GATIIN JIREENYAA MEEQA?


Dargaggeessa tokkotu Abbaa isaatiin “Gatiin Jireenyaa hagamii?” Jedhee gaafate.Abbaan isaas deebii kennuu dhiisee waan tokko isa Abboome.“Hoodhu dhagaa kana gara gabaa tti geessi. Yoo namni gatii isaa sigaafate qubakee lamaan ol qabi.Achii booda waan isaan jedhan dhaggeeffadhuu gara manaatti deebi’i.” Jedheen.Mucaanis akkuma abbaan jedhe dhagaa fudhatee dhaqee gabaa walakkaa dhaabbate. Namni tokkos dhufee “gatiin dhagaa kanaa meeqa? Fudhee galeen mooraakoo keessa kaa’a “ jedhee gaafate. Mucaanis utuu homaa hin dubbatiin quba isaa lamaan ol qabe. Achii namtichi “qarshii lama jechuu keeti fakkaata siifan kennakaa” jedheen. Mucaanoo kanumaan firinxiixee gara manaatti galee mudannoo isaa abbaa isaatti hime. Abbaan isaa, “Ammammoo dhagaa kana fudhii gara Muuziyeemii deemi”jedheen. Mucaanis akkuma itti himame dhagaa isaa fudhatee dhaqee Muuziyeemii balbala dhaabbate.Tokko itti dhufee “gatiin dhagaa kanaa meeqa? Muuziyeemii kana keessan kaa’a” ittiin jedhe. Gurbaan ammas akkuma amala isaa quba isaa lamaan olqabe. Namtichoo“qarshii kuma lama jechuu keetii? Maarree siifan kenna “ jedheen. Mucaan ammas utuu homaa hin dubbatiin fiigee gara manaatti gale. Mudannoo isaa gara Muuziyeemiis Abbaa isaatti hime. “Amma immoo dhagaa kana fuudhii lafa dhagoonni gatii jabeeyyiin itti gurguraman dhaabbadhu” jedheen Abbaan isaa. Ammas mucaan dhagaa isaa qabatee lafa dhagaa gatii jabeessi itti gurguraman deeme. Abbaan warshaas itti dhufee “ Namana waan kana eessaa argattee? Kun bar baay’ee qaalii dha darbee darbee malees hin argamu.Ofii meeqa jetta gatii isaa? Jedheen. Mucaan akkuma amala isaa suuta jedhe quba lama ol itti qabe. Namichis gammadee “Milliona lama jechuu keetii? Yoo ta’e nan bita”jedheen. Mucaan naasuu guddaadhaan akka Harree faacha ciniinteetti arreedee manatti gale. Achii harganaa waan isa mudate Abbaa isaatti hime. Abbanis “ yaa ilmakoo amma gatiin jireenyaa waan siif gale natti fakkaata “ jedheen. Itti dabalees “Argitee ilmakoo gatiinkee kan inni shallagamu eessaa akka dhufteef eessaan akka dhufteen miti. Eessa akka of keessee jirtuuf lafa ati of dhaabdeen shallagama. Tarii haga ammaatti jireenyakee kanaaf tilmaama qarshii lamaa laattee jirta ta’a ykn kuma lama. Waan gatii jabeessa sikeessa jiru namoota arguu hin dandeenye bira yeroo ooltu gatii isaan sitti baasaan xiqqaa waan ta’uuf sanuma amantee fudhachuudhaan of cabsitee jiraatta. Eenyu giddu akka ooltu, eessa akka of keessee jirtu tu gatiikee shallaga. Jireenya keessatti adda addummaa kan fidu kana. ilmakoo ilaalladhuu taa’i, ilaalladhuu deemi,ilaalladhuu shirkoomi” ittiin jedhe. Akka irraa barattan abdii guddaan qaba.


HIN YAADIIN YOON CALLISEE WALALOO JAALALAA


Birbirsa muummee gubbaa

Eenyu muree gad qabee

Jaalalli duruu jiraa

Kan kee qofan dadhabee

Yaa bareedina keetii

simboo abaaboo birraa

Akkam godheen jiraadha

Ani addaan bahee sirraatii

===================

Nyaara kee isa kuulamaa

Faayamtuu koo yaa gugee

Jaalala keen machaa'ee

Ituun adeemuun kufee

Waa'ee keef obsan qabu

Qqilleensa sombaaf tiruu

Ati anaaf lubbuu kooti

Siin ala homtuun jiru

=====================

Egeree seenaa kootii

Warqiikoo faaya qubaa

Jaalalli kee waxalee

Akka abiddaa nagubaa

Dachee bal'oo kanarra

Luka koon ba'ee fiigee

Qeensi koos nabuqqa'ee

Lafeettis cabeen dhiigee

===================

Taa'ee ka'ees miixadhee

Dhabus jaalalaa haqaa

Jaalalli dhugaan garuu

Onneetu cophee baqaa

Yoo keessi namaan taane

Kasalaa'ee akka qaqaa

Kan onneen madaa'ee dhiigu

Kanakaa jaalalli haqaa

================

As qabiif achi qabii

Jaalala makaa hin qabne

Jaalalatu hunda moo'aaf

Siidaa jaalalaa dhaabne

Onneen siif jecha dhiige

Koo madaanis hin qoorre

Ani yoomiin ka biraaf fiigee

An gandarran joorre

=================

Jaalallee koo faayoo koo

Simboo qabeettii durbaa

Anis jaalallee keeti

Faara toleessi gurbaa

An siif kennera onneekoo

Ati anaaf waanuma hunda

Badhaasa noobeelii koo

Argannoo gatii guddaa

==================

Teessoo kee godhatteetta usii

Giddu galeessa onneef tiruu

Anaan shakkuu kee dhiisi

Kan sicaalu naaf hin jiru

Kana hunda yaadaan ture

Halkan qophaa koo ciisee

Si irraanfachuu koo miti

Hin yaadin yoon callisee

NAMNI NAMA FAYYADUUF MALEE MIIDHUUF HIN UUMAMNE


Yoon isarraa adda ba'e inni ni miidhama ykn yoon isheerraa adda ba'e isheen ni miidhamti jettee jaalala akka itti hin fufne utuu beektuu jaalallee kee waliin jiraachuunkee miidhuu dha malee fayyaduu miti. Utuu jaalalleenkee hin beekiin yeroo dhaaf waliin gammadeen gaafan barbaade irraa adda ba'a jettee yoo yaadde ta'e, yaada sana dhiistee utuu jaalalleekee hin miidhiin akka armaan gadii kanatti karaa nagaa irraa adda ba'i.

1.Guyyaa jaalalli keenya itti fufuu hin danda'u jettee MURTEESSITEE (utuu hin murteessiin itti yaaduun akkuma jirutti ta'ee) kaasii irraa adda ba'i.

2.Yeroo irraa adda baatu QAAMAAN argii irraa adda ba'i. Textiidhaan, bilbilaan, chatiidhaan si dhiiseera jettee itti hin himiin.

3.Yeroo irraa adda baatu waan kana gooteef, waan haalli naaf hin mijanneef, takka adda baanee ilaalla jedheeni fi kkf jettee sababa sobaa fi haalatti hin qabatiin. Maaliif irraa akka adda ba'uu barbaadde sirriitti itti himi. 

4.Yeroo itti himtu, utuu hin dheekkamiin gaaffii isheen/inni si gaafate/tte hunda deebisiif. Deebiikees ifaa godhi, hin dhoksiin!

5.Maaliif akka adda baate, yoomiif akkamitti akka adda baatee, maaltu akka isin muudate namoota biraatti haasa'iin.

6.Erga irraa adda baatee, hin bilbiliiniif, jajjabeessuu hin dhama'iin, jaalala dhaabneerra garuu hiriyyaa gaariin sii ta'a jettee itti hin dhiyatiin. Namni takkaa wal jaallatee ka'ee waldhiisee deebee jaalallee malee hiriyyaa waliif ta'uun soba.

7.Waa'ee nama irraa adda baate sana hir'inasaaa/shee, hammeenya fi rakkoo isaa/ishee hin haasa'iin.Nama gaarii akka siif turte/ture haasa'i.

JECHOOTA ROOBERT MUGAABEE NAMA_BOHAARSAN KEESSAA MURAASA


1.Yoo jaalalleen kee galgala galgala qofaa si waliin haasa'uuf ykn si waliin taphachuuf si barbaada/ddi ta'e ati nama waliin jiraacha jirta osoo hin taane BOOKEE waliini. 

2.Namoonni baay'een jaalallee malee jiraachuun hin danda'amu jedhu ani garuu Oksijiinii(Oxygen) malee jiraachuutu hin danda'aamuun jedha. 

3.Afriikaa keessatti seerri namoonni hundi kabajan "battery low" kan jedhu qofa. 

4.Dubartoonni hundi hamma qorichi HIV AIDS argamutti wal qunnamtii saalaa(intact_sex) hin hojjeennu jedhani otoo didaniiru ta'ee, Dhiroonni qoricha isaa guyyaa 30 keessatti argatu ture. 

5.Addaamii fi Hewwaan otoo akka ummata chaayinaa ta'ani silaa jannatuma keessa jirra. Sababiin isaa Mukicha hin nyaatina jedhaman sana dhiisani boficha nyaatu ture!! 

6.Ati jaalallee tokko ol qabda yoo ta'e si keessa kan jiru jaalala osoo hin taane "Memory card" dha. 

7.Dubartoonni tokko tokko waan jiimii(gym) hojjetan fakkatu, garuu mana jiimii(gym) balbaluma isaayyuu hin beekan. Ta'us dhiira tokko irraa garaa dhiira kan birootti fiiguuf jecha bocni qaama isaani kan bareedu.

8.Otoo haadha manaa qabduu barattoota kee faana jiraachuun sitti tola yoo ta'ee haadha manaa keef yuunifoormii barataa bitiif. 

9.Seexanni iyyuu "gay" hin qabu ture, sababiin isaa Addaami fi hewwaan qullaa jiran waan filateef. 

10.Ati miidhagduu miti taanan ani miidhagduu miti jedhi, miidhagina keessaa kan jettu dhiisi nuti X-ray ilaala hin deemnu. 

11.Waaqayyoo qorataa cimaadha, Cinaacha mirgaa dhiiraa keessaa lafee tokko fuudhee sagalee guddistuu (loud speaker) hojjete. 

12.Addunyaan kun biyya keenya Afrikaa kana nu miiteetti. Sababiin isaa 

πŸ…faranjiin tokko otoo gara Afrikaa dhufee daawwataa (tourist) jedhani simatu. 

πŸŽ–Afrikaan tokko otoo gara Awurooppaa deeme godaantota seeraan alaa jedhu. 

NAMUMAATU AKKASII


Abbaa fi ilmatu harree oofee gara gabaa deemaa jira jedhan.Utuma isaan Harree isaanii of-fuldura qajelchani haasa'aa adeemani karaa deemtonni tokko itti dhufan " ilaala warra gowwaa kana utuu harree yaabani deemu danda'anii of-fuldura qajeelchani lafoo adeemu."Jedhanin.Yeroo kana abban mucaa"Yaa ilma koo harree utuu qabani lafoo deemu jedhani quba nutti qabaa jiruti koottu ati harree kana yaabi animmo nan harkisa"jedhen.Mucaanis harree yaabee abban harkisaa imala isaani itti fufan.

😳Utuma deemsarra jiranii warri tokkommo itti dhufani" Maali mucaa abaarramaan safuu hin beekne, abbaa lafa oofetu ofisaaf harree yaabaa?" Jedhanin.Yeroo kana mucaan harree irra bu'ee" yaa abba koo kunoo na abaaraa jiru. Anii na harkisaa ati koottu harree kana yaabi" jedhen. Abbaanis harree yaabee mucaan harkisaa karaa isaani itti fufan.

😳 akkuma xiqqoo adeemanin immoo warri tokko karaatti itti dhufani " Maalii abbaa haammaatan akka kanaa? Mucaa isaa lafa oofee ofi isaaf harreetti bahe deemaa?" Jedhanin.Yeroo kana abbaan"Yaa mucaa koo kuno mucaa isa lafa oofe jedhani na abaaraa jiru, kanaaf koottu atis yaabi lama taanee yaabbanne adeemnaati" jedhen. Sana booda laman isaanitu harree sana yaabani karaa isaani itti fufan.

😳Xiqqoo akkuma deemanin ammas warri tokko itti dhufanii"Maali warri hamoon akka kanaa? Akkamitti lama ta'ani harree yaabani adeemu? Sammun isaani xiqumalle hin yaaduu?" Jedhanin. Yeroo kana wan godhan dhabna Harree sanarraa bu'anii  muka 2 ciccimaa isaa qopheeffatani miila fi harka ishee hidhani harrittii lama ta'ani o-lfuudhanii baatanii karaa isaani itti fufan.

😳Takka akkuma deemanin warri tokkommo karaatti itti dhufanii"ohoo ilaala ilaala warra gowwaa kana.Harree kana yaabani utuu deemu danda'anii garuu batani adeemu. Maali warri goowwan akka kanaa?"Jedhanin. Yeroo kana abba fi ilmi harritti lafa ka'ani abbaan ilmaan " yaa ilma koo oduu namaatifu karaa deemu dadhabaa jirra. Kanaaf harree kana asumatti ganneetu anaaf si'i karaa keenya itti fufuu qabna" jedhanii harree isaan fayyaddu kan mana fuudhani bahan oduu namaaf jecha gatanii karaa isaanirra bu'an jedhama.

Baay'ee hin ibsu yaadisaa sirritti sif galeera. Akkuma jara kanaa oduu namaaf jedhee isa fudhatee kahe mullata isaa, ayyaana isaa fi karoora isaa nama meeqatu karaatti gatee golatti galee jira? 

Tarii namni jechi nama madeessee manatti si galche suma isa seenaa kana dubbistu taa'am. Koottuka gabaabsen waa sitti hima. Obbolee yoo furdattes yoo qallattes, yoo dhukkubsattes yoo fayyaa taates, yoo kolfitees yoo fuulakee dumessites, Yoo ol- baates yoo gadi-buutes yoo gaarii gootes yoo balleessites arrabni namaa si biraa hin hafuu waan ta'eef ati galma kee ga'uuf muldhaata kee utuu hin gatiin karaa kee itti fufi.

Kanaaf Yoo sirratti odeessan yoo maqaa kee balleessan yoo sirratti kaka'ani du'attiyyu yoo silaatan sin dinqin. 

Kanas haa ta'u sanas namoota sif odessan caalaa namoota sirratti odeesantu nannoo kee guutee jira wan ta'ef isaanif gurri kee duuda haa ta'u. 

Namni akksi wan ta'ef ati calluma jedhi jireenya kee jiraadhu. 


TOOMAAS SAANKAARAA EENYU?



Cheguvericha Afirikaa TOOMAAS SAANKAARAA

Umrii isaa 33tti aangoo qabate.Waggoota afuriif biyyittii bulche(1983-1987).Maqaa biyya isaa bara kolonii Faransaay Apper Voltaa(Upper Volta) jedhamaa ture Burkinaafaasootti jijjiire.

Lammiiwwan biyyattiis Burkinaabee jedhamanii akka waamaman taasise.Burkinaabee jechuun namoota qajeeloo jechuu yoo ta’u,Burkinaafaasoon biyya namoota qajeeloo akka jechuuti. 

Leellisaa Paan-Afrikaaniiziimiiti. Imperiyaalizimiif jibba olaanaa qaba. Kunis,ilkaan biyyoota dhihaa keessa isa galchee ture. Jechasaa ‘He who feeds you, controls you’jedhuun beekama. Callaan jechichaa, kan si sooretu si to’ata jechuudha. Kanaafis, gargaarsa alaa kamuu hinbarbaadu jedhe. Akkuma jedhes humna biyyaa ijaare.

 Bu’uraalee misoomaa adda addaa humna biyyaatiin waliin gahe. Barnoota, geejjiba, fayyaa irratti baldhinaan hojjete. Umrii ji’oota sadii keessatti lammiilee biyyattii 35,000 ol ta’an barnoota bu’uuraa barsiisuun barreessuufi dubbisuu dandeessise.

 Waggoota afur biyyattii bulche keessatti uwwisa barnootaa biyyattii % 13 irraa gara % 73tti ol guddise.Torban tokko keessatti daa’imman biyyattii miliyoona 2.5 ta’an talaallii dhukkuboota garagaraa akka argatan taasise. Abbootii qabeenyaa irraa lafa fuudhee qonnaan bultootaaf hire.  Kanaanis, nyaaataan akka of danda’an taasise.

Aangoon isaaf ummata tajaajiluudha. Akkuma nama kamuu jireenya gadi aanaa gaggeessaa biyya bulchaa ture. Konkolaataa dulloomtuu tokko, saayikilii tokko, gitaarota sadiifi wantoota bu’uraa namni kamuu jiraachuuf barbaadudha qabeenyi isaa. Ijoolleen isaa mana barnootaa mootummaatti ijoollee hiyyeessaa waliin baratu. 

Geenneen biyyattii (haati warraa isaa) qacaramtee hojjettuu mootummaa tahuun hojjetti. Ministiroota biyyattiis jireenya irraa hafaa barsiifatan dhiisisee galii biyyatti hundaan jijjiirama biyya isaa irratti xiyyeeffate. Kun hundi hojiiwwan inni bara bulchiinsaa isaa waggaa 4tti hojjete keessaa muraasadha.

Lafti namoota qajeeloofi onneerraa biyya isaanii jaalataniif yeroo dheeraa hinkennitu.  Onkoloolessa 15, 1987 shira nama waahila qabsoo isaa ture Bileeyiz Kampaworeetiin fonqolchi mootummaa irratti taasifamuun ajjeefame.Dargaggeessichifi qabsa’aan sabaa yaadaafi jaalala biyya isaa waliin umrii 37tti  dacheerraa gargar bahuuf dirqame.

Cheguvericha Afirikaa TOOMAAS SAANKAARAA

HIN KEESUMMEESIIN


Waraabessa gara jabeessa tokkotu mandara wayii keessa jira ture, gaaf tokko waraabessi kun Horii (saawwan)mandara sana keessa jiran nyaatee fixuuf ka'e. Namoonni nannoo sanaas gara jabummaa waraabessa sanaa arganii isa waraananii ajjeesuuf murteefatanii waliin mari'atani.

Akkuma jedhanis walii galani gamaf gamasiin eeboo qabatanii osoo barbaadanii naannoo ta'e keesatti arganii kallattii hundaan itti marsanii gara isaatti fiigaa dhufani. Waraabeessi kunis dhaabadhee hin ilallu jedhe kallatti barbaaddatee fiigee Mana qaalittii abbaa mana hin qabneetti fiigee balbala rurrukutee "warrakoo maaloo mana narraa banaa?" jedhe.

Haati manaa ilma ishee tokkittii wajjin jiraataa turte kunis " mal maal taate ?" jettee gaafatte. innis "Maalo na ajjesuuf na ari'aa jiru mana keessa na dhoksi" jedheen.Ishenis ol galchitee mana keessa dhoksite. Jarri Waraabeessicha ari'aa turan faana miilasaa hordofanii yommuu mana sana bira gahan faanni miilasaa bade Balbala manichaa rurukutanii "jara manaa waraabessi tokko as mana keessa jiraa ?"jedhanii gafatan haati manaa kunis "as hin jiru" jette. jarris shakkanii "maalo nutti himi faanni miilasaa as gahee bade bitaas mirgas hin deemne asumatti dhaabate" jedhani isheen garuu jabeesitee "Gonkumaa an hin argine" jettee sobde dhoksite. 

Bulee boromta isaa Waraabessi kun guyyaa waan ta'eef bosonatti galuu barbaadee garuu waan sodaateef achuma bule. Gaafa guyyaa lamaffaa baayyee waan beela'eef galuu barbaadee ammas waan sodaateef achuma ture. Beela isaa obsuun waan itti ulfateef osoo haati mucaa bakkee jirtuu mucaa ishee cacabsee,ukkamsee nyaate. Haati mucaa yommu bakkeedhaa ol galtu mucaan hin jiru. Waraabesichi gaarii waan itti fakkateef isa hin shakkine turte.Ammas garuu Waan beela'eef hamuummachuu jalqabe utaalee miila qaalittii kanaa qabate.  isheenis yommus mucaashe kan nyate akka isa ta'e bartee humnaf sagalee qabduun"Uuuuuuuuu maaloo naa birmadhaa" jette iyyite. 

Namoonni ollaa kaleessa Waraabessicha barbaadaa turanis "mal mal maltu ta'e" jedhanin. isheenis iyyaa guddaan"Waraabessa kaleessa mana keessa dhoksee ture mucaa koo nyaatee anatti darbuufi maalo naaf birmadhaa" jette iyyite namooni sunis kaleessa maliif dhoksite harra maliif baafte jedhanii gara manatti deebi'ani. 

Cubbuu ofitti keessummeesitee of keessa dhoksitee isa faana firoomtee hin taa'in,ofirraa ari'adhu, of ta'ii jireenya kee jiraadhuu.cubbuuf ofiin kennin Hojiinsaa ajjeesuu fi balleessuu waan ta'eef gaaf tokko si balleessaa hin_keessummeessin ofirra ari'adhu.

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...