AFAAN OROMOO AKKA QUUCARUTTI HIN BIQILLE


Baroota hedduuf uummatni Oromoo mirgoonni diimokiraasiifi namoomaa isaa akka kabajamuuf qabsoo hadhaa’aa geggeessaa ture. 

Mirga  siyaasaa, dinagdee, mirga Afaan isaa barachuu, ittiin dubbachuu, aadaafi duudhaa isaa beeksifachuufi tikfachuuf aarsaan uummanni keenya hin kaffalle hin jiru. Afaan Oromoo afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan hojii naannichaafi biyyaalessaa ta’ee akka tajaajiluuf  qabsoo taasifameen yeroo ammaa kana Afaanichi kaayyoo qabsoo Oromoo dhugoomsuun afaan tajaajila nannichaa ta'uun afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan mana murtii ta’uun tajaajilaa kan jiru yoo ta’u Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta’ee akka tajaajiluuf ammoo hojiin bal’aan kan irratti hojjetamaa jiru ta’uun eenyu duraallee dhokataa miti. 

Biyyi keenya biyya sabootaafi sablammootaa ta’uu ishee irraan kan ka’e uummanni ishee jaalalaan wal danda’ee waliin jiraata.  Kana keessaatti sabootni afaan ,aadaa, duudhaafi eenyummaa isaanii guddifachuu, ibsachuu, barsifachuu akka danda’aniif mootummaan jijjiiramaa cimee hojjetaa jira. Kanaaf ammoo agarsiiftuun fedhii uummataa giddu galeessa godhachuun yeroo ammaa afaanotni shan afaan hojii federaalaa akka ta’aniif murtoo irra ga’amuu isaati. Kun calaqqee sirna dimokiraasii dhugaafi gaaffii uummataa giddu galeessa godhachuun owwaanna mootummaa agarsiisa.

Afaanni Oromoo yeroo ammaa kana Afaan hojii MNO ta’uun cinatti qo’annoofi qorannoon  ittiin geggeeffamuun Yuuniversiitota biyya kanaa keessatti hanga Digirii 3ffaatti barataamaafi barsiifamaa jira. 

Afaan Oromoo daanga’ee akka hin hafneefis Finfinnee dabalatee  manneen barnoota Naannolee ollaa Oromiyaa jiran keessatti Afaan Oromoon barnootni kennamaa jira. Akka diinni afaanichaa yaadutti Afaan Oromoo xiqqeessuu, balleessuu, laaffisuufi beekamtii dhowwachuu ture. Afaanichi garuu warra mormituufi gaadduu isaa afaan qabachiisuun qaanessee hanga yaadamuu olitti guddinniifi dagaaginni isaa ariifachuu irratti argama.

Sababiin isaa afaanichi akka hin badneefi akka hin quucarrettu waan biqilee waan as ga'eef. 

 Egaa fuulduratti Afaan Oromoo sadarkaa Gaanfa Afrikaatti afaan aartii, afaan dinagdee, afaan miidiyaa, afaan siyaasaafi barnootaa akka ta’uuf carraa amma argametti dhimma ba’uun bakka jirru hundatti guddina Afaan Oromoof haa tumsinu!


NIKOOLAAS TEESILAA EENYU


Gaafa  rimottii dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta.

Gaafa switch fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira. Ogeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu.

Sagalee-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee,waan wireless'dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta. Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyya-guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakka'aman qaba. Garuu nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha.

Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta'us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta'e AC filate. DC'n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC'n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda'uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha. Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka'u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC'n miidhaa fiduu akka danda'u agarsiisuuf arbi ibsaadhaan qabamee akka du'u godhee Tv'dhaan mul'isee ture; gama baay'eedhaanis irratti duule. Ummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har'a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC'dha).

Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta'e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay'ee dhabe. Yaadonni argannoo isaa yeroo hatamanittis, "wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati" jedhee dhiisaa ture.

Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay'ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, "Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin arganne; arrabsoo fi tuffatamuu qofan buufadhe." Jedhee ture. Tesilaan yaada kalaqoota hedduudhaaf qabu baay'ee hojiitti hiikuuf danqamee, suuraa irraa akka mul'atutti waan nyaatullee hamma dhabuttis hiyyoomee bara 1943 qofaasaa hoteela keessatti du'ee argame. Argannoolee silaa har'a addunyaa kana fayyadan baay'eetu sammuu Tesilaa duukaa awwaalaman.

Yeroo sanatti dhiibbatamee haala nama gaddisiisuun du'us, har'a maqaansaa ol ka'ee haasa'ama.Waggaatti yeroo tokko jaalattoonni isaa addunyaarra jiran baay'een guyyaa dhaloota isaa ni kabajuuf. Abbaa qabeenyaa 1'ffaa kan ta'e Iloon Maski illee maqaa dhaabbata isaa guddicha'Teslaa'jedhee yaadannoo isaaf moggaase. Gaarummaan osoo bifa qabaattee Tesilaa fakkaatti!

Maree as garaa keeti garagalii of ilaali ati mal keessaa jirta? Mal hojjechaa jirta? Wanta karoorfateerraa guufu sii mudatu motee darbi ammaamii kophiidha?wantoonni mul'atee kee ukkaamsuu naannoo kee jiraan hedduu ta'u maluu atimoo jabaatte mul'ata kee san dhugoomseettii ifaatti basuu qabda. Haalaa kam keessaatiyyuu imalaa jalqabdee dhugoomsuuf imalaa kee ittii fufii dhaloota sii boodaf abdii tataa.

SEENAA DUBARTII YEROO TOKKOON DHIIROTA SHANITTI HEERUMTEE


Akkamiin dubartiin tokko al takkaatti dhiirota shanitti heerumtii? Hiibboon dachee kanaa guyyaadhaa gara guyyaatti kaninni heddummaateefii sababa itti dhaloonni Waaqayyoon aarsuuf jedhee hojii fofokkisaa barbaadee hojjetuufidha.  Hojiiwwan hammeenyaa ilmoo namaan hojjetaman duruma iyyuu jiru. Jallinni jaarraa 21 ffaa kana keessatti mul'ate garuu daangaa dhabeera! Waaqayyoof dhaloonnis  erga wal dhagahuu dhabanii turee bubbuleera. Kuni immoo gaaga'ama hamaa Pilaaneetii keenya kana irratti geessisaa jira. 

Pilaaneetiin kuni namoota hedduu jallina hojjetaniin maraattee dawaa dhabdeetti! Gaaffiin dhaloota kanaas  kaninni guyyaarraa gara guyyaatti deebii dhabeefii sababa hojiiwwaan cigaasisoon Waaqayyoon dheekkamsiisan akkas akkasii hojjetamaa oolaniifidha. Ilmoon namaa mudhii isaa hidhatee fincila hamaa Waaqayyo irratti gaggeessaa jira. Namni Waaqayyoon sodaatu gowwaafi dabeessa  jedhamee, odeessituun hojii gaarii tokko illee hojjettee hin beekne bara itti leellifamtu, bara fuggisoofi jaarraa xamaamotaa keessa jirra. Waanti dura deemuu qabu teellaa deemaa, waanti teellaa deemuu qabu dura fiigaa jira.

Arrabni isaanii qofti kan Lubbuu qabu, jireenyi isaanii inni kaan  du'ee kan owwaalame, namoota meeqa beekna! Jechoota hamoo ilma namaatti darbachuuf kan of hin qusanne, arrabni isaanii qofti qabeenya isaan qaban isa guddaafi beekumsa isaanii isa dhumaa akka tahetti lakkaawwatanii dacheerra kan bobba'an; ilmaan Seexanni ergatutu lafa kana hurgufee maraachisaa jira! Ofittummaafi of tuulummaan, of jajuufi of bokoksuun, anatu jiraafi  anummaan  jireenya namoota hedduu akka Muuzii tortoree  isaan godheera! Faallaa kanaammoo kan Waaqayyoon sodaatan, amanamoon, kan nama safeeffatan, kan arrabni isaanii gabii qabu, yoo  dandahan kan nama gargaaran, yoo dadhabanimmoo kan nama hin gaddisiifne, yoo dubbatanii ejjetan kan naamusa qaban, kan dubbiin isaaniifi jireenyi isaanii mi'aawaa tahes lafa rakkiftuu kana irra jiru. Haa  tahu malee sababa rakkiftoota Waaqarra iyyuu baala  hin buufnee kanaaf immoo gadi jedhanii jiraachuuf, qajeelummaa isaaniitti qaanahanii jiraachuuf dirqamaniiru!

Biyya keenya keessattis tahe addunyaa gara biraa irratti yeroo dhiirri dubartoota hedduu fuudhu (Polygamy) inuma jira. Inni kuni iyyuu Waaqayyoon kan dheekkamsiisudha. Haa tahu malee yeroo dubartiin tokko dhiirota hedduutti heerumtu (Polyandry) matumaa beekamaa miti. Aadaa kan fakkaatuufi Seera Hindu'izimiiti kan jedhan garuu biyya Hindii keessatti gareen  muraasni in mul'atu. Kuni osuma Waaqayyoon hin   gaddisiisu tahe iyyuu, Seera haamilee (Moral Law) tiin eeyyamamaadhaa? Nama hin jeequu?

Dubartii biyya Hindii kan taate Rajo Verma kan jedhamtu obboloota dhiiraa Shanitti al takkaadhaan heerumuudhaan mana tokko keessa haadha manaa dhiirota shanii taatee jiraachaa jirti! Isheen hunduma isaanii ija tokkoon ilaaluuf dirqama qabdi. Ijoolleen isheerraa dhalatanis kan eenyuu iyyuu hin jedhamani! Maqaa Shanan abbaa manoota sanaan Waamamu! Isaan dabaree isaanii eeggatanii Haadha manaa isaanii bukkee kan bulan yeroo tahu, "Walitti hinaafuu haa turuutii jechuma "Hinaaffaa" jedhamtu iyyuu hin beekani!"jedha akkan seenaa isaanii  Hdogar irraa odeeffadhetti! Maaliif akka akkasiin fuudhan yeroo gaafataman;  hanqinni durbaa waan  jiruuf rakkoo kana hirdhisuuf akka tahe dubbatu.

Maal taha as yoo dhuftan walakkaan keessan, Waaqayyo durba akka cirracha galaanaatti nuuf baay'iseera mitii as nu biraa? Sababa lammaffaa immoo; akka dhiironni lafa abbaa isaanii hirachuuf jedhanii walloolanii wal hin ajjeefneefidha jedhu. Namoonni biyya Hindii keessatti Aadaa kana hordofan! Dhiirri akkasiin jiraachaa jira.maaf ijaan jaalallee koo ilaaltee jettee nama ija jaamsuuf itti hin fiigiin! Nan qoose malee! Jaalalleen keessan kan keessan qofaadha! Sanas tahu kana Seexanni sababa akkasiin sammuu namaa keessa talaallii isaa isa hamaa fi Waaqa nama fincilsiisu kaahuun; guyyaarraa gara guyyaatti Waaqayyoofi dhaloota waan walitti buusu qopheessaa oola! 

Jarri akkasiin jiraatan kuni, ilmaanuma yaada gaarii yaadan dhalchuun isaaniif hin danda'amu. Gaahelli dhiira tokkoofi dhalaa tokkoon alaa hunduu abaarsaafi waan Waaqayyoon duchisiisee lafas abaarsisudha. Guyyaadhaa gara guyyaatti rakkinni addunyaa kanaa kan baay'ataa adeemeefii taateewwan akkas akkasii kan Waaqayyoon aarsanii  sammuu dhalootaas  duudaa  godhan waan baay'ataniifidha! Waaqayyoon sodaachuun jalqaba Ogummaati!Warri Waaqayyoon sodaatan mooraa ogummaa keessa kan deddeebihaniifi jireenya kan qabanidha. Warri seera uumamaa jallisanii, Farda  Seexanaa tahanii, isaaf jallina akkas akkasii baatan immoo; madda rakkina dachee kanaati! Hojiiwwan akkas akkasii kan seera uumamaa jallisan  lafa  hundumaa akka isaan rukuchiisuu dandahan beekuun isin irra jiraata. Sammuun keessan jallataa seera uumamaa akkas akkasii irraa akka fagaatu  isinitti himuun jaalladha! 


BAACOO ABBAA BOLOO


Liibaan:  Abbaa Boloo,Boloon narraa dhorkii!
Abbaa Boloo: Maal si godhee?
Liiban: Dooqa kiyya laalee Bishaanitti na jalaa  gate!
Abbaa Boloo:Hindanda'u!
Liiban:Hidda,Abbaa Boloo ija bu'i
Hidda:Maal si godhe?
Liiban : Abbaan Boloo Boloon narraa dhorkuu  didee Boloon dooqa kiyyaa ilaalee ilaalee Bishaanitti najala gate
Hiddaa:Hindanda'u!
Liiban: Tuqaa,hiddaa kana nyaadhu!
Tuqaa: Maal si godhe?
Liiban: Hiddi Abbaa Boloo ija bu'uu didee,Abbaan Boloo Boleen narraa dhorkuu didee,Boloo dooqa  kiyya ilaalee ilaalee bishaanitti na jalaa gate
Tuqaa: Hindanda'u
Liiban: Adurree,tuqaa kana nyaadhuu
Adurree: Maal si godhe?
Liiban: Tuqaan hidda nyaachuu didee,hiddi Abbaa Boloo ija bu'uu didee,Abbaan Boloo Boloon narraa               dhorkuu didee,Boloo dooqa kiyyaa ilaalee ilaalee bishaanitti na jala gate
Adurree: Hindanda'u
Liiban: Saree,Adurree kana nyaadhuu
Saree: Maal si godhe
Liiban: Adurree tuqaa nyaachuu didee,tuqaan  hidda nyaachuu didee,Hiddi Abbaa  Boloo ija bu'uu                     didee,Abbaan Boloo boloon narraa dhorkuu didee,Boloo dooqa kiyya ilaalee ilaalee bishaanitti na jalaa gate
Saree:Hindanda'u
Liiban:Waraabeessa,saree kana nyaadhuu
Waraabessa,Maal si godhe
Liiban:Sareen Adurree nyaachuu didee,Adurreen  tuqaa nyaachuu  didee,tuqaan hiddaa nyaachuu didee,Hiddi Abbaa Boloo ija bu'uu  didee,Abbaan Boloo Boloon narraa dhorkuu diddee Boloon dooqa kiyya   ilaalee bishaanitti na jalaa gate
Waraabessa: Hin danda'u
Liiban:Leenca Waraabeessa nyaadhuu
Leenca:Maal si godhe
Liiban:Waraabeessi Saree nyaachuu  dideee,Sareen Adurree nyaachuu  didee,Adurreen tuqaa                            nyaachuu  didee,tuqaan hidda nyaachuu didee,Hiddi Abbaa Boloo ija bu'uu didee, Abbaan Boloo Boloon narraa dhorkuu dideee,Boloon dooqa kiyya  ilaalee ilaalee bishaanitti na jalaa gate
Leenca:Hindanda'u
Liiban:Nama,Leenca kana ajjeessi
Nama:Maal si godhe
Liiban:Leenci Waraabeessa nyaachuu  didee,Waraabeessi Saree nyaachuu didee,Sareen Adurree                         nyaachuu  didee,Adurreen tuqaa nyaachuu didee,Tuqaan hidda nyaachuu didee ,Hiddi Abbaa Boloo ija bu'uu  didee,Abbaan Boloo Boloon narraa  dhorkuu didee,Boloon dooqa kiyya ilaalee  ilaalee bishaanitti na jalaa gate
Nama: Hindanda'u 
Liiban:Yaa Waaqaa,nama ajjeessi
Waaqa:Maal si godhe
Liiban:Namni Leenca ajjeessu didee,Leenci Waaraabeessa nyaachuu                                                                   didee,waraabeessi saree nyaachuu didee,Sareen Adurree nyaachuu diee,Adurreen tuqaa nyaachuu didee,Tuqaan hidda nyaachuu didee, Hiddi Abbaa Boloo ija bu'uu didee, Abbaan Boloo  Boloon narraa dhorkuu didee,Boloon  dooqa kiyyaa ilaalee ilaalee bishaanitti najalaa gate
Waaqa: Tole!
Liiban:Galatoomi Waaqa!ati Mootii waa  hundaati!     


SIRBA LUBBUU NAMOOTA HEDDUU GALAAFATE


Seenaa keessatti Sirbi balaafamaan tokko mul'ateera. Sirba kanaan yoo xiqqaate amma guyyaa hardhaatti namoonni 8,000 (Kuma saddetii) ol of ajjeesaniiru. Yeroodhuma jalqaba gadhiifameyyuu namoota 100 olitu sababa sirba kanaaf of galaafate. Sirbi kun sirba mata dureen isaa Gloomy_Sunday jedhu kan namoota Haangarii Bolkarmar 1935 Laszlo Javor yeroo duraaf waraabamee qopheesse garuu hangas mara fudhatama hin argane ture.kanaan 1941 gara Afaan Ingiliffaatti jijjiramuun Billiholiday koopiin isaa dhageeffatoota hedduu argachuu danda'eera.   Namoonni kun lamaan bara 1933 A.L.A tti sirba kana kopheessan. Maqaan jara kanaa  Rezso Seress fi Laszlo Javor dha. Jarri kun lama tahanii Waanta kana akka kopheessantu himama. Inni tokko walaloo sirba kana yeroo qopheessu, inni tokko immoo sirba kana taphachuudhaan addunyaatti gadi bahani. Haa tahu iyyuu malee kophaa isaanii waanta namoota hedduu fixe kana hin hojjenne. Abbaan dukkanaa suni Seexanni akka harka keessaa qabu hojii sirbi kuni hojjetetu agarsiisa.Walaloo sirba kanaas kan barreesseefi daarekteeri Rezso Seressdha.hojii isaa adda ta'ee kanas bara Faranjoota 1933 maxxansiisees ture.walaloon muuziqaa kana jalqaba  irratti dhagahamuu :"VEEGEE A VELANYAK "hiikni isaas Addunyaaf dhumateeraa.walaloon kunis qabiyyeen isaa abdii kutannaa lolaan dhufeef cubbuu dhala namaaf kadhannaa kan of keessatti qabatedha.

Isaan keessaa  Reszo Seress fi jaalalleen isaa illee sirba kanaan akka of ajjeesantu himama. Rezso Seress abbaadhumti sirba kana sirbe jechuudha. Namichi kuni bara 1968 sababa sirba kanaatiin gamoo mana amantaa Budapest Magaalaa jedhamtu keessatti waggaa 30 boodaa gamoo  irraa of darbatee du'e. Jaalalleen isaas sababa sirba kanaa of ajjeefte. Sirbi kuni sirba balaafamaa warra sirba kana qopheessan illee osoo hin mararsiifatiin du'atti kennedha. Sirbi kun yeroo nama ajjeesuutiin beekametti, maqaa  Sirba Nama Ajjeesu jedhamutu kennameefii. Yeroodhaaf akka qilleensa irra hin oolleefi namni kamuu hin dhaggeeffanne jedhamuun biyya Hangarii keessatti ugguramee ture. Haa ta'u malee Yeroosuma biyyoota dhihaa (Ameerikaattis) darbee dhaggeeffatamuu eegale. Achittis akkuma amala isaa yeroo gabaabaa keessatti namoota 200 of ajjeesisee gara Gahaannamitti erge. Amma addunyaa kamirrattuu yoo dhaggeeffatame dandeettii nama of ajjeesisuu qaba.kanaafuu qoratootni Ameerikaa sadii Isteven,Karolina fi Devid jedhaman qorannoo taasisaniin muuziqaan kun akka inni ofiin dhiibbaa uumee of nama ajjeesisuus mirkaneessaniruu.

     SIRBI KUN MAALIIF NAMA OF AJJEESISAA? 

Macaafa Qulqulluu waabeffamee waa'een sirba kanaa waan tokko ilaala.Jalqabuma mata duree sirba kanaa irraa yoo kaane.Gloomy Sunday jechuun (Sambata guddaa Dukkanaahaa, Sambata guddaa nama lafafu,Sambata guddaa abdii nama kutachiisu) jechuudha. Jarri kun maal jechuu barbaadanii? Sambanni (Dilbanni) ilmoo namaa lafafu isa kamidhaa? Nuyi Sambata guddaa nama lafafu, kan abdii nama kutachiisus hin qabnu. Sambata guddaa abdii namatti horu malee.

Sambanni guddaan Kiristiyaanaafis biyya lafaa kanaafis guyyaa akkamiitii? Sambanni guddaan Seera uumamaa irratti guyyaa jalqaba torbaniiti. Guyyaa itti torbaan lakkaahamuu jalqabuufi guyyaa itti Waaqayyo uumama uumuu eegaledha. Tokko jedhee guyyaan jalqaba torbanii Sambatadha guddaadha. Waaqayyo guyyaa jalqabaa (Gaafa Sambata guddaa) uumama uumuu isaa eegale. Guyyaa sana Waaqayyo #Ifa uume. Gaafa guyyaa jalqabaa kan dukkana ariihu ifatu uumame. Ifni immoo abdiidha, nagaadha, gammachuudha, kan abdii namatti horudha malee, kan abdii nama kutachiisu miti. Kakuu haaraa keessattis, Kakuu moofaa keessattis guyyaa abdiidhaan guutedha guyyaan Sambataa guddaa.

Yesuus Yeroo biyya lafaa kana irra ture, Sambanni Waaqayyoo isa amma nuyi Itti mana sagadaa deemnu kana miti. Sambanni inni Yihuudonni Macaafa Qulqulluu keessaa kabajani, guyyaa isa amma sambata xiqqaa '(Qidaamee') jennudha. Sambanni erga isa tahee maaliif hardha amantoonni gaafa  Sambata isa guddaa mana Waaqeffannaa deemuree? Inni kunis gaaffii gara biraadha. Waahee geeddaramuu guyyaa Sambataa gara sambata guddaattii yoo Waanti isiniif hin galle jiraate yeroo biraa isiniifan barreessa. 

Haa tahuyyuu malee, kan nuyi Sambata guddaa itti mana Waaqeffannaa deemnuufii sababa mootichi Constantine I geeddareef qofa miti. sababoota gurguddaa lamatu jira.Tokkoffaa: Gaafa Sambata guddaa Iyyesuus Gooftichatu humna du'aa golgoleessee ka'ee, du'aa ka'uun akka jiruufi Kiristiyaanni Warra du'a booda jiraatan akka tahan addunyaatti agarsiise, Mat 28:1-2. Kuni sababa guddaa itti nuyi Sambata guddaa akka guyyaa Waaqeffannaatti fudhannu nu godhedha. Lammaffaa immoo:Hafuura Qulqulluutu guyyaa Sambata guddaa kana namoota 120 irratti bu'ee waadaa Iyyesuus Kiristoos galee deeme dhugoomse.Hafuurri Qulqulluun gaafa guyyaa Shantamaffaa(Isa Pheenxeqoosxee)jedhamuu bu'e. Guyyaan kun immoo akka Lew 23:16 tti guyyaa Sambata guddaati. Sababoota kana lamaaniin Sambanni guddaan amantoota  kakuu haaraa biratti guyyaa kabajamaa tahe. Dabalataan immoo sababni biraan tokko in jira. Innis Sambanni guddaan guyyaa itti Waaqayyo uumama uumuu eegaledha, Uma 1:3. Guyyaa itti Waaqayyo Ifaan uumama saaqedha. Guyyaa itti Waaqayyo ifa uumuu isaa jaalatedha. Guyyaa itti yeroo jalqabaaf Pilaaneetiin keenya kuni ifa waliin wal bartedha. Kanaafidha kan jarri Sunday jettuufii. Iyyesuus Kiristoosis guyyaadhuma jalqabaa kana Wantoota lama raawwate. Tokkoffaa gaafuma kana du'aa ka'ee duuni du'uusaa lallabe. Abbaa Dukkanaa sana gad darbachuudhaan boqonnaa #Ifaa kan biraa lafa kanarratti eegalsiise. Lammaffaa immoo akkuma "Hafuura Qulqulluun isiniif erga" jedhetti guyyaadhuma jalqaba torbanii kana hafuura qulqulluudhaan namoota macheesse, Hoe 2:1...!Wantootni gurguddaan sadan kuni Sambata guddaa  amma jiru kanaaf ulfina akka kenninu nu taasisaniiru. 

Iyyesuus Kiristoos kan dukkanaafi Mootummaa isaa darbate guyyaa jimaataa dirree fannoorratti tahu iyyuu, dhugumaan du'aa ka'uun akka jiru barattoota isaafi duukaa buutota isaatti, akkasumas biyya lafaatti kan agarsiisemmoo gaafa Sambata guddaa kanaati. Guyyaa itti Namoonni akka du'aa ka'uun jiru amananidha. Guyyaa osoo sodaatanii taa'anii "Nagaan isiniif haa tahu!" Jedhamanidha. Sambanni guddaan, Kiristiyaanotaafis biyya lafaa kanaafis guyyaa akkasiin hiika olaanaa qabudha. Hardha namni hedduun maaliif akka sambanni guddaan kuni guyyaa kabajamaa tahe illee osuma hin beekiin mana Waaqeffannaa deema.

Seexanni garuu nu dursee Sambata guddaa (Sunday)kana hubachudhaan,hojii Waaqayyo gaafa sambataa guddaa karaa ilmasaa nuuf hojjete dhoksuudhaaf Sambata guddaa kana Gloomy Sunday jechaa jira. Sambata guddaa itti ifni uumame, Sambata guddaa guyyaa jalqabaa, Sambata guddaa hangafa guyyootaa, Sambata guddaa itti mootichi du'aa ka'uu agarsiise, Sambata guddaa itti Hafuurri Qulqulluun bu'e sana xureessuuf ijoollee isaatiin gadi bahee dubbate. Inumaayyuu ittiin namoota hedduu ajjeesee mootummaa isaatti dabale.Seexanni in dubbata, dhaggeeffachuuf dhiisuun garuu fedha dhalootaati.Laphee isa dhagahu argannaan waan hedduu dubbata. Kan nama aarsu garuu; dubbii Seexanni dubbatu miiliyoona tokko keessayyuu jireenyi amma gumaa  Xaafii geessu illee hin jirtu. Dubbiisaa keessa matumaa kan Waaqayyoon ulfeessuuf dhaloota fayyadu hin jiru. 

Nuyi Sambata guddaa du'aa ka'uun akka jiru nu barsiise,Sambata guddaa hafuura abdii nuuf kennu sana waliin wal nu barsiise malee,Sambata guddaaa abaaramaa jiraachuuf abdii nama kutachiisu, Sambata guddaa dukkanahaafi Sambata guddaa nama lafafu hin qabnu. Sirbi kuni kan dhaloota hedduu fixeefii faallaa sagalee Waaqayyoo waan taheefi. Akkasuma immoo kallattiidhumaan dubbii Seexanni dubbatedha waan taheefi. Macaafni Qulqulluun hojii qulqullaahaa gaafa guyyaa Sambata guddaa nuuf hojjetame yeroo nu hubachiisu, Seexanni immoo yeroo hundumaa faallaa sagalee Waaqayyoo waan taheef sambata guddaa kana abaaraa jira."Sambanni guddaan (Dilbanni) guyyaa abdii qabu miti!" Jechaa jira. Abdiin keenya guyyaa irra miti. Waaqayyorradha malee. Haa tahu malee guyyaa Waaqayyo itti waan gaarii nuuf godhe garuu abaaruu hin dandeenyu. 

Akkaataa  jalqabbii Muuziqaa irratti yeroo darbe isiniif barreesseen ture. Muraasni keessan karaa keessaa dhufuudhaan waaheen sirbaa  akka dhaloota rakkisaa jiruufi amantoota  illee dabalatee akkanni miidhama  irraan gahaa  jiru erga naaf eertanii, amma illee dabalee miidhaa sirbi dhaloota irraan gahe akka hubattaniifan isiniif barreessuu  jaaladhe. Sirba  dhaggeeffachuun  jalqaba irratti hafuura namaa ajjeesa. Namni yeroo sirba dhaggeeffatu  waahee Waaqayyoofi waa'ee ulfina isaa yaaduun raawwateedhuma isa keessaa bada.Sababni isaa maaliidha beektuu? Yeroo faarfannu akkuma Hafuura Qulqulluu gammachiifnee laphee keenya baqsuudhaan  Waaqayyotti siiqnu, Yeroo sirba dhaggeeffannuufi sirbinu immoo, laphee keenya Seexanaaf baqsinee  isa Waaqessaa waan jirruufidha. Kanaafidha yaanni Waaqayyoo kaninni yeroo sirba dhaggeeffannuufi sirbinu cirumaa nu keessaa badu. Namoonni yeroo hundaa sirba dhaggeeffachuu jaalatan: hariiroon isaan nama waliin, hiriyoota isaaniif maatii isaanii waliin illee qabani hedduu xiqqoodha. Isaan sirba sanaan Seexana waliin wal argaa waan oolaniif, nama waliin hariiroo barbaachisaa hin qabani.Namoonni akkasii mukaa'ummaa (Depression) hamaa keessa bu'uudhaan, jireenya lafa kanarraas jibbuudhaan namas abaaraa ofis abaaranii yeroo dadhaban, akkaatti jireenya isaanii dhokatanii jiraatan barbaaduudhaan  Araada hin taane keessa dhokatanii jiraachuu filatu. Sirba dhaggeeffachuu baay'ifta taanaan; dhuma irratti badhaafni kee jireenya kee abaaraa jiraachuu siif taha. Achumaan immoo funcaa hamaa sanaan qabamtee, hafuuraan duutee biyya bara hundumaa dhagaan keessaa bobahu sana keessa gubachaa jiraatta.


LOON MAALIIN TAANE


Loonii loon wayya looni,

Loontu maalii hin taane?

Gaafni waancaa ta'aa,kan ittin dhugani,

Gogaan itillee ta'aa,kan itti muganii

Kotteen shinii(finjaala)ta'aa,kan bunaan dhugani

Loontu aannan qaba

Aannantu dhadhaa qaba

Nyaatan qabbaneessoo,

Dibatan miidhagsoo

Gurguran namaa dabarsoo,

Dilbatan martuu jigsa,

Dikeen midhaan jigsa

Aannantu dhadhaa ta'a

Foontu nyaata ta'a

Xaxxafan kobota ta'a

Gurguran qarshii ta'a

Loontu maali hin taane?

Afaaniin huuba guurii

Kotteen barakaa guurii

Qottee beela baaftaa

Namaa dabarsitaa

Warri loon qabu kooree

warri loon dhabe booyee 

GANAMEEN EENYU,AKKAMIIN GARBUMMAATTIS GURGURAMTE?


Ganamee Yaa'ii: Dubartii Oromoo garbummaatti gurguramtee, og-barruu Oromoof bu'uura taate

Jarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa lakkoofsi dhalattoonni Oromoo garbummaan biyyootii adda addaatti gurguraman hedduudha.

Isaan keessa tokko kan taatee fi eenyummaa ishee utuu hin dagatiin guddina afaani fi og-barruu Oromoo keessatti gummaacha bu'uuraa kan qabdu. 

Ganamee Yaa’ii Shaseedaa Odaa maqaa dhaloota isheeti, Jarmanii keessatti garuu caalatti maqaa Pooliin Faatimaa jedhamuun beekamti.

Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurguramte?

Ganameen Godina Jimmaa, bakka Gumaa jedhamutti jalqaba bara 1830’n keessa akka dhalatte ni himama, barsiisaan lammii Jarmanii seenaa jireenya ishee barreesse Liidarhoos jedhamu.

Daldala garbaa yeroo sana tureen, ijoolleen hedduun maatii isaanii jalaa hatamanii ykn ammoo waraana gosoota jidduutti uumamuun fudhatamanii garbummaatti gurguramu ture.carraan kun Ganamees maatii ishee jalaa daldaltoota garbaan hatamteetuu himama.

'Nama biyya Oromoo' jechuun kan of himan Abbaa Gammachiis eenyu?

"Oromoon sirna Gadaan mootummaa ofiin of bulchu hundeeffachuu danda'a"

Abbaan Afaan Oromoo eenyu?

Seenaa jireenya Ganamee Yaa'ii qorachuun kan barreesse Liidarhoos,abbaan ishee waraana irratti yeroo isheen daa’ima ganna ja’aa(6) turte akka ajjeefame barreeffameera.

Umurii ganna sagalitti guyyaa tokko utuu bakka awwaalcha abbaa ishee daawwattuu daldaltoota garbaan butamtee akka fudhatamte seenaan jireenya kun ni hima.

Sana booda “Jimma irraa gara Gondar, achirraa gara Masriitti gurguramte,” jedhu   Masirii keessatti yeroo 12 irra deddeebiin erga gurguramtee booda, akka qabeenya lammii Masrii, Mehmeet Alii jedhamuutti Kaayirootti geeffamte jedha barreeffamni Liidarhoos.

Gola isaa keessa hojjachaa akka turtee fi amantaa Islaamaas hordofaa akka turte barreessee jira.

“Bara 1847’tti lammiin Jarmanii Joon Baaroon yeroo Masiriitti imale, jireenya ishee jijjiire,” jedha qorataa fi piroofesarri duraanii lammii Jarmanii Wolbart Simiidti.

Lammiin Masirii kun Ganamee akka kennatti Joon Baarooniif dabarsee ishee kenne.

Yeroo Jarman, Kornitaal geessutti maqaan ishii Fatimaatti jijjiramee akka turee fi cuphaa kiristaanumma booda maqaan ishee gara Pooliin Johaanitti akka geeddarame Liidarhoos eeruun Wolbert Simiidti qorannoo isaa irratti maxxanseera.

Barnootaa fi jireenya mishinaarii

Jarmanitti Ganameen erga bitamte booda akkataa itti mana kunuunsan (home care) akka barattuuf mana barumsaa yemmuu seentetti “barumsaan baay'ee cimtuu waan taateef”mishinaroota waliin gara hojjechuutti dabarte jedhu.

Dandeetti isheen qabdu keessaa kan himamu tokko, Afaan Oromoo, Afaan Jarmanii fi Afaan Arabaa dabalatee afaanota gara shanii ni dandeessi turte kan jedhudha.

Ganameen amantaa Kiristaanummaa fudhachuun bara 1852’tti erga cuphamtee booda, dhiyeenyaan luboota fi mishinaroota waliin hojjachuu eegalte.

Guumacha aadaa fi Afaan Oromoo barsiisuu

Ganameen sochii wangeela uummata Oromoo bira geessisuu keessatti ga’ee guddaa qabdi turte.

Ganameen kiitaabaa seenaa ishee mata duree ‘Intala Oromoo’ jedhu kan isheen barreessite boodarra erga isheen duutee maxxanfamee gara afaanota 30 oliitti hiikameera.

Kitaaba ishee kana xumuruun kan maxxanse lammii Jarmanii, Liidarhoosiidha.

“Oromoo addunyaatti, keessumaayyuu Awurooppatti kanaan beeksisteetti,” .

Ebla 1855 keessa Ganameen fedhii wangeelli uummata ishee, uummata Oromoo bira akka ga’uuf qabdu ibsuun mishinarootaaf xalayaa ni barreessiti turte.

Mishiniin ykn ergamni wangeelaa gara uummata Oromootti guddaan hundaa’uu isaaf Ganameen sababa isa guddaa ta’uu akka maltus himaniiru.

Mishiniin kun saba Oromoo bira ga’uuf, wangeela Afaan Oromootti hiikuu yaaluu fi hojiilee biroon gumaacha godheera.

Kitaabni Ganamee “Intala Oromoo”jedhu kunillee yemmuu gurguramutti galiin isaa mishinii kanaaf kennamuun gargaara akka ture ni himama.

Mishiniin kun boodarra Oromiyaa keessatti manneen barnootaa, mana amantaa fi wiirtuulee adda addaa ijaaruu keessatti ga’ee guddaa qaba.

Ganameen Adoolessa 1855 keessa tasa dhibee hargansuu waliin wal qabateen hubamtee, Fulbaana 11,1855 lubbuun ishee darbe.

Wolberti Simiidt akka barreesseetti,Ganameen magaalaa Riyeen keessatti awwaalamte.


GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...