Hoomtuu si miidhuu hin danda’u; eyyama hin laatin. Abraham Linkan utuu gara pireezedaantii Ameerikaa hin dhufin dura abbaan isaa kophee tolcha ture. Warroota ija gad aantummaan nama ilaalan biratti “Mucaa abbaan isaa kophee tolchu” gara pireezidaantiitti dhufuun baay’ee ajaa’iba kan ta’eef, hedduu aarsee ture.
Guyyicha yeroon ga'u Abraham Linkan haasawa jalqabaa taasisuuf mana mareetti argame. Akka tasaa namni dureessi tokko miseensota keessaa ka’ee “Abraham Linkan hoo; Abbaan kee maatii kootiif akka kophee tolche irraanfachuu hin qabdu” yoo jedhu manni maree guutun kolfe; dureeyyichi Abraham Linkan irratti qoose jedhanii waan yaadaniif.
Namoota tokko tokko garuu uumaman gootummaa addaa waan uffachiisef, Linkan dureeyyicha ija ija keessa ilaalaa akkana jedhe “Gooftaa koo! Abbaan koo maatii keetiif akka kophee tolche nan beeka, miseensota mana maree kana baay’ee dabalatee; sababni isaa inni akka tolchutti namuu kophee tolchuu waan hin dandeenyef; inni kalaqaa,abbaa cimasdha dha! Kopheewwan isaa kophee qofa miti, bu’aa kennaa lubbuu isaa wanta itti dhangalaase illee dha jedheen.
Mee isinin gaafadha; kophee abbaan koo isiniif tolche irratti komii qabduu? Komii yoo qabaattan ani ogummaa kophee tolchuu waan qabuuf isiniif deebi’ee tolchuu nin danda’a; garuu hangan ani beekutti kopheen abbaan koo tolchu komii tokko illee hin qabu. Nama gamna fi guddaa hojii kalaqu waan ta’eef ani abbaa kootti nin boona.” Manni maree ni callise;namoonni hundinuu mataa gadi qabatani.
Onneerra kaawwadhu!
Eyyama keetin ala namiiyyuu si miidhuu hin danda’u
Yeroo kamiiyyuu yoo ta’e kan nu miidhu wantoota nu muudatan utuu hin taane, wantoota nu muudataniif deebii nuti laannuu dha
Bidiruuwwan bishaan naannawa isaanii jiruun liqimfamuu hin danda’an, bishaan gara keessa isaanitti galuun yoo ta’e malee; akkuma kana wantoota badaa naannawa kee jiran akka gara keessa keetti hin galle eeggadhu
Homtuu si miidhuu hin danda’u; eyyama hin laatin!
No comments:
Post a Comment