsisanii irraatti hidhanii gad
dhiisan,kana booda harreen fuutee halayyaa keessatti gattee akkoo maannooyyee achitti hambifte
jedhama..
No comments:
Post a Comment