FAARUU MAREEHOO KAN GAAFA AYYAANA IRREECHAA FAARFAMUU


FAARUU MAREEHOO jedhamu namoota ayyaana Irreechaa irraatti hirmaataniin faarfatama.Namni tokko dura bu'ee faaruu mareehoo jecha adeema.kan biroon immoo irra deddeebiin jalaa qabuun mareehoo mareehoo mareehoo ...jecha gara haraatti adeemu.kunis

Hoo yaa mareehoo

Irreechaa harkaa qaba yaa mareehoo 

Mareehoo(x2)

Hoo yaa mareehoo

Yaa Waaq nutti araarami yaa maree hoo

Mareehoo (x2)

Hoo yaa mareehoo

Irreechaa duraa oba haa mareehoo!

Mareehoox2

Sumaafan badii oole yaa mareehoo

Mareehoox2

Hoo yaa mareehoo

Yaa Waaqa tulluu uumtee yaa mareehoo

Mareehoo(x2)

Hoo yaa mareehoo

Yaa Waaqa birraa uumtee yaa mareehoo

Mareehoo(x)

Hoo yaa mareehoo

Maree fardii hin dalagu yaa mareehoo

Hoo yaa mareehoo

Hoo yaa marrehoo jechuun irreechi ayyaaneffatama

  

JAALALLI DHUGAAN YEROO KAMIYYUU TAANAAN KAN BADU MITI

Yeroo tokkoo shammari tokkoo loltuu tokkoo walliin jaalalaa baay'ee bareeda ta'ee dabarsani. Loltuun kun akkumaa carraa darrii biyyaa isaa eguuf jechaa ishee irraa adda bahe loltuwwaan kaan walliin dangaa biyyaa isaa eguuf deeme. Sana booda jaalalee isaa walliin wal arguun faagacha dhufee xalayaa qofa ta'ee. Isheenis waggaa murasaaf egdee dhufuu gaafa diduu.

XALAYAA AKKAS JETTE ERGITTEEF

Waggaa murta'eef si eguus dhufuu waan dideef ani hiriyaa jaalalee biraa waanan qabadheef suura/photo koo kan si biraa jiruu hundaa naaf ergii si hin barbaadu. Kan jedhuudha. Loltuun kunnis xalayichaa dubbisee. Hiriyyootta isaafi loltuwwaan biroo irraa suura shammarran hedduu wallittii qabee:

XALAYYAA AKKAS JEDHUU BARREESSEEF;

Ani ati ishee kam akka tattee waanan si hin barreef adaraa kee suuraa hundaa kana keessa sitti kan toleefi kan kee kan ta'ee fuudhutti isaa kan naf deebissi. Jechuun ergeef.

Jaalali dhugaa yeroo kamiyyuu isaa hin dangeessu, bakka jirtanitti wal qoruu irraa waliif amanamuun jiraadha. Ani wan baay'ee isiniif hin ibsu isiin garuu kan jaalataniif amanamaa ta'aa jiraadha! Hora bula!

NUTTIS AS DHIHAADHU ATI ABDII NUUF LAADHU- BEST INSPIRATIONAL PEOM

Gaafa beekaan dubbachuuf arrabnisa xaxamu

Gaafa limiixiin dhufee lafatti uwiffamu

Gaafa hunduu wallaalee bakka deemuuf dhaabatu

Icciitti garaasaatii dhabee namatti himatu


Imimmaan haxaawwachuun maaf darba barri keenya

Abbaa aangoo qabeessa dubbadhu gara keenya

Ogummaan nu baqatee onee jireenyii keenya

Hadaaraa kee dubbadhu olii sumaan eegna


Lafti dhihee bari'uu walisaa walaalee

Jireenyi rakkinaa didee nurratti caallee

Ofirraa dabarsuuf mulqachuus dadhabnee

Suma qofa wamnee sumattin abdannee

Yaa rabbii nun gattin jechuun si kadhannee


Beekadhafi walalaa hundii suma ilaalaa

Ati nutti dubbadhuu yaa rabbii halalaa

Nuuttis as dhiyaadhu ati abdii nuf ladhu


BAKKEE KEE CAALAATTI KEESSA KEE KUNUUNSII



Wanti suuraa isaa argitan kun Shittoo Flower Bomb Victor jedhamudha. Gatin isaa immoo Doolaara Ameerikaatti $2500 dha.  Gara qarshii biyya kanaatti yoo deebisnu 2500×50.69= 126,725birr ta'a jechuudhaka. Yeroo amma kana gatii isaanis ta'e foolin isaa jaallatamuudhan sadarkaa tokkoffaa irra jira. Kan nama dhibu garuu Hammi isaa immoo 50ml qofadha.

Shittoo kana gaafa gubbaa isaa ilaaltan wanuma xiqqoo gatii hin basne fakkaata. Garuu dhangala'oo qaruura kana keessa jirutu gatii isaa miyesse. Kan gatiin isaa ol ka'e, foolii isaaf jecha malee  bareedina qaruuraa isa gubbaarraa mullatu kanaaf jecha miti.  Dhangala'on kun utuu qaruraa bifti hin tolle keessas taa'ee foolii isaaf jecha inuma barbadama. Namni shittoo kana dibatee deemulle fuula nama fulduratti hammiisaa olka'adha. Shittoon kun lafa hundumattis hin argamu. Akkuma gatii isaa iddoon argama isaallee addadha.

Mee si keessahoo maaltu jira? maaltu si guutee jira? Iddoon argama keehoo eessadha?. Yeroo kana namni kan inni xiyyeeffatu bareedina isa gubbarra irratti malee bareedina isa keessarratti miti. Inni ilaalus inni ilaalamus ilaalchi isaa isa gubbaa kanarraa darbuu hin danda'u.

Obbolee koo waan sitti hima. Gubbaa kee kukkuulutti yeroo kee hin qisasessini. Sababni isaas inni ati itti dadhabdu kun hundumtuu boru akka fixeensaa coolagee bada. Dhimmi isaa dhimma uumuriiti. Bareedinni kee inni keessaa garuu barabaraan si walin jiraata. Akkuma shittoo kanaa gatii miyessuu kan danda'u wanta si keessa jirudha malee isa gubbaa kee kana miti. Tarii har'a gubbaa kee ilaale namoota danuutu si barbaada ta'a, Garuu na amani warri amma si afarsan kun yeroo muraasa booda  si biraa harca'u. Keessi kee foolii gaarii kenninaan garuu boris har'as hundumatu si urgeeffachuf si barbaada. Ati qofti keessa kee bareechu irratti yeroo kee gubi malee gatiin kee guddaadha. 

Kanaaf taa'i of ilaali, namni maal koo jaallachaa jira jedhi? Wanta bara darbee na keessa jiraatu of keessaa qabaa? jedhi of gaafadhu. Sammuu kee beekumsan gabbisi. Onnee kee jaalalan haaromsi. Fuula bareedu irra keessa bareedutu "kuni nama" si jechisiisa.  Namoota baay'etu uffaannaa fi fuula bareedee keessi daalacha'e, ati garuu ilaalcha sirrii qabaadhu keessa bareedi.  Badaa gubbaa kee irratti hin xiyyeffatini keessan fooli toli. Gubbaa kee utuma sukkemtee  miiccituu yeroon akka sirratti hin dhumne. Akkuma shittoon kun shittoo warraa kaan irraa sababa foolii isaaf jecha gatiin isaa minyawaa ta'ee barbaadamee ati wanta si keessatu gati kee miyessa waan ta'ef yeroo itti hin kennin Har'uma jijjiirramuu jalqabi. 

    

ABDII YOO KUTATTEETTA TA'EE AKKA RISAA OF HAAROMSII

 


Seenaa Risaa/Joobiraa kana Dubbisi Share godhi Ammayyuu_Abdiin_Jira!

Risaan shimbirroota sanyii isaa keessaa umuurii dheeraa jiraachudhaan beekama hanga waggaa 120 jiraachuu danda'aa jedhu qorattootni garuu umurii kana bira gahuudhaaf rakkoo fi gidiraa hamtuu keessa darbee achi gaha.

Umuriin isaa yeroo shantama/50 gahu Fiixeen huuruu isaa qaramaan sun dadhabaa dhufa, baalleen isaa ciccimoon sun lallafaanii bararuu dadhabu qeensi isaanii qara eeboo fakkatu ilmoo re'ee lafaa qonxooxee qabu sun ni caccabu.

Risaa filannoo lama qofaa qaba

1ffaa:Du'a

2ffaa: Adeemsa Jijjiramaa Abdii kutachiisaa keessa bahanii haaromuu

Adeemsi kun ammoo guyyoota 150 ykn Ji'a/Baatii 5 itti fudhata adeemsa kana keessatti Risaan gara gaara/Tulluu olkaa'ati ol bahee qara huuruu isaa fi baallee/koluu isaa ofirraa caccabsuun jireenya gadadoo fi dhiphinaa hedduu keessa darba.

Nyaata nyaachuu hin danda'u, bararuu/balali'uu hin danda'u, koluu/baallee hin qabu aduu fi bokkaa dandamachuu hin danda'u......garuu ji'oota muraasa boodee Koluu/baallee haaraa, Huuruu haaraa fi Qeensa haaraa biqilcha/baasa.

Sana booda Risaa balalii isaa cimaa sanatti deebi'uun waggoota dabalataa 50 ol jiraata

Jijjiiramni Maaliif  Barbaachisee?

Jiraachudhaaf rakkinaa fi gadadoo keessa jiru keessaa bahuudhaaf Jijjiramni barbaachisaadha akkasumaas yaadannoo badaa/gaarii hin taane kaleessa keessa turre keessaa bahuudhaf barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko waan keessa jirru keessaa waan baanu nutti hin fakkatu #Abdii kutannaa cimaa keessa galla namniis Waaqniis nu hin baasu jennee amana garuu ammayyuu Abdiin jira Waaqayyo carraa biraa siif kenna.

Risaan waggaa 50 itti murtii lubbuu olchuu fi jireenyaa hambisu erga murteesse nutti maaliif dadhabne?? 

Daandii haaraa fi jireenya haaraa fuuldura kee jiru yoo barbaadde ofitti amanamummaa boodeetti si harkise jalaa bahi Waaqayyo si gargaara.

Sammuukee sirriitti bani akka Risaa/Joobiraa balali'uu dandeessa.

Yeroo bokkaan roobu simbirroon hunduu godoo isaanitti gaggalu #Risaan garuu baantii Waaqatti ol bahee bokkaa roobu gararraa balali'a. Rakkoon bokkaa jiru hundumaaf tokko haatahu malee ilaalchi nutti wantoota itti ilaallee furmaata kenninutu addaa adda beekaa.

Jijjirama hin sodaatiin jaalalaan fudhadhu!

Gaaffii 

Akka Risaa balali'uu barbaadnaa ol kaatee??

"Yeroo sadiin barnootakoo koollejjii kufe, Yeroo 30 ol beeksisa hojii ba'e qacarriif iyyannoo galchadhee hundaa kufe, Yeroo dhaabbanni KFC jedhamu biyya Chaayinaa dhufe namoota 24 hojiif dorgomaan keessaa kan otoo hin qacaramiin kophaatti hafe ana qofaadha, Humna waraanaa chaayinaatti poolisii ta'ee qacaramuuf namoota 5 dorgomne keessaa ana qofaa fudhachuu didan. Yuunibarsiitii Harvaardiitti deebi'ee seenudhaaf yeroo 10 ol iyyata galfadhee yeroo 10 na fudhachuu didan".

Jack_Maa

Jack Maan Hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Marsariitii/Websaayitii beekamaa Chaayinaa www.alibaba.com yoo tahu akka barruun Forbees jedhutti dureessa beekamaa Addunyaa kanaa 22ffadha qabeenyi isaa doolaara biliyoona 28.8 ture bara 2015ti.

Ijoon dubbii seenaa kanaa: Abdii hin kutatiin carraa fuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanuu waan taheef jabaadhu. Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittin siif hojjechuu didan barta. Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 99 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifuu hin dandeenye 99 bare malee jedhe.

Atiwoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa? 

Jabaadhu Waaqayyo si gargaara.

MAALIRRA TEESSEE JIRTA


Jaarsi kun waggoota 10 oliif sanduuqa xiqqoo tokkorra taa'ee kadhachaa ture

Guyyaa tokko namichi achiin darbu itti goree maalirra teessanii jirtu jedhee gaafate. Jaarsichis Sanduuqa xiqqoo tokkoo jedhen Namichis maarree waan keessa jirru ilaaltanii beektuu jedhee gaafate deebisee.

Jaarsichis kun taa'umsa kooti malee waan keessa jiru hin beekuu jedhanii deebisan

Namichis yeroo tokko akka irraa ka'aanii fi waan keessa jiru ilaalan itti hime.

Jaarsichis yeroo sanduuqa sana bananii ilaalan sanduuqi isaanii Warqee gatii jabeessan guutamee argan.

Isinoo maalirra teessanii harka namaa eegaa jirtu?

Dhaloonni kun waan hedduu of harkaa otoo qabuu taa'ee nama eegaa jira, qabeenya dhokataa Waaqayyo siif kenne irra teessee jirtu irraa ka'ii ilaali fulduratti tarkaanfadhu, injifachuu, ce'uus ni dandeessa

Ammuma ariifadhuu ka'ii murteessi, Nama tattaafatu Waaqnis namnis ni gargaara.

NAMA ARRABA LAKKUU



Nama arraba lama qabu agartanii beektuu ykn dhageessanii beektuu? Tarii lakki jechuu maltu.

Garuu akka qorannoon garaagaraa ibsutti bara 1900 keessa qorannoo geggeeffameen namni afaan lama qabu 35 addunyaa kana irra akka jiru gabaaamee ture. 

Akkuma qubni harkaa fi miillaa ykn qaamni biraa sababa hormoonii fi uumamaatiin umamuu danda'an afaan lama ykn arrabni lamas uumamuu danda'a. Kanneen afaanuma tokko keessatti arraba lama qaban immoo akka addunyaatti yoo muraasatanillee dhiira caalaa shamarrantu saaxilamoodha jedha qorannoon. 

Qorannoon bara 1990 keessa geggeeffames, naannoo itti dhalootni qaama guutuu fi rakkoo congenital malformation qabatanitti garuu namoota 50,000 keessaa shamarra tokko qofatu rakkoo arraba lamaan dhalachuudhaan  argamte jedha. Yeroo ammaa garuu ragaan namoota akkasii dhibamaa jira.

Alkasumas kanneen akka miidhaginaatti lakkaa'anii tajaajila baqaqsuudhaan arraba isaanii bakka lamatti baafatanis biyyoota guddatan keessa jiru. Kunis "Tongue bifurcation" jedhama.

Dhugaa dubbachuuf garuu akkuma daa'immummaa irraa olguddataa deemnuun arraba kan biraa biqilchaa deemna. Akkauma qabeenya horataa ykn iyyoomaa deemnuun, akkuma aangoo argataa ykn dhabaa deemnuun, akkuma namaan jaallatamaa ykn jibbamaa deemnuun, akkuma injifataa ykn injifatamaa deemnuu fi kan birootiin arraba lakkuun keenya qummaadaa suuta suuta guddataa deema.

Hiriyaan dhugaa dhibamuun, gaa'elli diigamuun, haqa ofii dhabuun, maqaa walballeessuun, bilisummaan daandiirra turuun, dibaabee garbummaa ho'ifachuun, filannoo wallaaluun wallaalchisuu fi kan biroon  bu'aa arraba lakkuuti.

As fakkaachuu fi achi fakkaachuun muuxannoo hojii arraba lakkuutiin dhufeedha. Kanaaf ejjennoo qabaachuun onnee tokkichaan, arraba tokkichaan gaararraa'ummaa malee jiraachuun akka dhuunfaattis, akka sabaattis, akka biyyaattis bu'a qabeessa.

Hiriyaa fi hidhata hojii arraba lakkuu qabu irraas of eeggachuudha. Ofii keenyaas dogoggora jireenyaatiin arraba lakkuu biqilchinee qabna taanaan suuta suutaan ofirraa kutnee ykn buqqifnee gatuu qabna. Akkasumas arrabaan wal madeessina taanaan ilkeensaa  bu'aadhuma arraba lakkuuti.


GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...