DHUGUMAYYUU ATOO HIN QABDU HIRIYYAA


Namticha araada qabu tokkotu hiriyaa isaa araada qabu kan biraa wajjiin beellama qabatee dursee achi ga’ee taa’ee eegaa jira.Namni kan biraan tokko immoo iddoodhuma sana taa’ee waa dubbisaa waas alalfata(nyaataa)ture.Achumaan itti siqee hamma hiriyaan isaa dhufuufiitti yeroo wajjiin dabarsuu barbaade.Maqaa gaafatee wal baree“Hiriyaa qabdaa?”Jedheen.Namtichi deebisee“Dhiira moo dhalaa?”Jedheen.Achii“Lakkii dhiiruman jedhe”jedheen.Innis“Ani illee lachuu iyyuu hin qabu gaaffiidhuma kee qulqulleeffachuuf malee” jedheeni. Sanumaan “maali nama gaarii fakkaatta attamitti hiriyaa dhabee”jedheen.Innis deebisee“Hundumtuu gaafa jalqaba na argan akkumakee kana naan jedhu,achii natti dhiyaachuuf waa meeqa ta’u,ega walitti dhiyaannee booda garuu ni badu”ittiin jedhe.“Maal amala badaa qabda jechuu dha moo?”Jedheen. Innis “lakkii amala badaa hin qabu, garuu waan isaan ana irraa barbaadanis immoo hin qabu”ittiin jedhe.Namtichi bitaa isa galee “maal jechuu dhaa!”Jedhee gaafate. Innis “yoo xiqqoo nabira turte Atumtuu ofiif deebifta”jedheen. Namtichis xiqqoo akka usuu ta’ee.”hey obbole sigaaraa qabdaa?”Jedheen.Innis“lakkii hin qabu” jedheen.Achii xiqqoo turee“feestaala sana keessa kan jiru caatii dha moo?”Jedhee gaafate.Innis“lakkii baala Warqee ti galee ittiin daabboo tolchuuf jedheen ammuma argee bitadhe”jedheen.Achii“daabboo ofii tolfattaa?”Jedhee itti kolfe.Inni immoo“waanan ofii nyaadhu eenyu akka naaf tolchu yaaddee?”Jedheen.Innoo dubbicha moggaatti qabee“araada qabdaa”jedheen.Jennaan“Eeyyee”jedheen.Achii baay’ee gammadee “maarree manni gaariin tokko jira hiriyaan koos waan hafe fakkaata wajjin deemnee shaashaa goona kaa”jedheen.Namtichis“library dhaa?”Jedheen.Innis aaree“biyya keessanii immoo library keessatti qaamuu?” Jedhee itti kolfe. Namtichis“ahaa Maarree akka achitti qaraanuuf mitii kan achi nuuf tuulan?”Jedheen. Achii“waa’ee maalii odeessitaa ani caatii jechuu kootiim”jedheen.Inni immoo deebisee“akkasimoo ani immoo waa’ee kitaabaan odeessaam.Suusii qaba kanan siin Jedhes suusii dubbisuuti”ittiin jedhe. Namtichi baay’ee aaree“dhuguma iyyuu ati waan namaaf ta’u hin qabdu”jedhee dhiisee sokke.Namooni dhiigaan firoomu, amalaan immoo michoomu. “Wal fakkaattiin wal barbaaddi” jedha Oromoon.“Michuun Cuquliisaa Sabaliisa” jedha Oromoon gaafa mammaaku.Yeroo tokko tokko namoonni baay’ee wal jibban michuu ta’aniin arga.Edaa amala tokko qabu.Warri baay’ee hamii jaalatan warruma akka isaanii barbaaddatu,inaaftuun inaaftuu barbaaddi,sobduunis sobduu barbaaddi Hundumtuu akka wal fakkaatutti,lwal jaalatee immoo utuu hin taane wanti isaan jaalatan tokko waan ta’eef shirkoomu(michoomu).

FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA( BROMHIDROSIS)


Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, keessattuu kan bobaa jalaa, ni baay'ata. Dafqi baay'atu kun ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta'uu mala.Kun ammoo ofitti amantummaa keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.

Mee hardha, wontoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko ilaalla:

Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan(sweat glands)miliyoona sadihii hanga afurii ta'an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu. Inni tokko(Eccrine glands)gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo'a qaama keenyaa to'achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha.Inni lamataa(Apocrine glands)ammoo gogaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamu dha. Xannachi kun harmaa irratti aanan maddisiisa,gurra keessaatti ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta'u,gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta'e kan pirootiiniif keemikaalota biraa qabu maddisiisa. 

Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama.Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaatu danda'a.

Namoota foolii badaa qaamaatiif yeroo hedduu saaxilaman:

• Namoota furdinna garmalee guddaa ta'e qaban.

• Namoota yeroo baay'ee nyaata zayitiin,qullubbiin,shunkurtiin,itti baay'ate fayyadaman 

• Alkoolii, buna, sigaaraa baay'isanii fayyadamuu

• Namoota hedduminnaan foon diimaa,killee/buuphaa nyaachuu guddisan

• Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban fa'a.

□ Kanneen armaan olitti ibsaman isaan kaan irra saaxilamoodha malee, isaan qofatu rakkoo dafqaaf foolii kana qabu jechuu miti.

Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:

Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:

* Qaama keenya bishaan hoo'aa dhaan dhiqachuu. Bishaan hoo'aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii badaa qabaatuuf sababa ta'an xiqqeessa.

* Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu. Kana gochuu dhabuun dafqi keenya akka dafee hin hurkine gochuun baakiteeriyootaaf saaxila.

* Saamunaa mana qorichaatti gurguraman Kan baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM fa'a fayyadamuu.

* Nyaata zayitiin itti baay'ate yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu.Foon diimaas, buphaas baay'isuu dhabuu. Kuduraaleef fuduraalee fayyadamuu.

* Erga bobaa keenya qulqulleesine booda shittoo ykn "deodorant" adda adda fayyadamuu.Otoo hin qulqulleessin dibachuun foolii bada biraaf nama saxiluu mala.

* Yoo tooftaalee armaan olitti eerameen baduu ykn hirdhachuu dide mana yaalaa dhiheenyatti argamu deemuun Doktora ykn ogeessa yaalaa mari'achiisuun "anti perspirant" fayyadamuun barbaachisaa ta'a. 


FAAYIDAALEE TEESSUMA /HUDDUU DUBARTII GUDDAA TA'EE


Guddinni teessuma dubartii, dubartiidhaa dubartiitti garaagarummaa yaa qabaatu malee dubartoonni uumamaan teessumni isaanii kan dhiiraa caalaa guddaadha. Guddinna teessuma isaanitiif immoo gahee guddaa kan taphatu uumamaan hoormonii istiroojiinii jedhamu waan qabaniifi. Hormooniin kunis coomni akka iddoo kanatti kuufamu godha. Teessumni guddaan dubartootaa baroota dheeraaf mallattoo bareedinaafi hormaataa (symbol of beauty and fertility) jedhamee fudhatamaa ture,ammas jira. 

Teessumni dubartii guddaa ta'uun kunis faayidaalee hedduu isaaniif qaba. Isaan keessaa muraasni :-

*Coomni iddoo kanatti kuufamu cooma iddoo biroo irra fayya qabeessaafi akka cooma iddoo biraa rakkoo hamaa kan hin qabnee dha. Kanaaf, coomni kun rakkoolee akka dhukkuba sukkaaraa, dhibee onnee fi ujummoo dhiigaa ittisuu keessatti gahee guddaa qaba. 

*Dubartootaaf bareedina isaanii ni dabala. 

* Dubartoonni naatoo akka qabaataniif hedduu gargaara. 

*Maashaan iddoo kanatti argamu darbii gamoo irra salphaatti akka bahan gargaara. 

*Beelaaf salphaatti harka akka hin kennine isaan gargaara. 

*Dhukkubbii dugdaa ni ittisa. 

*Yeroo ulfaa fi da'umsaa baay'ee hin rakkatan. 

*Coomni iddoo kanatti kuufamu keemikaala addaa 'omega - 3 fatty acid' jedhamu gahaa waan qabuuf yaadaan, beekumsaafi gahumsa gaarii akka qabaatan isaan gargaara. Akkasumas, gaafa dahanii daa'imman isaanii harma hoosisan keemikaalli kun daa'ima isaanitti waan darbuuf daa'ima sammuu isaanii cimaa ta'e godhachuu danda'u. 

*Dhiira tokko tokkoof akkuma bunaa, alkooliifi nyaata garagaraatti akka si'eessituutti gargaara. 

*Umrii dheeraa akka jiraataniif ni gargaara. 

BOKOKA GARAA


Uumamaan adeemsa sirna bullaa'insa nyaataa keenya keessatti qilleensi ykn gaaziin ni uumama. Qilleensi kunis, akka inni rakkoo hin uumne bifa dhuufuutiin ykn deeffutiin ni baha. Yaa ta'u malee,sababa garagaraatiin qilleensi humnaa ol oomishamee ykn haala olitti jedhame kanaan yoo bahuu baate garaa keessatti kuufamee Bokoka garaa fi dhukkubbii garaa fiduu danda'a.

Wantoota Bokoka Garaa Fidan

Qilleensi ykn gaaziin bokoka garaa fidu harki caalaan kan garaa keenya seenu gaafa nyaannuufi wanta dhugamu immoo dhugnuudha. Innis, yeroo baay'ee bifa deeffutiin baha.Haalli biraa immoo nyaata qilleensa uumamaan uuman nyaachuudhaani. Inni kunis,yeroo baay'ee bifa dhuufuutiin ni baha. Nyaatawwan qilleensa uuman keessaa muraasni :-

*Baaqelaafi bu'aalee isaa

*Ataraafi bu'aalee isaa

*Hanqaaquu nyaachuu

*Fuduraa fi kuduraa tokko tokko,fknf Qullubbii adii,appilii,goommana(raafuu) fkkf

*Qamadiifi bu'aalee qamadii

*Aannanii fi bu'aalee aannanii 

*Dhugaatiiwwan akka kookaa, biiraa, farsoo fa'a

*Maastikaa alanfachuu

*Karameellaa xuuxuu fi kkf. 

Akkasumas, dafanii dafanii nyaachuufi dhuguu, gaafa nyaatan haasa'aa nyaachuu faanti illee qilleensi baay'een akka gara garaa seenuu godhu.

Bokokni garaa dabalataan, mallattoo dhukkubaas ta'uu danda'a. Fknf, mallattoo Gogiinsa garaa,dhukkuba garaachaa, dhiphina garmalee ta'e,dandeettii nyaata tokko tokko bulleessuu dadhabuu,Rakkoo mar'immaanii fa'a ta'uus danda'a. 

Akkamitti Of Gargaaruun Danda'ama?

Bokoka garaa sababa dhukkubootatiin dhufe, dhukkuboota sanniin ogeessa fayyaa mariisiisuudhaan yaalamuun barbaachisaadha. Yaa ta'u malee, bokokni garaa yeroo baay'ee gargaarsa nuti ofii goonuun salphaatti nu dhiisuu danda'a. Gargaarsi kunniinis :-

Nyaatawwan olitti jenne keessaa kamtu akka rakkoo kanaaf nu saaxilu adda baafannee nyaata san hir'isuu ykn dhiisuu. Haalli kun,obsa waan barbaaduuf suuta jedhanii obsaan bira gahuu 

*Bishaan sirriitti dhuguu (guyyaatti liitira 2-3)

*Suuta suuta nyaachuufi dhuguu

*Dhiphinafi yaaddoo hir'isuu

*Maastikaa alanfachuu ykn Karameellaa xuuxuu dhiisuu ykn xiqqeessuu

*Sigaaraa xuuxuu dhiisuu

*Suuta suuta garaa susukkuumuu 

*Sochii qaamaa guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30f,torbanitti guyyaa 5f gochuu

Yoom Mana Yaalaa Deemuun Barbaachisa?

*Bobbaa dhiiga makate yoo nama teessise

*Baasaan yoo jiraate

*Ulfaatinni qaamaa garmalee yoo hir'ate

*Olguuraafi haqqeen yoo jiraate

*Hoo'i qaamaa dabalee jira yoo ta'e 

*Gogiinsi garaa yoo jiraate 

*Dhukkubbiin garaa nama irra yoo ture

Dhukkubbiin qomaa ykn gubaan laphee yoo jiraateefi haala olitti jenneen of gargaaruudhaan yoo nama dhiisuu baate mana yaalaa deemuudhaan ogeessa fayyaa mariisiisuun barbaachisaadha.


OBBOLEESSA KIYYA WAAN TA'EEF NATTI HIN ULFAATU"


Akkuma suuraa irratti argitan kana,mucaa tokkotu iddoo waraanaatti dugda irratti nama biraa baatee deema. Gocha mucaa kanaa kan arge loltuun tokko, mucaan inni baatee jiru kun lubbuudhaan akka hin jirre hubatee maaliif akka inni du'aa baatee deemuufi akka of irraa buusee gatuudhaan dadhabbii dhufu of irraa hambisuuf isa gorsa. Mucaaniis gorsa loltuu kanaaf deebii akkas jedhu deebiseefi. "Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, baattadhee deemeen iddoo gaariitti awwaalladha!!" jedheen. Loltuun kunis deebii mucaan deebiseef kana hin eegne waan ta'eef baay'ee ajaa'ibsiifatee imimmaan buusee boo'e. Erga yeroo saniitii kaasee suuraan kun biyya Jaapaaniitti mallattoo tokkummaafi jabinaa ta'uudhaan siidaan dhaabbateefii jira.

Nutis mee :-

Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, Obboleettii tiyyaa waan taateef natti hin ulfaattu yaa jennu! 

Obboleessi keenya yoo kufe yaa kaasnu! 

Obboleettiin teenya yoo dadhabde yaa gargaarru! 

Inni yoo dogongore yaa sirreessinu! 

Isheen yoo balleessite dhiifama yaa goonuuf!!

Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu yaa jennu!


Akkuma suuraa irratti argitan kana,mucaa tokkotu iddoo waraanaatti dugda irratti nama biraa baatee deema. Gocha mucaa kanaa kan arge loltuun tokko, mucaan inni baatee jiru kun lubbuudhaan akka hin jirre hubatee maaliif akka inni du'aa baatee deemuufi akka of irraa buusee gatuudhaan dadhabbii dhufu of irraa hambisuuf isa gorsa. Mucaaniis gorsa loltuu kanaaf deebii akkas jedhu deebiseefi. "Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, baattadhee deemeen iddoo gaariitti awwaalladha!!" jedheen. Loltuun kunis deebii mucaan deebiseef kana hin eegne waan ta'eef baay'ee ajaa'ibsiifatee imimmaan buusee boo'e. Erga yeroo saniitii kaasee suuraan kun biyya Jaapaaniitti mallattoo tokkummaafi jabinaa ta'uudhaan siidaan dhaabbateefii jira.

Nutis mee :-

Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, Obboleettii tiyyaa waan taateef natti hin ulfaattu haa jennu! 

Obboleessi keenya yoo kufe haa kaasnu! 

Obboleettiin teenya yoo dadhabde haa gargaarru! 

Inni yoo dogongore haa sirreessinu! 

Isheen yoo balleessite dhiifama haa goonuuf!!

Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu haa jennu!


WARRA RAAWWATANII ARGAMAN TA'UUTU NUTTI HIR'ATE.NAMATTI LALLABUUNIS NUUF SALPHAADHA


Yeroo tokko paastera tokkotu mana sagadaa keessatti mata duree, "Warreen harka qal'eeyyii haa yaadannu!" jedhu irratti lallaba ture. Mata duree hawwataadha mitiiree? Wal nama hingaafachiisu!

Ittuma fufe paasterichi! Akkanaan; "Namummaan namaa nama cina isaa jiruuf yoo oo'a qabaate qofadha? Kennuu keessa eebbaatu jira. Harka kennuttis hinhir'atu. Kan lama qabnu isa tokko hinqabneef haa hiru. Yeroo mana gaarii keessa boqonnu obboloota keenya aduufi qorraan hubamaa jiran haa yaadannu. Yeroo filannee nyaannee dhugnu, warreen waan nyaatan dhabanii mar'immaan isaanii duwwaa ta'ee jiru akka hindaganne. Kan daare daara baasaa! Osoo nuyi uffata meeqaaf meeqa mana tuullee jirruu, maaliif tokkommoo qullaa isaa deemaa? Mee itti yaadaa amantoonni! Maarree, amumma irraa eegallee, obboloota keenyatti gaarummaa haa agarsiifnu." 

Paasterii kun, bifa kanaan lallabee ji'a tokko hinfixne kan ta'iin tokko mana paasterii kana keessatti ta'e. Guyyaa tokko ganama ture. Hirribaa ka'ee uffata uffachuuf yeroo jedhu, uffanni isaa tokko hinjiru. Haadha warraa isaa waamee gaafate. Akkan jetteen; "Kadhataa tokkotu gara manaa dhufe. Waan nyaatu dhabee jira. Uffannis irraa dhumeera. Ani kana ilaaleen, waan nyaatu kenneefi. Uffatakees fuudheen kenneefii. Kana akkan godhuuf kan na kakaase immoo, lallabakee yeroo darbeeti. Akkana yaa nama Waaqayyoo!" Yeroo kana jettuun kana, fuulli paasterichaa ni jijjiirame. "Ani kanan lallabe miseensi akka hojiirra oolchuuf malee ofiifii? Ati maal waan taateefis uffatakoo namaaf kennita? Amma narraa bahi. Ijakees arguu hinbarbaadu!" jedheen miira aariin. Ajaa'iba dubbiiti!


πŸ‘‰Ergichi ifaadha! Baay'een keenya waan godhamuu qabu wallaalle miti, warra godhanii argaman ta'uutu nutti hir'ate. Namaafis lallabuunis nuuf salphata; kan nutti ulfaatu garuu ofitti lallabuufi hojii irra oolchuudha. Kanatus rakkoo ta'e! Iddoo jenne warra gahan haa taanumee!

QOFUMMAAF SEENAA ALEKSAANDER SILKIRIK


Qofummaa karaa lamaan hiikuu dandeenya.Tokko dhugumaan namoota irraa qaamaan adda ba’anii jireenya qofaa jiraachuu yoo tahu, inni biraan utuma namoota wajjin jiranii hiriyaa dhugaa /aantee dhugaa/ kan miira ofii hiraniif dhabuun miira qofummaan guutamuu dha. 

Lachuu qofummaadhuma, miidhaa qofummaan namatti fidu hedduudha. Kanneen armaan gadii miidhaalee qofummaa keessaa muraasa:

● Umurii namaa ni gabaabsa: Carraan umrii malee du’uu isaanii kannneen hariiroo fayyaaleessa namoota waliin qabaniin yoo madaalamu kan namoota qofummaan jiraatanii daran dabala. 

● Humna dhibee ittistuu qaamaa ni dadhabsa.

● Fayyaaleessumaa soorataa ni hanqisa. Namoota qofummaa qaban waanuma argatan waan soorataniif carraan nyaata madaalamaa argachuu isaanii ni hir’ata.

● Dhibee mukuu/gadddabuu (depression) fi muddama (stress) nama saaxila. Dandeettii mukuu/dhiphuu dandamachuu namaa illee ni hir’isa.

● Araada gara garaaf nama saaxila.

● Hariiroo hawaasumma daran nama harkaa balleessa.

● Carraa of ajjeesuu namaa ni illee ni dabala.

"Qofaa dhalanne,qofa duunas.Qofummaan kutaa deemsa jireenya keenyaati!"Jenova

Namni lammii Iskootilaandi Aleksaander Silkirik jedhama umurii dargagummaa isaatti yakkaan kan himatamee dargageessi kun mana hidhaa akka hin seenne miliquuf hojjeta doonii ta'uuf murteessee.akkuma murteesses hojjeta doonii ta'ee.Hojiin doonii irraa ulfaataa ta'u illee inni garuu jabaatee itti fufe.hojicha eegalee waggoota kudhaan booda umurii isaa waggaa 27tti jechuun bara 1713 doonii siinkipoortis jedhamtu irratti hoogganaa imala galaana irraa ta'uun ramadame.Dooniin kun qarqara galaana Biraazil irraan gara kibbaa kan imaltuu turte.qarqara galaana Arjentiinaa qaxxaamuruun karaa chiilli gara kaabaatti deemsa ishee itti fufte.doonittiin imala irra osoo jiranii turee egaa haalli sodaachisaan kan isaan mudate.balaa guddaa lubbuu isaaniif sodaachisuuf saaxilaman.kana irraan immoo galaan isaani nidhume,dhukkubni imaltoota hedduu jalaa miidhe.kanaafuu deemsaas hin mijatne waan ta'eef yeroo xiqqoof ni boqotani.booda akka deemuu qaban gareen kaan yoo irratti waliif galan Aleksaander Silkirik garuu ni mormee.garuu namni isaa dhagahuun hin ture.kanaan Aleksaander silkirik qofaa isaa achi irratti hafe.odola namni irraa hin jirre irra qofaa isaa!Doonittiin imala ishee eegaltee otoo hin turiin silkirik yaada isaa jijjire.jara waliin deemuu fedhe.itti fiigee waamus namuu isa hin dhageenye.otoo inni iyyee waamuu gara jabinaan odola sanyiin namaa irra hin jirre gubbaatti gatanii qajeelan.bakka namni hin jirretti qofaa isaa hafuu isaaf gaabbii guddaatu itti dhagahame.garuu homaa gochuu hin dandeenye.sammuu isaa amansiisee jireenya qofummaa waldhansoo qabuu qofa ture wanti inni gochuu danda'u.har'a bor dooniin biroo dhufa jedhee eeggachuu itti fufus akka inni abdate hin taane otoo inni kallatti hundaan dhufaatii doonii eeguu guyyootni fi halkanoonni hedduun dhufanii darban.jireenyi isaas ittuma yaaddoo guddaa keessa seene.jireenyi Aleksaander silkirik odola Juwaan Fernaandez irratti salphaa hin turre.osoo sagalee namaa hin dhagahiin,uumama namaa jedhamu ijaan hin argiin guyyoota hedduu odola xiqqoo guutummaan guutuutti galaana guddaan marfamtee jirtu tokko irra jiraachuun baay'ee ulfaata.ro'oota bosonaa adamsuun yeroo hedduuf sooratee obsaan doonii gara qarqara galaanatti bahuun hordofature.dhuma irraa waggaa afuriif ji'oota afur erga qofummaan dabarsee boodaa dooniin biyyaa Ingiliiz dhufuu ishee baree gammachuun abiddaa bobeessee mallattoo itti argisiisuun gara isaatti waamatee kanaan qofummaa keessa bahe.      


GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...