ISUMA ITTIIN BINNETTI GURGURREE


Gaaf tokko hattuu sadii ta'anii harree namaa hatanii,iddoo biraatti geessanii gurguruuf murteessani.Gaafa guyyaan gabichaa sun ga'u, namichi inni tokko waa rakkatee akka warra lamaanii duukaa harrettii gurguruu hin deemne himatee hafe. Isaanis, "gurgurreema yeroo deebinu qarshii isaa hirmaanna" jedhanii itti himan. Kanaan waliif galanii warri lamaan sun gabaatti harree geessanii gurguranii utuu qarshii hin fudhatin "finxira dhugaa achumaan walii mallatteessuu xumurree qarshiis fudhanna" jechuun utuu alatti harree hidhanii dhugaatii dhuganii, hattuun biraa harree sana alaa hiikkattee fudhattee badde. Isaanis waan godhan wallaalanii gaddaan galan. Yommus namichi inni manatti hafe gammachuudhaan qarshii hirmachuuf arganaa dhufee .."meeqatti gurgurtan gabaan akkam ture dhimmeen isin eegaa ooleem" jedhe. Isaanis deebisanii "ISUMA ITTIIN BINNETTI GURGURREE deebine" jedhan." Maal jechuudha akkas jechuun" jennaan "hattuutu nujalaa hatee"jedhan. 

"murtiidhuma isin namatti murteesitaantu isinittis ni murteeffama;qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti isiniifis in safarama"  

Maarree"namni waanuma facaase ni galfataa" jedhama mitiree

NAMA YEROO SADII(3)DHIITAMEE SADANUU CALLISUUN OBSEE DEEBII KENNE

 


Nama si'a sadii dhiitamee sadanuu obsee callisuun deebii  kenne.

Guyyaa tokko Alberti Anastaayiin magaalaa keessa qofaa isaa deemaa ture. Namni kun nama addunyaa kanaaf bu'aa guddaa buusee darbedha. Saayintistii beekamaadha. Yeroo inni magaalaa keessa deemaa turetti dargaggoonni isa arganiitu, ilaa Anastaayin jedhanii walitti agarsiisanii rukutuu murteessan.

 Akkuma waliif galaniin inni tokko fiigee dhaqee duubaan dhiite. Anastaayiin ilaaleetuma callisee deeme. Xiqqoo yeroo inni achi siqu gurbaadhumti kun fiigee dhaqee ammas dhiite. Inistaayiin ilaaleetum callisee deemsa itti fufe. 

Erga inni xiqqoo achi fagaatee booda, gurbaadhumti sun fiigee qaqqabee si'a sadaffaaf dhiite. Yeroo kanas inuma dhiise. Namoonni baay'een garuu arganiitu rifatan. 

Maaliif ofirraa hin dhorkitu ykn maaliif seeratti hin himattu? jedhaniin. Inistaayin deebisee, namicha kana ofirraa dhorkuuf yeroo isaa hin qabu. Ofirraan dhorka jedhee yoon wal'aansoo ittiin qabe bakkan deemaa jiru yeroon barbaadetti hin ga'u. 

Seeratti himachuuf ammoo, manni murtii harree itti himatan hin jiru. Kan nama dhiitu harreedha, jedhee bira darbee deeme. 

Tarii siinis  Namoonni naannookee jiranis tahu namoonni sin beekne ol utaalanii Arrabaan sidhiituu kan kajeelan jiraachuu maluta'a obsi dabarsi.

Kaan kaan ammoo arraba isaanii dheeraa sitti  maranii ittiin sikuffisuuf darbatu ta'a sanaafis akka hin kufneef ejjennaa millakee eggadhu.

yaalaanii yaalanii sammukee dadhabnan  jireenyumakee dhiitanii balleessuu kan abjootan danuu tahuu danda'u jireenyakee oolfachuuf eenyu waliin akka jiraattu filadhu.

sana yoo dadhabanis ammoo xurii isanii sitti dibanii waan ati hin qabneen si xureessuu kan hojii godhatanis numa jiru taha garuu atiof eeggannokee cimsi.

Egaa jireenya walii faallaa keessatti taatee garagaraa keessummeessuu dandeessa  garuu akka Albert san waan hunda dhiistee deemuuf sirakkisus mala. ammas garuu  ciniinnadhuuma imalakee itti fufi.Namootatti barbaadamuunkee waan ati fayidaaf nama barbaddee demte itti fakkaachuu mala.waan barbaadamteef raawwadhu malee saroota dutaniif waca sinbiraaf bakka hin kennin kan namoonni sitti dutaniif gaafa ati ija mul'atakee bira gahuuf deemtuudha.

Goomaataankee ykn goomattuunkee yaalii sirratti taasiseen deebi'ee of irratti raawwata waan ta'eef Haga inni taatee kana raawwatutti ati hojiikee itti jabeessi.

jabina hojiikeen salphina diinakee argi malee ijaa bahumsaan karaakee of duraa hin cufin 


DHALATAA OROMOO MOOTII TAHUUN BIYYAA HINDII BULCHEE


MOOTIICHA HINDII MAALIIK AMBAAR (1549- 1626 )

Maaliik Ambaar dhalataa Oromoo mootii tahuun mootummaa biyya Hindii bulcheedha.Maaliik Ambaar Jaarrraa 16ffaa keessa gosa Maayaa jedhamu irraa Afrikaa Bahaa Itoophiyaa,Naannoo Harargeetti dhalate.Akka barresitoonni seenaa jedhanitti Gostii maayaa kun lola xiyyaa darbachuutin baayyee akka beekkaman himama,gosti kuniis yeroo Sana Haramayaa,gaara dhangaggooti hanga carcar cirootti qubatanii jiraatu,seenaan tokko tokko jedhuutti maqaan hara-maayaa jedhu kun akka maqaa,gosa Oromoo Oromoo kana irraa akka mogga'ee himama , gosti maayaa kun yeroo ammaas Harargee bahaa,Aanaa Haramayaa baay'inaan jiraatu Maayaa xiqqoofi Maayaa guddoo jedhamuniis bekkamu.Maalik Ambaar Maqaan dhaloota isaa Shambaa(Shambuu)jedhama.Maaliik Ambaar yeroo ijoollumma isaa warra garba gurguraniin butamee gabaa Harariirra gara galoo galaana diimaa Peershiyaa Kibbaa Yemeen gabaa Al-Muukahaan jedhamutti gurguramee.yeroo kana gabaa sanatti argamee kan turee daldalaan lammii Poorchuugal kan tahee Piiteer Prookeez " bifa habashaa aslii /sirrii kan ta'ee kan qabu"jedheeti ibse itti fufuun ammaas magaalaa dheeraa fulaa Roomaan fakkatuu habashaa aslii jedhee ibsee gabuma Yemeen sanatti yeroo duraaf kan gurgurame yoo tahuu kan gurguramee gara biyya Iraaq Bahagaadaditti kan bitaate Khazii Husseen nama jedhamudha.Khazii Husseen dandeetti fi ciminaa gabrichaa habashaa kana baruuf yeroos itti hin fudhannee jedhuu qorattootiin seenaa isaa garboottan biraa irraas addatti kophatti baasee mallaqaa baasuuf galchuu(Herregaa) fi taligaa / bulchinsaa barbsiisee maqaa Ambaar jedhuus kan baasee guddifataa isaa Husseen du'e.Boodarraa achuma baha jidduu galeessaa Iraaq Baagdaaditti tokkorra lama lamarraas sadii magaalaaf dhiyaatee nama Qaasiim Al-Baghdaadii jedhamuuf gurgurame.Qaasim Al-Bahagdaadii isa qabee gabaa makkatti dhihessee, Gabaan makkaa kun ammoo jireenyaa isaa kan jijjiree tahuu barreesitoonni seenaa isaa ni ibsuu.Kan bitaate Muummee Miinisteeraa Nizaamshaayiii Chiingiiz Khaaniidha.Jaarraa 16ffaa keessaa kibbaa Hindii bulchinsa Deekaan keessatti Aadalee fi amantilee gargaraa kabajamanii walqixummaan keessa jirataniidha.Garbonnii Afriikaadha bitamaniis baayyinaan akka keessa jiraatan barreesitoonni hedduun ragaa bahuu.Habashoonnii hedduun ammoo bilisa bahanii loltummaan akka tajajjilaa turan seenaan ni dubbata.Loltonni habashaa kun amanamummaa fi gootummaa lolaaniis akka beekaman dubbatama isaan tokko Maaliik Ambaarii.Namni kun Maaliik Ambaar akka ilmoo isaatti kunuunsuun Afaan Arabaa fi Faransaayii akkasumaas beekumsa waraanaafi taligaa( Bulchiinsaa)akka barsiisee himama Suutuma sutaan Maaliik sulxanoota Nizaamshahii Chiingiiz Khaan ykn Maaliik Daabiir akka tajajiluuf kennameef.Gaafa Hinditti mootootaaf gurguramuus muuxannoo kana guddiifachuun maasaraa keessatti hanga waranaa dursuu gehee boodarra jabatee dhiha Hindii Deekaanitti lammilee Afriikaa dhalattoota Habashaa 1500 nin loltu mataa isaa ijaaree sulxanoota deekaan kan Nizaamshaayiii tajajiluu jalqabe.kanaan ajajaa waraanaa biyya hindiif Ministeeraa biyya hindii ta'uun tajaajileeraa.

SEENAA DHUGAAF DINQISIISAA MIKAA'EEL JOORDAN


Mikaa'eel Joordan bara 1963 biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa #Niwuyoorki Magaalaa Biruukiliyin keessatti dhalate. Bakka inni dhalate mandaraa hiyyeesota gad badoon keessa jiraataniifi Innis maatii hiyyeessaa keessatti obboloota isaa afuurii waliin guddate.

Bakki jireenya isaanii hiyyummaa irraa kan ka'e bakka yakka adda addaa fi namni hedduun sammuu itti dhabu ture.Abbaan Mikaa'eel abdii kutannaa ilma Isaa kana keessatti hubatee jira.

Guyyaa tokko ka'ee uffata/wayyaa/huccuu dhumaa ol fuudhee gatiin kanaa meeqa? jettee yaadda jedhee gaafate Mikaa'eelis gatiin Isaa doolara 1 hin caaluu jedhee deebiseef Abbaa Isaa irra deebi'ee kana doolara 2ti gurguruu dandeessaa jedhee gaafate Ammas Mikaa'eel otoo garaan isaa shakkuu mee gurguruuf nan yaala jedhee fudhate. 

Innis akkuma abbaan Isaa jedhe uffata/huccuu sana sirritti dhiqee erga qulqulleessee booda aduurra afee gogogsee. Meeshaa ittin uffata tolchan(iron) waan hin qabneef minjaala bal'aa mana isaanii irratti dhisee akka caccabaa hin qabaanne godhe sirritti dadachasee bakka walitti qabama namoota naannoo baabura lafa jalaa geessee turtii sa'aatii 6 booda doolara 2ti gurguraate galuu dandeera. 

Ergasii boodee Mikaa'eel yeroo hundumaa uffata/huccuu dhumaa barbaadde dhiqee gabaatti baasuu eegale. Guyyaa kudhan booda abbaan isaa ammas waamee qomee/T-shirt/ dhumaa tokko fuudhee kana doolara 20ti gurguruu dandeessaa jedhen.

Mikaa'eel deebisee abbaa isaatiin akkamitti kun tahuu danda'a kun yoo baayyate doolara 2 qofaa baasa jedhe.

#Abbaan Isaa mee dura yaaluu hin wayyuu ilmakoo karaan biraa jiraachuu danda'a waan kana gurguruuf jedheen.

Mikaa'eel otoo mataa isaa raasuu otoo shakkuu ergama abbaan Isaa itti kenne fixaan baasuuf mala dhahuu eegale. 

Borumtaa isaa Mikaa'el ganamaan ka'ee mana eessuma isaa dhaqee fakkii namoota bebekamoo Ameerikaa lama uffata abbaan isaa kennef gubbatti akka kaasuuf gaafate innis haala bareedan kaasee kennef. Guyyaa sana Mikaa'el gammachuun fudhatee gara mana barnootaa daa'imman dureessaa keessaati baratan balbala geessee gurgurachuuf murteesse innis akkuma kaayyoo Isaa namicha daa'ima dureessaa mana barnootaati fudhachuuf dhufe waliin wal arge namichiis hedduu jaallachuu irraa kan ka'e doolara shan itti dabaleefi 25 irraa bitatee galateen. Mikaa'elis hedduu gammadee qarshii sana fudhate yeroo mana gahu abbaan Isaa hedduu gammade sababaan isaa mindaan abbaa Isaa baatii/ji'aan doolara 25 walqixxee ture. 

Guyyaa itti aanu abbaan isaa ammas uffata/huccuu dhumaa fuudhee itti kennee kanawoo doolara 200 gurguruu dandeessaa jedhee gaafate. Yeroo kana garuu Mikaa'el shakkii tokko Malee Abbaa Isaa harkaa fudhatee baatii/ji'a lama booda Taateen(Actress) filmii beekamtuun biyyaa Ameerikaa Faraah_Fawuseet jedhamtu beeksisa filmii ishee haarawaf gara Magaalaa Biruukiliyiin imaltee turte. Mikaa'el guyyaa kana haala mijeefachuun akkuma ta'eeti humnoota nagaa eegsistoota bira dabree gara kutaa isheen jirtu gahuun waan tokko kadhate Innis akka isheen seenaa ishee toora lama fi mallattoo ishee uffata inni qopheefatee deeme sana irratti akka keessu ture isheenis daa'ima tahuu isaa fi miskinumaa isaa ilaalte mallateesiteef.

Mikaa'el hedduu gammadee sagalee isaa ol fudhatee iyyee kunoo uffata/huccuu Fawuseet irratti mallateesite doolara 200 qofaan jedhe achumaan dureessi tokko argee jaallachuun doolara 1200n irraa bitate. Mikaa'el hedduu gammadee of wallaale fiigichaan gara manaatti gale.

Abbaan isaa hedduu gammadee yaa mucaakoo ati akkam cimaa akka taate argeera waannan siin jedhe gootee argamteeta hedduun siin boona ati Leenca kiyya jedhee ofitti qabee dhungate immimaan ija isaa irraa haxaawachaa. Guyyaa sana Mikaa'el Abbaa Isaa waliin ciise. Abbaan isaan yaa ilmakoo muuxannoo uffata/huccuu dhumaa kana gurguruu irraa argatte maali jedhee gaafate?

Mikaa'els deebisee"Yaa Abbaa Yoo Fedhiin Jiraate KaraanJira"jedhen.

Yaa ilmakoo wanti ati jette hundumtuu dhugaadha garuu ani yaadnikoo kana hin turre sitti agarsiisuu kannan barbaade yoo uffata/huccuu dhume irratti sona/value xiqqoo daballe hangam akka baasuu danda'u argineera nutti ilmaan namaa taanee,sammuu ajaa'ibaa qabaanne otoo sona/value xiqqaa jireenya keenya irratti daballee hangam tahuu dandeenya? 

Eegaa ilmaan nama akkamitti waan tokko sammuu keenya fi dandeetti keenya irratti daballee jireenya_keenya_fooyyesuu akkasumaas hiyyumaa keessaa bahuu dadhabna? 

Jechi kun daa'ima xiqqaa Mikaa'el Jordaan jedhamu hedduu jijjiire jireenya kiyya irratti sona/value xiqqaa yoon dabale jijjirama guddaa fiduu nan danda'a jedhee yaade. 

Maaliif ani gatii of dhabsiisa?Ani hin fayyadu jedhee yaada,Hin danda'u jedhee yaada? Of xiqqeessa? Gadadoof rakkina qofaa yaada? 

Jechuun sana booda jireenya Isaa abdii fi mul'ata bareedan guutame.

    KANA BOODA 

Mikaa'el Jordaan taphataa Kubbaa_kaachoo beekamaa Ameerikaa fi Addunyaa yoomiyyuu hin dagatamne tahe akkasumaas addunyaa daldalaa keessatti maqaa daldalaa beekama/brand Jordaan jedhamuun dureessa tahe.Dhukkuba HIV illee qabamee ispoortii qofaan nama fayyuu danda'eedha.

Eegaa akkamitti sons/value keenya guddisuu dandeenya, Nutti kanarraa maal baranna?


DORGOMMII SAROOTAAF QEERRANSAA


Gaaf tokko dorgommi Sarootaa fi Qeerransa dorgommiin dhihaate yeroo kana namootni leenjistootni isaanii galmee kana galmeesissanii guyyaan gaafa gahu Abbaan saroota sanaas geessee,Abbaan Qeerransa sanaas geesse,akka fiigicha jalqabaniin tiifoozoo warri tahan deggersaaf kaan fooricaa kaan qabsiisa qabatee kan qeerransatu mo'aa jedha kan saree jedha tahus hoomaa namootaa keessa kan qeerreeansa deeggaru baay'eedha turee. 

Haa tahu malee yeroo fiigichaaf bilbilli rukutamu ammayyuu qeerransi in rafa.Jennan koreen dorgommii dhufanii leenjisaa sanaan maaf qeerransi fiiguu dide maaf hin ejajne jennaan ani yeroo isin dorgommii jettan kan akkasaatii wajjin malee sareefi qeerransa maaltu tokko goonan maaliin isa wajjin hirirraan wajjin dorgomsiistuu? Akkamiin inni sadarkaasa malee fiigaa? Jedhee jedhama 

Anis kanan jedhu namootni tokko tokko lafa isaan jiran waan ati jirtu itti fakkaate achii si wajjin fiigaa jirra sehanii gufuu karaarra siif kaahu,dhagaa karaatti guuranii qoree karaatti guurani sitti cufuuf fiigu ati garuu bakkicharra darbuunkee tureeram ati tabbicha baatee tabba kanbirooyyuu xumuraa jirtaam safuudha jechuu wayya ati tasa hin dhaabbatin jabaadhu kun dhaamsa Kooti kudhaammadhu!

YEROO JALQABAAF MAQAA OROMIYAA NAMA MOGGAASEE


●Yeroo jalqabaaf maqaa Oromiyaa jedhu kan moggaase fi kaartaa Oromiyaa kan sarare namaa maqaan isaa "Luws Craft"jedhamudha bara 1837 hanga 1850 tti osoo baha Afriikaa

 naanna'ee maqaa moggassu.

¤ Bara sanas Oromiyaa har'aa kana"Ormaaniyaa"jedhee moggaasee ture!

¤ bara 1970 keessa immoo "biyya Oromoo"jedhamee moggaafame.

¤ bara 1976 tti ammoo "Oromiyaa"jedhamee moggaafame.

● Afaan Oromoo Afaanota Afriikaa keessatti dubbataman 1000 ol ta'an keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama.

¤ Afaanota Kuush 40 dubbataman keessaa Afaan Oromoo 1ffaa dha.

¤ bara 1934 hanga 1966tti Afaan Oromoo Itiyoophiyaa keessatti akka hin dubbatamne akka badu taasifamee ture.

●Biyyoota Afriikaa 56 keessaa bal'inaan kan Oromiyaa caalu Biyyoota 17 qofadha.

¤ Oromiyaan bal'ina lafaatiin Faransaayiin ni caalti,akkasumaas Itaaliiti dachaa lama tatti.

¤ bal'inni Dachee Oromiyaa biyyoota akka Kuubaa, Bulgaariyaa, Biritaaniyaa wajjin wal qixadha.

● baay'inni Uummata Oromoo baha Afriikaa jiraatanii yeroo amma Miiliyoona 40 olidha.

● Mootiin yeroo jalqabaatiif Kuush ykn Oromoo hoogganaa turan"Amarraanaa Asiisii (Ateetee) fi Osiriis jedhamu.

● Oromoon jaarraa 16ffaa dura sirna adda ta'e kan ittiin bulu sirna Gadaa kan yuneeskoo irratti galma'e qabdi!

● Oromiyaan Godinoota 21 fi aanolee 350 qabdi

¤ Godinoota Oromiyaa 21 teessoo magaalaa isaanii waliin

1.wallagga Bahaa-Naqamtee

2. Wallagga Lixaa-Gimbii

3. Qeellam wallagga -Dambi Doolloo

4.Horroo Guduruu wallagga-Shaambuu

5.Iluu Abbaa Booraa-Mattu

6. Buunnoo Baddalle-Baddalle

7.Jimmaa-Jimmaa

8. Shawaa kibba lixaa-walisoo

9. Shawaa lixaa Amboo

10. Shawaa kaabaa-Fiichee

11. Godina Addaa Oromiyaa naannawa finfinne-Finfinne

12. Shawaa bahaa-Adaamaa

13. Arsii lixaa-Shashamannee

14. Arsii Bahaa-Assallaa

15. Baalee-Roobe

16.Borana-Yaa'a Balloo

17. Gujii lixaa-Bulee Horaa

18. Gujii bahaa-Nagellee Boorana

19. Walloo-Kamisee

20.Harargee Lixaa-Ciroo

21. Harargee bahaa-Harar 

 

ABIDDA,BISHAAN,DHUGAA FI SOBA


Abidda,Bishaan,Dhugaafi Sobni hiriyyoota turan. Haa ta'u malee sonbni gamtaa kanatti gammachuu waan hin qabneef  tokkummaa kana diiguuf  akkan jedhe"maaf iddoo ta'e wahii deemnee,hundi keenya bulchiinsa dhuunfaa keenya kophaa kophaatti hin qabaannu"jedhe.

Hunduu yaada kanaan walii galuun utuu deemanii sobni bishaanitti siquudhaan"abiddi muka,citaafi waan hundumaa kan gubu diina keenya cimaadha.Maaf diina akkanaa wajjiin bobbaana jedheen.

Bishaanis kanaafu maal wayya maal haa goonu? jedheen.sobnis"ajjeesuu qabna.Kana kan gochuu danda'u ammoo suma qofa waan ta'eef yommuu inni taa'u itti dhangala'ii balleessi jedheen.Bishaanis"yoo ani lafatti dhangala'e bishaanumatti deebi'uu hin danda'u jedhe.Sobni "Rakkoon hin jiru.yeroo dhangalaatu akka hin yaane dhagaadhanan si marsa" jedheen.Yeroo kana shakkii hin qabaanne. Abiddi yemmuu dhufee gadi taa'u;bishaan dhufee itti dhangala'ee Abidda balleesse.Sobnis yemmuu kana bishaan dhakaan marsee  walitti sassaabudhaan Injifannoo kana booda wal faana imalaa itti fufan.Yeroo xiqqoo booda Sobni bishaanin" Maaf afaan qilee ykn laga kanarra teessee bareedina uumaa gadi ilaalaa of hin boharsine? jedheen.Bishaan yaada kanatti baayyee gammadee Afaan qilee ykn laga taa'u osoo ilaalaa jiru,Sobni suuta jedhee dhagaa bishaan marsee jiru sana jalaa kaasudhaan qilee sanatti akka dhangala'ee badu taasise. 

Dhuma irratti Sobni Dhugaa dhabamsiisuun waan irra jiruuf yommuu gaara isa guddaa bira gahan Sobni dhugaa gaara jala teessise.Erga gaara gubbaa baheen booda dhagaa itti gadi lakkise.Dhagaan gaara gubbaa yommuu gadi fiigu sagalee uumaa waan tureef dhugaan jalaa uttaallaan, dhagaan gubbaa darbame dhagaa akkasaatti bu'uun addaan baba'ee warqee fi albuudoonni kan biroos baayyen keessaa gadi dhangala'an.

Sobni yommuu reeffa dhugaa ilaaluuf dhufu albuudota qaqqaalii kana argee rifatee "kuni hundi eessaa dhufe?"jedhee gaafate.

Dhugaanis"dhagaan narratti kufnaan albuudonni keessa yaa'an" jedhee deebiseef.

Yeroo kana sobni anatu gaara kana jala taa'aa ati gaara gubbaa dhagaa natti gadi lakkisi(gadii dhiisii)"jedhee dhugaa gaafate. 

Dhugaanis yommuu gaara gubbaa bahee dhagaa guddaa itt gadi lakkisu sobni bakkumatti(battalumatti)buruqee du'e. 

Kuni kan agarsiisu dabni hammi fedhe jiraate hangam baayyatus,turus dhuma(xumura) irratti kan mo'atu Dhugaa ta'uu isaati. 


GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...