DHALA DHABUU - INFERTILITY


Wal qunnamtii saalaa hin ittifamne kan gahaa ta'e qabaatanii haatiifi abbaan worraa tokko woggaa tokko keessatti otoo hin ulfaa'in yoo hafan 'dhala dhabuu' jedhamuu danda'a. Haa ta'u malee kanneen woggaa jalqaba keessatti hin milkaayin keessaa wolakkaan isaanii (Parsantii 50) kan ta'an woggaa itti aanu /woggaa lamataa irratti ni ulfaa'u. 

Dhala dhabuun iddoo lamatti qoodamuu danda'a: 

-Gonkumaa dhala argatanii (ulfaa'ani) kan hin beekne (Primary Infertility) fi

-Isaan yoo xiqqaate yeroo tokko ulfaa'anii/dhala argatanii achi booda argachuu dhaban (Secondary Infertility) jedhamee iddoo lamatti qoodama. 

Dandeetiin ulfaa'uu/qabachuu (fecundebility) shamara tokkoo marsaa xurii laguu tokkoon parsantii 25, ji'a sadihii keessatti ammoo parsantii 50, Ji'a Jahatti parsantii 75 fi woggaa tokko keessatti isaan parsantii 85 ol ta'an ni qabatu ykn ulfaa'uu danda'u. 

Kanneen hafan parsantii 10- 15% kan ta'an woggaa jalqabaatiin ulfaa'uu dhabuu danda'u. Haa ta'u malee isaan kanniiniin jala sararree dhala-dhaban jechu keenyaan dura yeroo gahaa ta'e (woggaa dabalata tokko) fi qorannoo gahaa  ta'e dalagsiisuun barbaachisaa ta'a. 

Dhala dhabuun rakkinna shamaraa irraa qofa ta'uu dhabuu danda'a. Akkuma woliigalaatti cimdiiwwan dhala dhaban keessaa parsantii 25 kan ta'an rakkina dhiiraa/abbaa worraa irraa yoo ta'u, parsantii 15-20 kan ta'u ammoo sababa hin beekamneen/ adda bahuu hin dandeenyeen, kan hafe ammoo (% 60) sababa rakkinna shamaraa/haadha worraa irraa ta'uu danda'a. Kanaaf yeroo mana yaalaa qorannoo dhala dhabuutiif deeman isaan lachuu (abbaan worraatiif haati worraallee) argamuu qabu jechuu dha.

Gabaabumatti shamarri takka ulfaayuuf Oovaariin Oovuleeshiiniidhaan killee oomishitee, killeen sun ammoo ujummoo gadaamessaatiin ufiti fudhatamee, achitti (ujummoo gadaameessaa keessatti) isparmiidhaan wolitti dhufee fartilaayizeeshiini godhee, achi booda makaan isparmiif kille (Zaayigootiin) gara gadaameessa deemee, kessaa gadamessaa irratti biqilee, san boodaa  gadaameessa keessatti guddachuu qaba jechuudha. Kanaaf dhala dhabuun rakkinna ta'iiwaan (taatewwan) kanneen armaan olitti kaasne keessaa tokko irraatti mudatuun/uumamuun ta'uu danda'a.

Kanaaf

*Ovariin Ovuleeshiinii/ killee oomishuu dhabuu ykn otoo umriin hin geenye dhaabuu.

*Ujummoon Gadaamessaa (kan Ovariif gadamessa jiddutti argamu) sababa garagaratin (fkn Infeekshinii gadaamessaa yeroo dheeraaf turen, TB qaamaa hormaataa hubeen, Opireeshiinii naannoo saniif taasifame fa'aan) cufamuun killeen akka isa keessa darbee isparmiin wolitti hin dhufne gochuun.

*Zaayigootiin (ida'amni isparmiif killee) sun sababa gara garaatiin keessa gadameessaa irratti biqiluu dhabuun (Fkn haxawamuu gadamessaa yeroo ulfi dhanagala'u godhamuun, ulfa gadaamessa keessa baasuuf yeroo gadaamessa haxawan gadameessi sun godaannisa uumuu, uumamaan halli uumaa gadaameesaa sirrii ta'uu dhabuun, iitaan biraa keessa ykn gadaameessa irratti bahee  jiraachuun).

*Akkasumas dhiira irratti ammoo dhangala'aan dhiiraa sun seelii isparmii dhabuun, seelii isparmii gahaa ykn sirrii ta'e of keessaa qabaachuu dhabuun (sochiin isaa, bocni isaa, hammi isaa, baay'inni ykn laakkofsi isparmii sun gahaa ta'uu dhabuun) sababalee dhala dhabuu dhiiraa keessaa isaan ijoo ta'aniidha. 

Kanaaf jaalalleewwan lama woggaa tokkoo oliif wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e (yeroo marsaa xuriin laguu dhufu irraa laakkayanii guyyoota ulfaayuu carraan jiru san irratti salqunnamtii saalaa godhanii) otoo hin ulfaayin yoo hafan isaan lameenuu mana yaalaa deemanii qorannoolee barbaachisoo ta'an garagaraa hojjisiifachuu qabu. 

Haa ta'uu malee kanneen armaan olitti ibsaman ijoo sababa dhala dhabuu ta'anillee, sigaaraa ykn kan biroo aarsuun, Alkoolii heddummeessuun, dhiphinnaaf cinqaan hamaan jiraachuun, wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e gochuu dhabuun, ulfaatinna garmalee guddaa ta'e qabaachuun, ispoortii garmalew heddummeessuu irraa cooma qama dhabu (fkn isaan atleetiksi heddummessan), marsaa xurii laguu guyyaa isaa hin eegganne, akkasumas dhukkuboota sirni ittisa qaamaa keenya qaamuma keenya rukutu tokko tokko (autoimmune diseases) hubamuun carraa dhala dhabuu dubartii takkaa kan olkaasaniidha. Kanaaf wontoota as gubbatti eeraman kanaaf jijjirra amalaa gochuufi qoratamanii yaala argachuunis barbaachisaadha.


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...