KOPHEE MEEQA MANAA QABDA?


Seenaa dargaggeessa waggaa 23 tokko dubbiseen gaaffii hedduu mataa kiyya keessatti keessummeesse. Konkolaataa meeqa qabduu? Jedhee Yoon isin gaafadhe, hundi keessan akka natti gadditan waanan beekuufan gara Kophee meeqa qabduu jechuutti gadi isiniif bute. Addunyaan kuni akka tokkodha. Akka tokko kan ishee godhe immoo namuma isheerra jiraatudha malee jallachuu sirna uumamaa ishee mudateen miti. seenaa namoota qabeenya olaanaa qabatanii, qabeenya uumamaa uumaan nama hundaaf qixa hiretti ofii isaanii gar malee fayyadamanii dhaloota immoo mana hidhaa Hiyyumaa keessatti adabanii isiniif qooduu jaladheera. 

seenaa dargaggeessa tujaara konkolaataa akka jabbii qehee sooressaatii burraaqaniitti balbala isaatti walitti qabatee kan nu ilaalchisudha. Waahee dargaggeessa kanaa obsaan dubbisaa! 

Dargaggeessa Los Angeles,California tti dhalatedha. Maatii mootota Eeshiyaa keessaa dhalate. Abbaan isaa obboleessa Sulxaan Mootii Birunaahiiti.Maqaan dargaggeessa kanaa Faiq Jefri Bolkiah jedhama.Akka lakkoofsa warra Awurooppatii dhuma bara 1998 dhalate.Amma Umuriin isaa ganna 23 yeroo tahu.Taphataa kubbaa miilaati.Taphattoota kubbaa miilaa taphatan keessaa qabeenyaan kan bukkee isaa dhaabbatu hin mul'anne. Inni Sooressicha kubbaa miilaa bara kanaa Cristiano Ronaldo tiin illee harka 19 isa caala. Konkolaataawwan moodelli isaanii barbaadamoofi qaalii tahan walumatti kuma lamaaf dhibba sadii (2,300) qaba.

Qabeenyi isaa bara kanaa Doolaara Biiliyoona 20 ($20B) dha. Mucaan dargaggeessaa kuni waggaa 23 ffaa isaatti nama qabeenya kana hundaa qabudha. Qabeenya kana hedduusaa akka maatiirraa dhaaletu himama.  Kan nama ajaahibuufi shamarran hedduufimmoo dorgommii hamaa tahe immoo mucaan kun fuudhuu mitiitii jaalallee illee dhabuu isaati. Amma guyyaa hardhaatti jaalallee kan jedhamtu illee isa bukkeetti argamtee hin beektu. Baga gammaddan shamarran hedduun keessan! Maaltu beekaa? Tarii akkuma Aster gajjallaatii kaatee mootiitti heerumte, atumtuu asii kaatee mucaa kanatti heerumuu dandeessa. Silaa jaalalli qaata luka qullaasaa biyyaa bade. 

Dargaggeessi kuni konkolaattota Moodela garaagaraa qaba. Konkolaattonni kun warra akka adunyaatti sooressaan adamsamanidha. Vitz asii mandara keessa darbaa nama dhowwattu miti.Spokiyo isaanii tokkittiitu Vitz cimdii bita.Rolls Royce qofa 600, Mercedes-Benz 570, Ferrari 450, Bentley 380 akkasumas konkolaattota gara biraa 300 qaba.Walumaa galatti dargaggeessi ganna 23 kun konkolaattota 2,300 qaba. As biyya keenyatti; dargaggeessi Kophee Biraandiiwwan beekamoo keessaa sadii qabaannaan dhugumaan waan guddaadha.Kopheewwan guutummaa addunyaatti beekaman keessaa sadii afur qabaannaan milkiidha. 

Guutummaa addunyaatti kopheewwan jaalatamoon kanneen kanadha.Nike,Reebok, Adidas, Puma, Bata,New balance, Woodland, Sketcher, Peter England fi Vans dha.Dargaggeessi kanneen keessaa kophee tokko tokko qabu, akka waan milkaahaa taheetti ilaalama nubiraa! Kuniyyuu umurii 23 tti waan namaaf milkaahu miti. Faiq Bolkiah n garuu nama mana gar malee qaalii keessa jiraatu, konkolaattota kuma lamaaf dhibba sadiimmoo mooraa isaa keessa dhaabbachiisee qabudha.

Ofitti deebihaatii waan manaa qabdan of gaafadhaamee? Ati waan dadhabaa taateefii kan waan nyaattee bultuufuu waldhaansoo qabaa jiraattu? Waan hin dhamaaneefii kan jiraachuuf jettee halkaniif guyyaa hiriira taaksiidhaan mataan si cabu?  Osoo oliif gadi fiigdee hojii barbaadduu mitii kopheen tokkittiin ati qabduyyuu fuulduraan afaan bantee Qurxummii kiyyoon qabe kan fakkaatteefii? Waan ati dhibaahaa taateefii kan Konkolaataa bitachuun sitti ulfaateefii? Lakki situ dadhabaa tahee, dhama'uus dideef miti. Qabeenya dachee kanaatu, dafqa namoota hedduutu harka namoota muraasaa jiraafidha. Kunoo konkolaataa tokkittii nuyi akka waan guddaatti ilaallu, warri qaban immoo 2,300 balbala dhaabanii kan ittiin deemanuu wallaalan! 

obbolootni dachee kana irra jiraachuuf wal'aansoo osoo gootanii kan isinitti ulfaatuufii sababoonni akkas akkasii waan jiraniifidha.Gahee kee,qooda Waaqayyo akka itti jiraattuuf siif kennetti  Kan jiraachaa jiru qaama biraadha.Dadhabummaa ati qabdu osoo hin tahiin warra abba yerootu akka kanaa godhee lafa irra jiraachuu nama jibbisiise.Hiyyeessi tasumaa birmaduu jedhamuu hin dandahu.Yoo ammamuu birmadummaa isaa labsate,jiraachuuf jedhee garuu dhaqee sooressatti of gata!Yeroos birmadummaa qabu daldaluu isaati.Jiraachuuf immoo waan hedduutu raawwatama! 

Olaantummaan sooressootaa olaantummaa hin qeeqamnedha.Biyya  lafaa kana irratti sooressi bara kamuu kabajamaadha.Hiyyeessi immoo bara kamuu salphataadha.Waaqa malee eenyu hiyyeessa jaalataa? Uumamuu lafaa kaasee amma hardhaatti, boorus bara kamuu olaantummaan sooressaa  inuma jiraata. Yoos barri maal nutti hammaateree? Kan lafatti hammaate Seexana caalaa,sooressadha.Waan ittiin jiraatamu yoom dhibeeti dhaloonni "Baratu hammaate!"Jechaa jiraataree? Barri gonkumaa hin hammaanne. Kan hammaatee hammina labse Namadha! 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...