SAMMUUN DHIPHACHUU (STRESS) HIR'ISUUF maal gochuu qabda?


1- NAMA WALIIN WALITTI DHUFEENYA QABAADHU. 

Namni qofaa jiraatuu fi yeroo gammaduuf gaddu nama waliin haasa’u hin qabne carraan rakkoo dhiphina sammuu qabaachuu isaa olka’aadha. 

2- WANTOTA SI DHIPHISAN ADDA BAASII BEEKI. 

Wantootni nu dhiphisan tokko tokko kan dhabamsiisuu (avoid) gochuu dandeenyudha. Kanneen qaama jireenyaa taa’aniifi dhabamsiisuun hin danda'amne immoo dursinee itti qophaa’uufi of to’achuun furmaata. 

3- HAWAASA KEESSA JIRAATTUUF BU’AA BUUSI. 

Namoota naannookeetti argaman gargaaruufi jireenya isaanii jijjiiruun gahee ati addunyaa kana keessatti qabdu sitti argisiisa. Jijjiiramuu, gargaaramuufi fayyadamuu ollaakeetii, hawaasa keetiif sababa yoo taatu, ofiikeetti gammadda. 

4- FEDHIIKEE NAMOOTA MURAASATTI HIMADHU KAN ISAANIIS DHAGGEEFFADHU. 

Kunis namootni fedhii siin walfakkaataa qaban akka jiran sitti argisiisuudhaan qaama hawaasaa akka taate sii mirkaneessa. Namoonni akka keetii akka jiran sii mul’isa. Qaama hawaasaa ta’uun ammoo dhiphina sammuu hedduu namarraa ittisa.

5- BOQODHU. 

Hammam hojiin yoo sitti baayyate illee boqochuuf yeroo qabaadhu. Yeroo hirribaa akka salphaatti ilaaltee ofirraa hin hanqisiin. Hirribni gahaan fayyummaa sammuu irratti gahee guddaa qaba.

6- WAAN KEESSA JIRTU SIRRIITTI HUBADHU. 

Yeroo baay’ee namoonni dogoggora yeroo darbee yaaduufi rakkoo fuulduratti itti dhufutti yaadda’uu malee waan amma kana keessa jiran hin yaadan, hin yaadatanis. Waa’ee guyyaa har’a keessa oollee, waa’ee aduu har’a baatee dhiitee, waa’ee waan har'a hojjechaa oollee yoo yaadne miidhama keenya nuuf hir’isa.

7- FAYYUMMAA QAAMA KEETIIF OF EEGGADHU. 

Rakkoon sammuufi miidhamni qaamaa kunneenii yeroo baay’ee walitti hidhata. Kanaaf ispoortii hojjachuu, nyaata sirriitti nyaachuu, muuziqaa jaallattu dhaggeeffachuufi waliin shubbisuu, haga dandeessetti fayyummaa qaama keetii eeggachuun sammuu kee nagaa taasisa.

8- WAAN HAARAA HOJJACHUU YKN BARUU YAALI. 

Jireenya kee keessatti yoo waan haaraa bartu yokaan hojjattu, jireenyi kee irra deddeebii ta’ee sin nuffisiisu. Miirri fiixa ba’umsaa, mo’ichaa, gammachuufi ofitti amanamummaa waan haaraa baruu keessaan argamu.

9- GARGAARSA GAAFACHUUF DUUBATTI HIN JEDHIIN. 

Namoonni hedduun gargaarsa gaafachuun mallattoo mo’amuu yokaan kufaatii, dadhabina itti fakkaata. Kun tasumaa dhugaa miti. Kanaaf rakkina kam keessattillee gammachuudhaan gargaarsa gaafachuun mo’amuu osoo hin taane injifachuudha. Rakkoo sammuun dhiphachuu kana illee taanaan gargaarsa gorsaa gaafachuun furmaata guddadha.

๐Ÿ™Fayyaaf nagaa hin dhabiinaa๐Ÿ™

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...