HAAL-DUREEWWAN WALQUNNAMTII SAALAAN DURA RAAWWATAMAN. (Dhiiraaf)


☑️ Dhiirri tokko sireeratti miira dubaraa erga kakaasee ofii gadi lakkisee booda ishiinimmoo xiqqoo kan hafu ta'e 'maaloo maalif dhabda raawwadhu malee' yeroo jettu kan isaammoo fedhiin du'ee waan jiruuf qaanii guddatu itti dhaga'ama.

☑️ Dhiira tokko jiruuf jireenya walqunnamtii saalaa inni raawwatu keessatti kan isa gammachiisu yoo jiraate yeroo wal qunnamtii saalaa raawwatu yoo ishee moo'edha. Yeroo dubartiin miiran aaddu, hoollattu arguun isa boonsa. Keessattuu dhumarra geessee yeroo ishiin gammachuun waan hasoftuu fi dhiistu walii wallaalte xibaartu, miiran addunyaa daaktu arguun dhiirummaa isaa akka itti dhaga'amu godha.

☑️ Garuummo kana gochuuf yeroo dhiironni tokko tokko gola keessaa rakkatan ni mul'ata. Rakkoon kun kan muudatu hir'ina beekumsa walqunnamtii saalaa fi dubaratti siqanii fedhii ishii hubachuu dadhabuu irraan kan ka'e ta'us, baay'een keenya barumsa walqunnamtii saalan wal qabatu baruu hin barbaannu, akka waan badii wayiitti ilaalla; nama waa'ee isaa nutti himuuf deemus halaalatti baqanna. Walqunnamtii saalaa raawwachuuf osoo fiigduu maalif barumsa isaa immoo jibbita? Halkanii guyyaa osoo dhalaa yaadduu nama haala  isaa sitti himu maalif ergamaa seexanaa  fakkeessita?  Ofii kee immoo maalif malaaka Rabbii of taasista? ♨️@walaloofi_iccittijaalalaa

☑️ Dhiironni baay'een fedhiin dubaraa akka dachaa sadi kan warra dhiira ta'e ni dubbatu. Gowwummaan isaani immoo  toofta dachaa sadi jedhan kana irra aanuf barumsaa kennamu akka waan safuun cabeetti ilaaluu isaaniti. "Walqunnamtiin saalaa  barumsa maal barbaada?,nafsaala dubaraa yoo ta'e mudhii gadi ta'uu hundatu beeka" jedhee mucaan natti odeesse tokko jaarsa ergee safuu eegee dubaraa fuudhe takka osoo ji'a ja'a hin turin walhiikuu isaanin dhaga'e.

☑️ Obboleessoo mudhii gaditti kan argattu iddoo walhormaatati malee miira kakaastuun achi qofatti kan hundoofte miti. Hidhii ishii laafaa, harma dhaabbataa, dabbasaa luuccaa jigaa, gogaa ishii laafaa, mudhii ishii, sarbaa ishii, daalleeshii, mormashii yeroo laaltu keessa keetti ibiddi boba'u maalif sitti fakkaata? Akka magneetitti kan ofitti si harkisu nafti ishii waan chaarjii faallaa kee qabduufi.

☑️ Jaallee koo Intala durbaa sex dhan jilbeeffachiisuu yoo barbaadde qaamota ishii miira kakaasan adda baafadhu. Gara hojiitti seenuu keetin dura bilisummaa kee labsuu qabda. Jidduu keessan sodaan jiraannan hatattamaan maqaa...(kootin) cabuu qaba. Walqunnamtiin saalaa sirnaan akka wattaadaraa yookin paarlaamaa sa'aatii eeggatee raawwatamee xummuramu miti. Ishiittis akka itti tolu gochuuf jalqabarratti keessa kee dhaggeefadhu. Hidhiin ishii ofitti nama fuudhaa? Harmi ishii miira namatti kaasaa?  

☑️  Kutaa qaama ishii sitti tole harka irra oofaa itti himi. Waktii kana miirri kee gaale keessoo ishiitti qaqqabachuu eegala. Akka nama massage hojjatuu qaama ishii hunda yeroo susukkuumtu miira keessa galtee afuufamti. Kana gochuun kee akka ati sex qofaaf ishii hin barbaanne hubatti. Ishii gammachiisufis dhamaatii kee ni barti. Massage yeroo susukkuumtu immoo akka hirriiba hin qabsiifne of eegadhu. Kaayyon kee daa'ima sossobdee raffisuu osoo hin taane qaama intalaa kakaastee walqunnamtii  saalaaf qopheessudhaafi.

☑️ Mormaa fi gurra ishii dhungachuu, Keessattuu morma ishii karaa duubaa dhungadhu. Miira addaatu itti dhaga'ama. Miirri ishii bakka rafee jiruu ol ka'a mormi dubaraa gaafa dhungatamu. Gurra dhungachuunis akkasuma. Suuta jedhiitii qilleensa baafachaa salphisiituma gurra dhungadhu. Jechoota mi'awaa  jaalalaa akkuma sirbaatti dhageessisi. Hafuurri kee yeroo guggubu, jechoonni kee jaalalaa keessa ishii yaa'u, qaamni ishii ni ho'a, fiimitti ba'aa deemti. Haala kamiin raawwachuuf akka deemtus gurratti hasaasi. Akka dammaatti baqxee, akka aannaniitti mi'ooftee, akka birraabirroo kochoo baaftee si fudhattee balaliiti.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...