NAMNI HIN KUFNE NAMA HIN SOCHOONE AKKA TA'EE YAADADHU!

 NAMNI HIN KUFNE NAMA HIN SOCHOONE AKKA TA'EE YAADADHU!




 Tasumaa akka hin kufne yoo barbaaddee,karaan gabaabaan si milkeessu tasumaa socho'uu dhiisuudha.!socho'uu dhiisuun immoo kufaatii hundumaa keessa isa caaluudha!
Taa'aniii kufuun,qaama guutuu qabaatanii miira fi hamileedhaan kufuuu!Namni kufe eenyudha?Nama balaan sodaa itti dhufe mitii?Namni utuu qormaata hin qoramiin kufu eenudhaa?nama qormaata sodaatee barachuu dhiisee fi nama beekumsa dhabee mitii?kufaatii?kufaatii akkamii?yaalanii kufuumoo ykn yaaluu dhiisaanii kuftuu ta'anii jiraachuu?yaalanii kufuu fi kafaatii sanarraa barnootaa argatanii injifachuuf ka'uumoo ykn bakkuma kufan sanatti hafuu?Barri kun bara nuti itti kufaatiitti hiika kenninuudha!!Waanta miidhagaa ta'ee tokko qabaachuuf yaalii taasifnee,haala nu mudateen kasaaruu,kufuufi abdii kutachuudhaan hidhamnee yoo achitti hafne kufaatiin sirriin isa kanadha.Karaa biraa immoo kaanee irra deebinee kan yaallu yoo taane,dogoggora uumne barnootaan sirreessuu qabna.
       "Balaa yommuu waan haaraa hojjetan nama mudatu dura dhaabbachuuf yoo eeyyamamaa ta'uu baatte waanuma itti baratame keessa jiraachaa hafta"JIM ROHN

'

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...