Naannoo namonni hedduun osoo yaalii gagggeessanii baay'inaan itti caccabanii
hafan keessatti akka guddatte hin dagatiin.yeroo tokkof yaalanii yoomuu
milkaa'uu dhaban,duuba deebi'anii waantoota milkoomina isaanii hankaasaan
odeessuufi kufaatii isaaniitiif nama itti gaafatama fudhachiisanii qeeqa irratti
roobsan kan barbaaddatan hedduudha. Rakkoowwan yeroo tokkotti hin furaman.
waanta kallattii tokkoon furamuu dide garuu kallattii biraadha yaalanii furuun
ni danda'ama. Irra deddeebitee rurrukutuu keetiin hundeen isaa ni cita. Funyoon
isaa gara mirgaattis ta'e gara bitaatt waan harkifamuuf ni cita. Cophni
bishaanii xiqqoon irra deddeebitee waan coccobduuf waan guddaa tortorsuu ni
dandeessi. Irra deddeebi'uudhaan, daandiiwwan addaa addaa barbaaduudhaan, waanta
namoota hedduu dide tole jechisiifachuu ni dandeessa. Kun akka ta'uuf immoo
"diddaa" siif deebi'u deebii isa xumuraatti akka hin lakkoofne murteeffachuu
qabda. Keessakee jabeessitee hammuma irra deddeebitee yaaltu, ofii keetiin
"jabaadhu" jettee irra deebitee yoo yaalte, nama ajaa'ibaa taatee of argatta.
Rikardii ofiiikeetii cabsuudhaaf fiiguu eegalta.
"Ejjennoo dhuunfaa keetii qabaachudhaan dhiibbaa sirratti uumamuun wal'aansoo qabuuf waan tokko godhi. Yeroo kana dhiibbaan sun hamma ati yaadde akka hin geenye hubatta" Norman Vincent Peale
No comments:
Post a Comment