JIREENYA KEESSA JIRTU YKN JAALLATUUF HOJJEDHUU


❍ Waan lama waliin jaalachuun hin ta'u. 

Jiruu gaariis nan jaaladha; harka maradhee taa'uus nan jaaladha"jechuun waan hin malle dha.

❍ Dheebuu bahuuf bishaan dheebuu si baasu barbaadi!

 Hawwii qofaan dheebuun baha utuu jettuu dheebuun hin du'in!

➨ Jireenyi ati har'a keessa jirtu waan hedduuf kan siif hin mijanne ta'uu danda'a. Waan hedduutu sitti gufuu ta'ee jira ta'a; rakkoon kun tarii maatiin wal qabata ta'a. Maatii harka qal'eeyyii; maatii dhabaa irraa waan dhalatteef ta'uu mala. 

➨ Homaa miti yeroo qabda carraaqi!

 Dafqii buufadhu! Wanti gaariin ilmaan sirraa argamaniif akka darbu taasisi!

➨ Abadan abadan rakkoon sirra ture ilmaan keetti ce'uu hin qabu.

 Harka marattee teessee hawwuu qofaan wanti siif darbu hin jiru. Waan amma keessa jirtu kana seenaa gootee odeessitaatii imala keef tarkaanfii jalqabi!

■ Nama dhaabbatu nama deemutu bira dabra❗

"Na boodaa dhufee na dura darbaa?" Jettee komachuun fafa. "Maaliifan dhaabbadhe? Anatu carraa kootti dabarse namni ana hin geenye na darbe" jettee matuma kee komachuutu fala.  

■ Haalli kamiyyuu haaluma kanaan adeemama. 

Nama taa'u, laafaa illee ta'u namuma deemutu bira darba. Kanaaf kaleessa irra har'a, yoo lubbuun jiraatte har'arras boru of fooyyessuuf qophaa'i! 

■ Akkas yoo goote nama si hin geenyeen caalamteeti yeellofta osoo hin taane; nama si caalu darbiteetu gammaduuf jiraatta

Bishaan danfaa jiru keessatti laaltee of arguu hin dandeessu, akkasumatti yeroo aartee jirtu keessatti haqa arguu fi dhugaa hubachuu hin dandeessu! 

Eega bishaan qabbanaa'ee erga tasgabbaa'e booda keessatti of daawwatta! 

➪Kanaafuu,atis tasgabbaa'i❗

       Hin dagatiin❗

√  Jireenya kee keessatti namoota kanneen hin dagatiin: 

➪ Yeroo rakkinaa kan si gargaaran, 

➪ Rakkinarra kan si buusan, fi

➪ Rakkina keessatti kan si dhiisan!

Beekumsa qaban irratti hundaa'ee namoota gosa 4 tu jira.

๐Ÿ‘‰ Isaaniis:

1. Nama hin beekne,akka hin beekne,kan hin beekne.

➪ Wallaalaa Wallaalummaa isaa hin beeknedha.

2. Nama hin beekne,akka hin beekne,kan beeku.

➪ Wallaalaa Wallaalummaa isaa beekudha.

3. Nama beeku,akka beeku kan hin beekne.

➪ Beekaa beekumsa isaa hin beeknedha.

4. Nama beeku,akka beeku kan beeku.

➪ Beekaa beekumsa isaa beekudha.

⚠︎ Ati isaan kana keessaa isa kamimee❓

 


GAGGEESSAA CIMAA TA'UUF WANTOOTA (10)


Gaggeessaa cimaa ta'uuf Waantoota 10,n qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa cimaadha. 

1. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e.

2. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e.

3. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e. 

4. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalchiisan yoo dandeessa ta'e. 

5. Ofitti amanamummaa yoo qabaatte. 

6. Kutannoo yoo qabaatte. 

7. Yaada qajeelaa( Positive Attitude) yoo qabaatte.

8. Mul'ata,Kaayyoo fi Galma ifaa yoo qabaatte.

9. Rakkoo furuuf waa kalaquu yoo dandeesse. 

10.Amanamummaa yoo qabaachuu dandeessee.Dhuguma ati gaggeessaa cimaa Gaggeessaa jijjiiramaa ta'uu dandeessa


GOLA HAYYOOTAA KEESSA MURAASA


 ๐Ÿ”˜ Waa Sadii Waa Sadiin Addeessan 

   1. Ilkaan rigaadhan addeessan  

   2. Erbee soofadhan addeessan 

   3. Dubbii dhugaadhaan addeessan 

๐Ÿ”˜ Dubbii Namoota sadii karaa sadiin fixan jedhama 

    1. Dubbii warra Gowwaa sossobiin fixan 

    2.Dubbii warra lugnaa sodaachisuun fixan

    3.Dubbii Hayyuu Dhugaadhan fixan 

Jechamoota

๐Ÿ‘‰ Namni tokkolleen mataa kee yaabbachuu hin danda'u yoo ati gadi jatteef malee

๐Ÿ‘‰ Hiriyyaan beelama guutuu(kabaju)akka harkaa fi ijaati yoo harki dhukkubsate iji ni boosi yoo iji boose harki imimmaan irraa haqa 

๐Ÿ‘‰ Cophni roobaa deddeebii keessa dhagaa urti.

๐Ÿ‘‰ Salphinni kufuu osoo hin taane kufanii ka'uu dadhabuudha

Yaaluu hin dadhabiin yaaltee dadhabuutuu siif wayya kunis warra hin yaaliin kufee caalaa gara milkaa'inaatti dhihoo jirta jechuudha

Namni kufaatii sodaatuu hin tarkaanfatuu Itti rakkachuun booda milkaa'uudhaafi

➾korojoon(borsaa) duwwaan milkaa'innatti gahuu nama hin dhorku 

garuu sammuu duwwaa fi qalbii onaatu/duwwatu galma gahuu nama dhorka

SEENAA NAMICHA XIYYRA MIICCUU


Namicha xiyyaara miiccu tokkotu utuu kutaa Pilate (cockpit) keessa  qulqullessaa jiruu kitaaba"xiyyaara  akkamitti balaliisuu danda'u?"jedhu tokko argatee dubbisuu jalqabe.kitaabicha kessa  qabxiwwan  xiyyaara balalisuf nama fayyadan ka'amaniiru.Isaanis:

๐Ÿ‘‰1.motorasaa kaasuuf mallattoo(button) diima xuqi" jedha. Namichichis gaafa xuqu motorri isaa ka'ef baay'ees gammade.

๐Ÿ‘‰2.fulduratti oofuuf mallattoo(button) keelloo xuqi" jedha namichichis gaafa xuqu xiyyaarichi ariitidhan fulduratti fiiguu jalqabe baay'ees gammade. 

๐Ÿ‘‰3."balalisuuf mallattoo(button) magariisa xuqi" jedha. Innis gaafa xuqu xiyyaarichi qilleensa keessa balali'u jalqabe namichichis baay'ee gammade.Sana boda takka ture xiyyaaricha lafa qubachiisuuf barbaadee fula kitabicha yeroo garagalchu:

๐Ÿ‘‰"maaloo akkaataa xiyyaara ittin qubachiisan baruuf,kutaa lammaffaa  (volume two) kitaaba kanaa bitaa fayyadamaa" kan jedhu arge.Sana booda carra namicha kana maal akka inni ta'u isiniyyuu  beektu.

seenaa barreeffama kanarraa wanti hubannu:

1.Beekumsi walakkaan akka nama  balleessu.namni baay'een harra qabxii sadan kana malee isaa 4 ffaa hin beeku.asuma Facebook  kana irrattille odeeffannoo ga'a utuu hin argatin gola keessa ta'ani barreeffama garagara barreessudhan ka'aa balali'a nun jedhaniitu akkaata ittin qubannu nuf hin ka'ani.sababni isayyuu beekumsi isaani amma qabxii 3 ffatti qofa.   

2.Baay'een keenya hojii keenya dhisnetu hojii nama keessa gallee baballeessina, ofi keenyafis banna. Namichi  kun hojiin isaa balalisuu utuu hin taane miiccuu ture.  

3.jalqabaaf dhuma wanta tokkoo beekuu dhabuun miidhaa inni fidu.Har'a namoonni baay'een jalqaba wanta hojjetanii malee dhumasa tilmamutti xiyyeeffannaa hin kenani.kanaafidha namni baay'een waan tokko jalqabe walakka ga'ee kan inni dadhabuuf.Barreeffama kanarraa waan baay'ee baruun ni danda'ama.

๐Ÿ‘‰Kanaaf obbolotakoo wanta tokko gaafa hojjennu ykn hojjechuuf gaafa yaadnu waa'ee hojii sanaa beekumsa ga'aa argachuun dirqamadha.

๐Ÿ‘‰Namoonni ykn activistonni waa babarreessitani gadi dhistanis odeffannoo guutuu hin tane barreessitanii nu burjaajessurraa  of qusadhaa. 

๐Ÿ‘‰Warri hojii keenya malee kan nama keessa gallee borcaa jirrus haa dhisnu.Waan dubbistaniif horaa bulaa!

HUNDUMTUU DUUNEERRAA


Yeroo tokko jedhama,Hojjetaa wangeelaa yeroo dheeraadhaaf waldaa tokkotti baay’ee dadhabee tajaajilaa ture tokkotu ture.Namni Waaqayyoo kun dhugaa barbaada,dhugaa tajaajila, dhugaa barsiisa, dhugaan jiraata ture. Amantoonni inni baay’ee wajjin dadhabu kun garuu akkuma dhaaba irraa sanaa ija gaarii utuu hin taane ija hadhaawaa naqatani.Karaa Waaqayyoo caalaa karaa biraa filatani.Jal’ina akka uffataatti uffatani.Cubbuu akka bishaaniitti dhudha’anii garaa guuttatan.Namni waan kana ilaalee gadde kun gaaf-tokko akkas godhe;Saanduqa reeffaa hojjetee,Daawitii/oflaallee dheeraa ol garagachee keessa godhe.Guyyaa Sanbata guddaas fuudhee waldaa deemee iddoo aarsaa irra kaa’e.Amantoonnis dhufanii waldaa guutan.Waa’ee Saanduqa reeffaa iddoo aarsaa gubbaa taa’u sanaa Hundumtuu wal gaafatee dudubachuutti ka’e.Hojjetaan wangeelaa sun achi ba’ee amantoota erga nagaa gaafatee booda“Har’a nama guddaa nuti qabnutu nujalaa du’e.Hundumtuu toora galaa koottaatii tokko tokkoon ilaalaa jedhe”. Hundumtuu akkuma inni jedhe tti dhufee yoo Saanduqa reeffaa keessa gadi ilaalu of argee deebi’a. Dhuma irratti, “Amma eenyu akka du’e isiniif galeera mitii?” Jedhee amantoota isaa gaafate. Isaanis afaan tokkoon “Hundumtuu duuneerra” jedhan.Bara kana akkas taane Hundumtuu waa’ee nama biraa du’a ga’ii deemuuf eenyu akka du’e iyyaafata malee inni ofii isaa du’aa ta’uu hin beeku.“Iji baar-gamatti argu ciimmaa of irratti hin argu”jedha Oromoon. Amanuu waan hin barbaanneef malee hundi keenya duuneerra.

"Hundi keenya iyyuu ni duuna.kaayyoon keenya bara baraan jiraachuu utuu hin taane,seenaa bara baraan yaadatamu hojjetanii darbuudha"Chuck palahaniuk 

GAAFA ANI DHUKKUBA ONNEEN QABAMEE NI DU'A JEDHANII


Gaafa ani dhukkuba onneen qabamee'Operation' ta'uu in du’a naan jedhan!”kiristaan Roonaldoo

Kanin Ayyaana wajjin kabajullee hin qabun ture Maatii deegaa gidduuttin dhaladhe. Abbaan koo mooraa dhaabbata xiqqaa tokko keessatti qacaramee biqiltuu kunuusaa (Gardener) ture. Qarshii xiqqaa argata. Kanuma iyyu dhugduu/machaa’aadha.Booda keessaa dhukkuba hin fayyamneen qabamee narraa boqote.

Haati koo qulqulleessitudha.

Kana hojjettee nu nyaachiifti. Dhugaa dubbachuuf baayyee rakkataa turre. Haala nama gaddisiisu keessattiin guddadhe. Kanaaf jireenyi ani dabarse jireenya wallansoon guute ture.

Qofa-jiraataadha. Naman waliin taphadhu hin qabu. Kanin waliin ayyaana kabaju hin qabu. Walumagala sababa hiyyummaa koo irraa kan ka’e namni waan anatti hin dhiyaanneef; hiriyyaa hin qabu.

Obbolaan koo sadan; Obboleessa koo dhiira tokkof obbolaan koo durbaa lamaan waliin kutaa tokko keessa bulla.

Barumsaan nama ga’aa hin turre. Barsiisaa koo ta’umsaan rukkuteen Man Barumsaa irraa ari’aamee beeka. Daa’imummaa koo kaasee kubbaa miilaa taphachuun jaalladha.Kanaaf yeroo hundumaa ganama ka’een shaakala. Kubbaan anaaf taphaa qofaa hin turre. Hiriyyaa kooti. Gadda koo na irraanfachiisa. Nan boqodha. Na booharsa. Waantan keessa jiru dhiisee fulduree koo akkan yaadu na godha ture. kanaaf kubbaan miilaa anaaf waan hundumaa kooti.

Umrii koo waggaa 8ttin ‘kilabii’ seene taphachuu eegale. Daandeettin koo dabalaa, Namoonniif hiriyyoonni koos tapha kootti gammadaa,anis beekamaan deeme. Umrii koo waggaa 11 tti maatii irraa adda ba’een kilabii 'Island' seene. Ilaalaga umrii kanaan qofaa jiraachuun ammam akka ulfaatu.

Ijoollee kilabichaa keessaa ani xiqqaaf qallaan ture. Namoonni “qallaa waan ta’eef humna hin qabu”…nan jedhu turan.

Ani garuu akkasiin ofiin jedhan ture,Eeyyee ani hundumaarraa qallaadha,Hiriyyoota koo keessaa ani xiqqaadha,Namoota kana keessaa ani hiyyeessa

Garuu guyyaa tokko:

 Ani taphataa beekamaa adduyaan ta’a

 Soreessaa ofirraa hafuun ta’aa

 Milkaa’inni guddinaa qaama osoo hin taane guddina sammuu irratti hundaa’aan…ofiin jedha ture.

Umrii koo waggaa 15 tiin dhukkuba onneen qabame. Natti ulfaacha dhufe. Mee yaadaga! fiigee dafqee kubbaa taphachuu dhiisaatii taa’eeyyu baayyee na dhukkuba. Bakka bakkatti socho’uu hin danda’u.

Yeroo kun na mudatu; inni namoonni “mucaan kun fagoo hin ga’uu!” nan jedhan waan milkaa’eef natti fakkaate. Garuu abdii hin kutne. Booda yaaliin baqaqsanii hodhuu naaf taassifamee nan fayye. Gara shaakala koottin deebi’e. Akka garaa koo fiige taphachuun danda’e. Oole bulee, darbaa dhufaa…ittuman fufe.

 Mucaan hiyyeessi: Abbaan isaa biqiltuu namaaf soqaa, haati immoo xurii namaa qulleessaa guddistee, kan hiriyaa hin qabne kun:

 Bara 2003 qarshii doolaraa miliyeena 15niin kilabii beekamaaf guddaa biyya Ingiliz, 'Manchester United' seene.

 Bara 2009 qarshii yuuroo miliyeena 94niin kilabii beekamaaf guddaa biyya Ispeen, 'Real Madrid' seene.

 Bara 2018 qarshii Yuuroo miliyeena 100n kilebii beekamaaf guddaa biyya xaliyaanii, juventus seene.

 Akka kilabiif akka biyyaa tti Badhaasa geebaa 30 ol argateera: dhuunfaa isaatiin dhaabbataa mootummaa, miti-mootummaa, kilabiif biyyaa irraa badhaasaa heedduu fudhateera.

Dhaamsa koo:

Har’a tarii gidiraa, dhiphinaaf rakkina guddaa keessaa jiraachuu dandeenya.Dhugumasimmoo jirra

Garuu sitti himu! Abdii hin kutiin! Fulduraatti deemi! Hasaassaa hin dhageeffatiin! Situ mo’aa situ irra aana! Guyyaa tokko lafa yaadde, galmaa kee ni geessa!

Guyyaa ati lafa yaadde geessu ni dhufa.

Waaqayyoo karooraan ala nama uume tokkoyyuu hinqabu!

WAAN QABATTEE JIRTUU SIRRIITTI BEEKII


Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiran nama harkatti busheessurra darbee gatii hin malleenuu of nama sharafsiisa.

Isa kan keettiti dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa.harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaatuma fakkeenya tokko waliin haa ilaallu mee dura.

 Bara durii.... 

Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahani.guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbiifi beela hammana hin jedhameen waan hubamaniif fala osoo barbaadaa jiranii,namichaa gosaan warra guddaa kan hoolaa gateetti(gurmuu)isaatti baatee adeemu tokko halaalatti argani. 

Isaan sadan keessaa tokko"Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseefii.inni tokkos yaada kanatti mataa isaa oliifi gadi sochoosuun gammachuudhan walii galuu isaa ibsate.Inni hafe immoo,"hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira"jechaa falaa sana isaaniifan dhiyeessa jedhe. 

Xumuranii akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'anii karaa namichi irra darbu irra,fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani.      

Inni jalqabaarra dhaabbatu namicha hoolaa baatee adeemu sanaan,"Maali namichoo ati gosa warra guddaa taatee saree gateettii keetti baattee adeemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!"ittiin jedhe. 

Namichi inni hoolaa baatee adeemu sunis,"Namichoo hoolaafi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu?๐—บaraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti.๐—ฎna osoo hin taane situ saree baatee jira"jechuun bira darbee adeeme. 

Hoolaa isaa baatee utuma adeemaa jiruu,bakka namicha isa lammataa gahe.namichi karaarra dhaabbatee jiru kunis hin callisne.dabaree isaa,"Har'ammoo saree gateettiti baachuutu eegalamee safuu! hollee bullee,waan hedduu arginee dhageenya.maal taatee jirta namanaa?"yeroo inni jedhuunii,kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye.ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira.miira sodaa makateen,harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa,"Hoolaa mitimoo kanaan baachaa jiru kun?hoolaadhuma Sareen kana hin fakkaattu"jedhee bira darbee adeeme. 

Shakkiin baay'een humna isa irratti godhatee jira.hoolaafi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa adeema.  

Isaa akkanaan jiruu nama isa sadaffaa bira gahe.kan sadaffaa sunis"maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta?Saree baattaa?isayyuu gateettiti!osoo namni biraan sin argiin lafa buusii badi!"jedheen.kana dhagahee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaa eegale. 

Akka kanatti jarreen hoolaa isaanii fudhataanii galanii qalatanii nyaatanii jedhama!

Barbaachisummaa waan baatee jiruu beekuu dhabuun isaa hoolaa isaa isa dhabsiise.qabeenyi isaa hoolaa ta'uu isaa wallaalchisee jechi saree jedhu isa salfachiise.kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluti,miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati. 

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...