GOSOOTA ATEETEE FI MAALUMMAA ATEETEE SIRNA GADAA KEESSATTI

 GOSOOTA ATEETEE FI MAALUMMAA ATEETEE SIRNA GADAA KEESSATTI



 Ayyaana dubartootni heeruman sanyiifi hormaata qajeelfachuuf facaafataniidha.

Ateeteen mallattoo nageenyaa,tasgabbiifi qajeelummaati.innis Uumaafi Uumama qajeelchitee dabaafi hamaa hambisti jedhanii bulfatu.Dubartoonni ateetee dhaabbatan Waaqaafi ayyaana haadha isaanii fayyaa,nageenya,qajeelummaa hormaataafi misa kadhatu.Ateeteen hormaatni horiifi namaa akka qajeelu,sanyiin faca'ee akka biqilu;kan biqilee bubbeefi cabbiin akka hin mancaane,araarriifi nagaan akka bu'uuf kan kadhatamuudha.

Ateeteen bakka gurguddaa lamatti(2) qoodama.Isaanis 

1,ATEETEE FALAA;

jechuun kan dubartootni Oromoo hormaatni sa'aafi namaa akka qajeelu,midhaan akka tolu,dubartiin ilmooo dhabde akka argattu,dhiironni nageenya biyyaa eegsisuuf bobba'an siinqee hulluuqsisuun eebbisuufi dubartiin daa'ima argattee Waaqa galateeffachuuf facaafatamudha.

@#Ateeteen Falaa gosoota gara garaa qabdi.isaan keessaa gurguddoon 

>Ateetee Furmaataa,

>Ateetew Duulaa,

>Ateetee Gindoo hiikaa,

>Ateetee Jaarii fi 

>Ateetee Sanyiiti.❤❤❤

2,ATEETEE GORAA;jechuun immoo mirgi dubartootaa Gadaan tume akka hin cabne kan qajeelchuudha.Dubartootni yoo mirgii Gadaan tumeef cabe ateetee ayyaanessu afaan seedaa dubbatu;nagaa,araara,hormaata,qajeelummaafi misa kadhatu.Raawwileen ateetee akaakuu hundaa aannaniif dhadhaan raawwatama.❤❤❤❤❤

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...