ANI MAALIIFAN UUMAMEE?


Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin. namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti. 

Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyootakee onnachiisi. Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.

Eenyummaa dhugaa keessa kee jirutti gammadi. Isa namuu argee siif hin hubatu. Kan namoonni beekuu danda'an, eenyummaa kee isa alarraa mul'atu qofa. Seequu kee, dubbii kee, haala uffannaa keef gocha yookan raawwii kee qofa beeku. 

Beeki, eenyummaa kee dhugaan, inni guddaan keessa kee jira. Isa keessa kee jiru hubachuuf baay'ee rakkatu. Ati garuu dhugaa isaan ala keerraa beekanirraa adda. Caalaatti nama gaarii ta'uus dandeessa. Caalmaattimmoo nama yaada badaa qabus ta'uu malta. 

Gama kamiinuu, ilaalchi namoonni siif qaban keessa keetiin faallaa yoo ta'u, isa sirrii keessa kee beektuu sanaan of jaallachuu qabda. Isatti gammaduufi yaada isaan siif qaban sanirraa ati nama biraa ta'uu keetti gammadi. Yaadota keessa kee faallessan irraa dafii bilisa of godhi. Yaadota gaarii keessa kee jiran sana yaadi. Isatti boqodhu. 

Shamarree Haadha deesseef Abbaa Buddeenaa bira jiraattu takkatu turte, Haati haadha ishee deesse. Abbaan Abbaa Ormaati. 

Yeroo hunda lolamti, baay'ee ceepha'amti. Barnoota ishee cinaatti ergamtee boqonnaa tokko malee mana sana keessatti hojjettuu miindeffamte fakkaatti.  Maatii wajjiin jiraattu biratti akka dhala Ormaatti ilaalamti. Maatiin isheen waliin jiraattu hundi jechootaan madeessu. Ifatanii qalbii weeraru. Akka daa'imaa taphachuun, kolfuun yeroo boqonnaa qabachuun ishee bira hinjiru. Akkanumattuu ittin gammadan. 

Osoo hojiif waliigadi fiigduu sa'atiin mana barnoota itti gaha. Achiis deebitu, ifannaaf Hojiidha. 

Maatii mana sana keessa jiranirra garuu isheen qaama gaarii qabdi, sammuun ishee foon qaama isheellee jijjiiramaa deema. Gaaf tokko itti siqeen wajjiin haasa'e. "Silaa akkana si godhu, si abaaru, si arrabsu, si ifatu, hojii akkanatti hojjettan, garuu furdachaatuma bulta. Hin yaaddoftuu ?"  Jedheen gaafadheen?  Deebiin ishee na ajaa'ibe. 

Akkas jechuun naaf deebifte;  "Ani bakka isaan itti na yaadan keessa hinjiru, Wanti sammuun koo xiyyeeffannaa itti kennu, barnoota koo qofa. Kanarra darbee hagan hojiif waan isaan fedhan sana raawwadhetti, ifannaa, abaarsa, jibbaaf, ceephoo isaanii maraaf takkaa of dhiphisee hinbeeku. Abadan takka yaadda'ee hin beeku. Waan fedhan yoo jedhan isaanirraan aariif dhiphinas dubbisa. Ofirratti immoo jabinaaf tattaafiin arga"  Jettee. 

Dukkana baay'ee nannoo ishee marsee jirurra ifa xiqqoo keessa ishee jirutti xiyyeeffatte. Kanaaf yeroo hunda sammuun ishee boqote. Jechoota badaaf, jibba namoota naannoo isheerra jiran irra, gaarummaa xiqqoo of keessatti argitutti yaadni ishee gammade. 

Olola nu dhiphisaniif nu jeeqanitti xiyyeeffachuurra, waan keessa keenya jiru dhaggeeffannee of hubachuutu bu'aa qaba.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...