Onneen Koo jaalala ketin
Akka dhadhaa baquufii
Atimmoo na qabsiiftee
Eessa Abbaakee dhaquufi?
❣️
Sin jaaladha naan jettee
Maaf na dhokattee
Onnee kiyya na sentee
Maaf mana godhatte?
❣️
Waan narraa qara laaltee
Adeemtu gara liillii
Maaliif kennaa jaalalaa
Naaf bitteree ilillii?
❣️
Sin fuudha naan hin jennee
Farsoo dhuguu lagattee
Har'a maalan balleesse?
Mee maal taanaan na gatte?
❣️
Bara dhiirri qaala'e
Keessaafuu bara kana
Abadan sin dhisuu
Kan sitti herrumu ana!
❣️
Yokaan akka kanniisaa
Ciniineen sitti citaa
Yokaan nagaa koo ta'i
Waan feete sitti bitaa!
No comments:
Post a Comment