JAALATANI DHABU(DHIIRAAF)


➤  Dubara onnee keetiraa jaalatte tokko yoo ishiin kan si hin jaalanne ta'e osoo abdi hin kutanne kee godhachuuf ni dhamaata. Garuummoo jijjiiramni homtuu hin jiru. Haala ishiitti ni aarta. Yeroo xummuraatif yeroo si diddu haaloo ba'uuf yaadda. Sanyii Heewwan lafarra jiran hunda jibbita. Wanti akkanaa hin barbaachisu. Sababni isaas sin barbaadun sin barbaadudha!!

➤  Filannoon ati qabdu ishii irraanfattee dubaroo biraa ilaalachuudha. Ishiin waan si diddeef dacheen hin baqaqu, nukileerin hin dhodhoo'u. Sirumaayyu kan ishee caalan dacheerra guutan. Abshir!  Jalqabuma osoo sadarkaa kanarra hin geenye gaafa intalaan walbartaan mallattoo ishiin sitti agarsiiftu dandeesse dubbisteerta ta'eeti silaa cinqii kana keessa hin seentu ture.

➤  Dubartiin mallattoo sin barbaaduu kan agarsiiftu ifa baastee sittumuun olmaan ati ooltef itti ulfaachuu waandanda'ufi hiriyummaa kee dhabuu waan hin barbaannefi. " Nan rakkisin, Ani naman jaalalaf si yaadu miti" jechuurra mallattoon sitti himuun itti salphachuu danda'a. Tokko tokko immoo si qoruuf jecha waan si hin jaalanne of fakkeessuu danda'u.  Kadhaa kee halkanii guyyaa barbaaddes ta'uu mala.  

➤ Bu'a ba'ii tokko malee tole kan jedhan akkuma jiran, warri jilbiibbiin lafarra si foqoqsanii tole jedhanis guutaniiru. Warroonni akkanaa kun tokkichumaan yoon tole jedhe takka turee natti boonuu danda'a jedhanii waan sodaataniifi. 

★  Dubarri ati jaalalaf maraattef tokko kan si hin barbaanne yoo taate:

➤  Hariiroo jaalalaatif qophooftuu akka hin taane sitti himti. Nama heedduu walitti dhiyaattan yoo taatan yeroon itti yaadu naaf laadhu sin jetti. Kanaaf yeroo kenniif. Yeroo kennamte keessatti deebii yoo dhabdes irraa hin dheessin. Jaalallee kee ta'uu baattus hiriyaa gaarii sii ta'uu dandeessi. Daangaa hiriyummaa fi jaalalummaa addaan baasii beeki. Intala hiriyaa kiyya jettee icciitii ishii sitti odeessitu waan biraatif akka ishii barbaaddu gaafa itti himtu rifachuu dandeessi. Jaalala barbaachatti hiriyaas dhabuun jira waan ta'eef.

➤  Yeroo hunda sumatu bilbilaaf. Isayyuu sijalaa hin kaastu. Bilbila ishii irratti dhaanuun kee nuffisiisera. Sagalee dhuma kee dhaga'uu hin feetu. Tokkicha bilbiliif. Mee omaa miti lammaaffaas bilbiliif boonuu waan barbaaddef ta'uu danda'a. Amma hin kaastu taanan yoo ati bilbilteef harki kee haa cabu. Akka sin barbaanne sitti himaa osoo jirtuu maalif bilbila dhaantee siqiqsita? Yoo hin agarre ta'e ishiinuu deebistee sii bilbilti. Waan si'a dhibba deebistee bilbiltee fi jeeqxeef koo taati jettee hin yaadin. Amma amma namatti bilbiluurra wanti nuffisiisan biraa hin jiru. Ittuu akka si jibbitu fi si nuffitu hin godhin. Facebook gubbaarrattis ammuma ishii online gubbaarra jiraachuu agartu jecha hi jedhuun iddoo message dhiphisteerta. Ishiin immoo bantee dubbistee hin beektu. Ayiiiii... jedhe Haacaalun.

➤ Suma arguu hin feetu. Ijumaan argaa kee jibbiti. Faallaa oolmaa keetii oolti. Tasa osuma karaanuu walitti sin fidee daandii biraa sirraa cabsatti. Ati gowwaan immoo faana fi gaaddidduu ishii hordoftee sochoota. Maali akkuma weellisaa "argaa na jibbitus beenu of ajjeesi dachee gadhiisi" yoo jetteen?

➤  Ija ija keessa si hin ilaaltu. Si wajjin tuttuqaa hin uumtu. Dhiironni baay'een kana hin hubatan qaanofteeti se'u. Dubarri yoo si jaalatte ija sirraa hin buqqifattu. Sababa funaantet sitti bubbuuti. Tokko tokko immoo dhokataniituma si ilaalu. Dubarri ija babaastee waan si ilaaltef immoo tilmaama dogongoraa keessa akka hin galle.

➤  Dhiirota biraa sitti faarsiti. Abalu bareedadha. Abalu kana qaba sana qaba jette  si hinaafsisti. Ija jaalalaa osoo hin taane kan hiriyummaatin si ilaalti. Dubarri ati onee keetirraa jaallattu yeroo dhiira biraa sitti faarsitu caala wanti keessa kee gubu jiraa? Anaan!

➤  Dubara biraa waliin akka ati hariiroo jalqabdu haala siif mijeessiti. Dubara biraa bira si fuutee deemti. Kophaatti sin dhiiftee qajeelti.  Kana kan gootu dubartii hiriyummaa kee dhabuu hin feene qofa. Ati jaalallee ishii ta'uuf sammuun ishii tole jedhee waan hin fudhanneefi.

➤ shii kofalchiisuf qilee buutee fiddu ishii hin kofalchiisu. Wayyo!  Ilkaan ishii mitiitii fuulli ishiiyyuu hin warraaqu. Maal akka ati xibaarteyyuu ishiin si hin dhageenye. Kan si jaalatte garuu qoosaa kee miti gazexaayyuu yoo dubbisteef sin quuftu. Sitti haa tolu!

➤  Karoora kee si jalaa balleessiti. Sa'a shanitti si beellamteet kudhanitti si bira geessi. Yoo barbaadde hin dhuftuyyuudha. Sitti fakkaate malee intalli kun si hin taatu. Dhiisi jedhe gurbayyoo intala tana maaloo dhiisi.

➤  Dhiirri ishiin sammuutti baattee deemtu gonkumaa si hin fakkaatu.  Gurbichi biifti isaa, dhaabbin, yaadni, dubbiin, haalli uffannaa isaa hunduu keetin wal hin fakkaatu. Taatoo filmii Hollywood gubbaarraa jira. Anis akkuma taatoo filmicharra jirun of godha jettee yeroo fi humna kee hin qisaaseessin. Ammuma fiilmii haaran hojjatamu ofjijjiirtee hin dandeessu.

➤  Akka yeroo dabarfannaatti sitti maxxanuu dandeessi. Kuni gaaridha. Wanti uumamu waan hin beekamneef si jaallachuu dandeessi.  Dhiirri si caaluu dhufnaan garuu qullaatti hafuu keeti. Dhiirri tokko tokko yo dafnee irraa dhalchine filannoo waan dhabduuf igiruu hin deemtu jedhu. Kuni yaada fokkisaa ofjaalannaa irraa madduudha. Akka ishiin jireenya ishii guutuu si abaaraa jiraattu hin godhin.

➤  Yeroo hundayyuu hiriyoota ishii guurrattet si dubbisti. Kophaa ishii si dubbisuun waan jibbisiisefi. Gabaabumatti sin jaalattu. Hiriyaa ishii biratti gaaffii jaalalaa akka ati hin kaafne waan beektufi. Beellama kee hundarratti nama guurrattee yaati taanan sitti haa hafu dhiisi.

➤ Kana hunda osuma beektuu diddee otuma jaalala jalqabdaniiyyuu itti fufiinsa hin qabaatu. Gubannaa isaatu caala. Osuma beekanii ramaxa ibiddatti of gatuu ta'a.  Kan jaallate ijaan hin argu jedhama. Garuu immoo osuma beekanii ijaa baduun gowwummaadha. 

Haadhoo koo jaalatte kan hin jaalatamne ta'uu kee osoo beektuu, miira ishiif qabdu daftee dhaabuu osoo dandeessuu maalif na jalaa cinqii keessa of galchita?

Amma yeroo kee nama takka irratti ija kee dununfattee gubdu maalif ija kee banattee babbareedduu dirreerra burraaqaniin wal hin bartu?

Kan Uuman siif kaa'e takka garuu duungoo ibsitee teessee si eegaa jirti.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...