BOKOKA GARAA


Uumamaan adeemsa sirna bullaa'insa nyaataa keenya keessatti qilleensi ykn gaaziin ni uumama. Qilleensi kunis, akka inni rakkoo hin uumne bifa dhuufuutiin ykn deeffutiin ni baha. Yaa ta'u malee,sababa garagaraatiin qilleensi humnaa ol oomishamee ykn haala olitti jedhame kanaan yoo bahuu baate garaa keessatti kuufamee Bokoka garaa fi dhukkubbii garaa fiduu danda'a.

Wantoota Bokoka Garaa Fidan

Qilleensi ykn gaaziin bokoka garaa fidu harki caalaan kan garaa keenya seenu gaafa nyaannuufi wanta dhugamu immoo dhugnuudha. Innis, yeroo baay'ee bifa deeffutiin baha.Haalli biraa immoo nyaata qilleensa uumamaan uuman nyaachuudhaani. Inni kunis,yeroo baay'ee bifa dhuufuutiin ni baha. Nyaatawwan qilleensa uuman keessaa muraasni :-

*Baaqelaafi bu'aalee isaa

*Ataraafi bu'aalee isaa

*Hanqaaquu nyaachuu

*Fuduraa fi kuduraa tokko tokko,fknf Qullubbii adii,appilii,goommana(raafuu) fkkf

*Qamadiifi bu'aalee qamadii

*Aannanii fi bu'aalee aannanii 

*Dhugaatiiwwan akka kookaa, biiraa, farsoo fa'a

*Maastikaa alanfachuu

*Karameellaa xuuxuu fi kkf. 

Akkasumas, dafanii dafanii nyaachuufi dhuguu, gaafa nyaatan haasa'aa nyaachuu faanti illee qilleensi baay'een akka gara garaa seenuu godhu.

Bokokni garaa dabalataan, mallattoo dhukkubaas ta'uu danda'a. Fknf, mallattoo Gogiinsa garaa,dhukkuba garaachaa, dhiphina garmalee ta'e,dandeettii nyaata tokko tokko bulleessuu dadhabuu,Rakkoo mar'immaanii fa'a ta'uus danda'a. 

Akkamitti Of Gargaaruun Danda'ama?

Bokoka garaa sababa dhukkubootatiin dhufe, dhukkuboota sanniin ogeessa fayyaa mariisiisuudhaan yaalamuun barbaachisaadha. Yaa ta'u malee, bokokni garaa yeroo baay'ee gargaarsa nuti ofii goonuun salphaatti nu dhiisuu danda'a. Gargaarsi kunniinis :-

Nyaatawwan olitti jenne keessaa kamtu akka rakkoo kanaaf nu saaxilu adda baafannee nyaata san hir'isuu ykn dhiisuu. Haalli kun,obsa waan barbaaduuf suuta jedhanii obsaan bira gahuu 

*Bishaan sirriitti dhuguu (guyyaatti liitira 2-3)

*Suuta suuta nyaachuufi dhuguu

*Dhiphinafi yaaddoo hir'isuu

*Maastikaa alanfachuu ykn Karameellaa xuuxuu dhiisuu ykn xiqqeessuu

*Sigaaraa xuuxuu dhiisuu

*Suuta suuta garaa susukkuumuu 

*Sochii qaamaa guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30f,torbanitti guyyaa 5f gochuu

Yoom Mana Yaalaa Deemuun Barbaachisa?

*Bobbaa dhiiga makate yoo nama teessise

*Baasaan yoo jiraate

*Ulfaatinni qaamaa garmalee yoo hir'ate

*Olguuraafi haqqeen yoo jiraate

*Hoo'i qaamaa dabalee jira yoo ta'e 

*Gogiinsi garaa yoo jiraate 

*Dhukkubbiin garaa nama irra yoo ture

Dhukkubbiin qomaa ykn gubaan laphee yoo jiraateefi haala olitti jenneen of gargaaruudhaan yoo nama dhiisuu baate mana yaalaa deemuudhaan ogeessa fayyaa mariisiisuun barbaachisaadha.


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...