AFAAN OROMOO AKKA QUUCARUTTI HIN BIQILLE


Baroota hedduuf uummatni Oromoo mirgoonni diimokiraasiifi namoomaa isaa akka kabajamuuf qabsoo hadhaa’aa geggeessaa ture. 

Mirga  siyaasaa, dinagdee, mirga Afaan isaa barachuu, ittiin dubbachuu, aadaafi duudhaa isaa beeksifachuufi tikfachuuf aarsaan uummanni keenya hin kaffalle hin jiru. Afaan Oromoo afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan hojii naannichaafi biyyaalessaa ta’ee akka tajaajiluuf  qabsoo taasifameen yeroo ammaa kana Afaanichi kaayyoo qabsoo Oromoo dhugoomsuun afaan tajaajila nannichaa ta'uun afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan mana murtii ta’uun tajaajilaa kan jiru yoo ta’u Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta’ee akka tajaajiluuf ammoo hojiin bal’aan kan irratti hojjetamaa jiru ta’uun eenyu duraallee dhokataa miti. 

Biyyi keenya biyya sabootaafi sablammootaa ta’uu ishee irraan kan ka’e uummanni ishee jaalalaan wal danda’ee waliin jiraata.  Kana keessaatti sabootni afaan ,aadaa, duudhaafi eenyummaa isaanii guddifachuu, ibsachuu, barsifachuu akka danda’aniif mootummaan jijjiiramaa cimee hojjetaa jira. Kanaaf ammoo agarsiiftuun fedhii uummataa giddu galeessa godhachuun yeroo ammaa afaanotni shan afaan hojii federaalaa akka ta’aniif murtoo irra ga’amuu isaati. Kun calaqqee sirna dimokiraasii dhugaafi gaaffii uummataa giddu galeessa godhachuun owwaanna mootummaa agarsiisa.

Afaanni Oromoo yeroo ammaa kana Afaan hojii MNO ta’uun cinatti qo’annoofi qorannoon  ittiin geggeeffamuun Yuuniversiitota biyya kanaa keessatti hanga Digirii 3ffaatti barataamaafi barsiifamaa jira. 

Afaan Oromoo daanga’ee akka hin hafneefis Finfinnee dabalatee  manneen barnoota Naannolee ollaa Oromiyaa jiran keessatti Afaan Oromoon barnootni kennamaa jira. Akka diinni afaanichaa yaadutti Afaan Oromoo xiqqeessuu, balleessuu, laaffisuufi beekamtii dhowwachuu ture. Afaanichi garuu warra mormituufi gaadduu isaa afaan qabachiisuun qaanessee hanga yaadamuu olitti guddinniifi dagaaginni isaa ariifachuu irratti argama.

Sababiin isaa afaanichi akka hin badneefi akka hin quucarrettu waan biqilee waan as ga'eef. 

 Egaa fuulduratti Afaan Oromoo sadarkaa Gaanfa Afrikaatti afaan aartii, afaan dinagdee, afaan miidiyaa, afaan siyaasaafi barnootaa akka ta’uuf carraa amma argametti dhimma ba’uun bakka jirru hundatti guddina Afaan Oromoof haa tumsinu!


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...