HUBADHUU ILAALLII

 

WAAN AFUR(4)HIN JAALLATTIIN!

✏Dubbii dharaa odeessuu

✏Osoo hin argin dharaan murteessuu

✏Icciiti kee nama hundatti himachuu

✏ Namaa gaditti xiqqaatte jiraachuu

WAA AFUR(4)DURSII HUBADHUU

✏ Jireenya booda duuti akka jirtu

✏ Qabeenya booda dhabdi akka jirtu

✏ Dargagummaa booda dullumti akka jirtu

✏Gabrummaa booda Bilisummaan akka jirtu

 WAAN AFUR(4) HIN TA'IIN

✏Hin jarjarin dura duutaa

✏Hin boonin hiree dhabdaa

✏ Hin aarin daftee dulloomtaa

✏ Hin kijibin ni jibbamtaa

WAAN AFUR(4)SIRRIITTI KUNUUNFADHUU

✏ Biyya kee

✏ Haadha kee

✏ Amantaa kee

✏ Jaalallee kee

WAA AFUR(4) YOO BARBAADEE

✏ Guddinna yoo barbaadde hojii hin tuffatin

✏ Of danda'uu yoo barbaadde harka namaa hin eegatin

✏ Milkii yoo barbaadde hadhaaf abbaa kee hin mufachiisin

✏ Bilisummaa yoo barbaadde tokkummaa hin diigiin

WAA AN FUR(4) JAALLADHUU

✏Dubbisuu jaaladhu madda beekumsaatii

✏Hojjachuu jaaladhu kaa'uumsa guddinaatii

✏ Dhiqachuu jaaladhu dursa fayyaatii

✏ Kolfuu jaalladhu madda gammachuutii!


FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU


Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaalee hawaasummaa hedduuf akka oolu beekamaa dha. Qorannoo baayyeen biyyoota guddataniin as ba’aa ture yeroo baayyeef miidhaa isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo ammaa kana faayidaalee bunni fayyaa namaatiif keessattuu fayyaa sammuutiif godhu qorannoo hedduun as ba’aa jiru.Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu:

FAAYIDAA

1.Dammaqina (alertness) namaaf kennuu isaatiin kan beekamu bunni barattootaa fi namoota hojii halkanii hojjetaniin baayyinaan dhugama. Kanas kan godhu bunni kemikaala Sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuu fi hirriba namatti fidu hir’isuuniidha. Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hin ta’in foolii isaatiin illee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himamaa. Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaaf bunni akaawamuu aara isaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kisii isaaniitti baatanii deemaniif.

2.Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha.Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baayyinaan burqu gochuu danda’a. keemikaalli kun faayidaa baayyee inni qabu keessa tokko Sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuu dha. Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuu isaanii cimsuu irra darbee dullumaan walqbatee dhibee dagachuu (alzhemer) irraa akka ittifaman gochuu akka danda’u bu’aan qorannoo ni agarsiisa .

3.Dhibee mukuu (depression) ittisuu. Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuu isaanii kanneen hin dhugne iraa dhibbeentaa 15(15%) ni hir’ata.

4.Carraa of ajjeesuu (suicide) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baayyeen isaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama. Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas 50% ni hir’isa.

5.Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuu isaanii ni dabala. Kun kan ta’u bunni dammaqina waan isaanii kennuuf hojii isaaniitti dammaqoo ta’u,darbees carraa namoota baayyee wajjin walii galuu waan argataniif . Kun immoo dhiphuu fi yaaddoo diinagdee hir’isuun fayyaa Sammuu isaanii eega.

6.Harkisa jaalalaa dabaluu. Namootni gaafa buna dhugaa taphatan dammaqinni isaanii fi simboon isaanii waan dabaluuf harkisi jaalalaa isaan gidduu jiraatu ni dabala.

7.Cooma garaa (borcii) irraa hir’isuun ilaalchi namootni ofiif qaban akka dabalu ni taasisa.

MIIDHAA

Bunni yoo garmalee dhugame miidhaalee Sammuu/qor-qalbii armaan gadii fiduu danda’a

1.Garmalee nama dammaqsuun (hyperactive) xiyyeeffannoo nama dhorka. Kun immoo hojii harka ofii irraa sirriitti raawwachuu nama dadhabsiisuu danda’a. Miira nama sossodaachisuu waan namatti fiduuf qormaata(exam) irratti nama miidhuu danda’a.

2.Gara galgalaa yoo dhugame,nama rafuu barbaadu hirriba dhorkuun,qulqullina hirriba namaa jeequu danda’a.

3.Namni dhibee yaaddoo (anxiety) qabu yoo buna garmalee dhuge dhibee kana itti hammeessuu danda’a.

4.Nama dhibee miira gar-lamee (bipolar disorder) qabu akka sadarkaan maaniyaa (mania) isaa itti ka’u gochuun miidhaa biraaf illee saaxiluu danda’a.

Miidhaaleen kun namoota guyyaatti buna minjaala/

siinii 4 ol dhuganitti akka baayyatu hima qorannoon dhiyeenya biyyaa Ingiliziitii ba’e. Ta’us waanti hubatmuu qabu carraan nama mudachuu miidhaalee armaan olii namaa namatti gara gara. kanaaf qaama ofii dhaggeeffachuun madaala ofii argachuun haala fayyaa qabeessa ta’een buna dhuguun firii isaa irraa baayyee,miidhaa isaa irraa xiqqoo makaruu dandeessu.

ASHABOO BAAY'ISANII NYAACHUU DHIBEE FAYYAAF NAMA SAAXILA


 ASHABOO BAAY'ISANII nyaachuun dhibee fayyaaf nama saaxila!

Ashaboon hagi xiqqaan qaamni keenya akka fayyaa ta'ee dalaguuf akka barbaachisu beekamaadha. Ashaboon yoo haga barbaadamu irra darbe hoo maal nama irraan ga'aa? 

1.Dhiibbaan dhiigaa akka olka'u taasisa. 

2.Qorichoota dhiibbaa dhiigaaf kennaman tokko tokko akka isaan dhiibbaa dhiigaa hin to'anne taasisa.

3. Dhukkuba onnee kan sababa garaagaraan dhufuuf nama saaxila.

4. Namoota dhukkuboota biroo akka dhukkuba kalee qabanitti akka itti jabaatu taasisa.

5. Bishaan qaama keessatti akka kuufamu taasisuun guutummaa qaamaa dhiitessuu danda'a.

Ashaboon yoo hagam nyaatan kan dhibee fayyaaf nama saaxila jennu?

1. Akka Waldaan Fayyaa Onnee Ameerikaa (AHA) jedhutti namni fayyaalessi tokko guyyaatti ashaboo giraama 2.5 ol soorachuu hin qabu. Kunis ashaboo fal'aana tokko jechuudha. Haa ta'u malee yeroo ammaa kana waantonni nyaataaf hojjetamanii dhiyaatan biyya keenya keessatti kan akka barbaree, daabboo fi kkf durumaan ashaboon itti dabalamee akka dhiyaatan beekamaadha. Kanaaf kana yaada keessa galchuudhaan tarii ashaboo alaa nyaatatti dabaluun barbaachisuu dhiisuu mala. Akasumas nyaatonni qophaa'anii gabaarraa bitaman, akka hin aloofne ittisuuf jecha ashaboo hedduutu itti dabalama. Kanaaf of eeggannoo taasisuun dirqama.

2.Namoota dhibee dhiibbaa diigaa, dhukkuba onnee fi dhukkuba kaleen dadhabuu qaban ammoo haga armaan olitti ibsinee kanaa gadi kan nyaachuu qaban.



KAN DIINNI GURRA SODAATU WALALOO SIRBA ART FAYISAA FURII

 

Qondaala

Osoo Gaafa wallalan Ka beekuti dhiisani! Osoo Gaafa Bitatan Daldaltuu dhiisani! Osoo diinaa buqqisuu Qeerichatti dhiisani! Osoo gaafa siyaasa Hayyichatti dhiisani Osoo gaafa araaraa Jaalalatti dhiisani Osoo gaafa dubbatan Afooletti dhiisani! Osoo gaafa hoggansa Nama sirritti dhiisani! Sila waa hin rakkatan Waan ofii hin dhabani! ........... Baraa girrisaan bu'ee Eegduun miidhaan hin baaftuu Ariitelle hin dhaqabduu Ooyrun barakaa qabdu Qotataa jiruun dhibee Bara gantuun bayyatee Qabsootu mucucaata Bara hayyuun maseene Hallayaa hin taane seene Sanyii isaa irra baqataa Gara hin taane hirkaata Yoo wal kabajuun hafee Yoo wal kabaluun dhufee Kaayyoo sabatu gufataa.

Walaloo Sirba Art Fayisaa Furii

WALALOO NADHIIKOO


 Kan ani nadhiidha jedhe

Nadhii damma miyooftuu

Bishaan eebichaa caalaa

Natti taate hadhooftuu 

Maqaa'shee badaa sana

Maqaa gaariin moggaasee

Mootii godhee moosisee

Gonfoo ulfinaan ol-baase

Turtii ji'oota hin caalleef

Naaf nama gaarii taatee

Amala ishee isa barteef

Gaarii koo akkan faalleef

Korma barbaacha baate

Anaaf dhugaa qofatu

Bakka jiraaf maleessaa

Nadhiin egaa deemteetti

Nyaattee waadaa kaleessaa

Isheen akka yaaddutti

Anaan dhuftee na gatte

Garuu dubbiin faallaadha

Isheen quuftee na gante

HUMNAA JECHOOTAA


√ Rakkinni jira jedhee waanan sitti faarsuuf dirree rakkinaa keessa dhaabattee rakkina ofitti hin faarsiin, akka ati fala rakkinaa kaa'attuufan rakkina sitti faarse! 

√ Jireenya kee keessatti qooda rakkinni na hin mudatu jettee callistee waan hundumaa gootu, rakkinnis akka si mudatu tilmaamaa furmaata rakkinichaa kaawwachaa adeemun kee ejjennoo jalqabaa ta'uu gaba! 

√ Wantoonni jireenya kee mudatan ba'aa ulfaataa ati ofimaa kuffisuu hin dandeenye waan hin taaneef,  jala teessee imimmaan gaddaa dhugaa abjuu kee humna hin dhoowuwatin! 

√ Ati yeroo hundumaa hojiirra jirta yoo ta'e, dhiibbaan waan sitti baay'atuuf namoota dhiibbaan itti hin baay'anne ilaaltee mogoleen si hin bu'iin! 

√ Rakkina ulfaataa akkamii namooti baay'een 'ofirraa qolachuu hin dandeessu' jedhanii ittiin mataa si cabsan atis hin danda'u jettee teessa

taanan atis gargaaraa rakkinichaa akka taate beeki! 

√ Gaafa kufte lafa kuftee kaatee waan itti kuftee fi lafa itti kufte san irraa hin barattu taanan, ammas kufaatiin kee waan oolu miti! 

√ Karaa namoonni akka ati irra hin dabarreef si danquun mogolee kee si jalatti caccabsanitti yeroo adeemtu, humna amantii 'nan moo'adha!' jedhu malee moo'achuu danda'aa laata jettee gaaffii dalgaa of hin gaafatiin! 

Yoo waan qajeelaa hojjechuuhin dandeenye dafii du'i. 

√ Namaaf wanta gaarii yaaduun sitti ulfata yoo ta'e dafii maraadhu.

√ Ija gaarummaan nama ilaaluu hin dandeessu yoo ta'e dafii jaami.

√ Miilli kee iddoo gaariitti nama hin geessu yoo ta'e dafii naafadhu.

√ Qarshiin kee dhalootaa fi biyya hin oolchu yoo ta'e dafii deegi.

√ Beekumsi kee dhaloota ija hin qaru yoo ta'e dafii doofi.

➪ Walumaa galatti,  wanta gaarii hojjechuun sirraa fagaateera taanaan dafii

addunyaa kana gad-dhisii godaani.

√ Walii galtee dachee kanaa wajjin qabdu dafii addaan kutiitii du'i!√ Jechoonni humna cimaa qabu, fayyisuus ajjeesuus ni dandahu. 

1. Dirqama:

 namni kamuu waa barbaade gochuu ni dandaha, namni kamuu garuu wanta nan godha jedheef kutannoon inni

qabu murteessaadha. Waa gochuuf dirqama jennee qabanne galmaan geenya.

Fakkeenyaaf wanta nyaannu yoo hin qabaatiin nyaannu malee waan hin jiraanneef bakka lixnu lixnee waan nyaannu barbaaddanna. Milkaahuu keenya, fayyaa

keenya, nama gargaaruu fi gocha keenya mara dirqama yoo jenne huma milkeessina.

Kanaaf jechi kun, jijjiiraman bor fiduu barbaaduuf wantootan har'a akka dirqamaatti fudhachuu malu na yaadachiisa.

2.Yoo ta'ehoo: 

 Baay'een keenyi fuulduratti tarkaanfachuurraa wanti duubatti nu harkisu

yoo jiraate sodaadha, sodaa baay'ee of keessaa qabna sana karaan itti mo'achuu dandeenyu tokko jedha kanaani, waan

sodaannu sana 'yoo ta'ehoo maalidharee' jennee yaaduun ulfaatina waan sodaanne sanaa salphisuu fi waan sodaannu sana ammumaa itti karoorfannee tarree waanammumaa itti karoorfannee tarree waan

sodaannuu keessaa baasuu dandeenya.

3.Amantii:

 Amantii yennaan jedhu amantii ofirratti qabnu, amantii boru irratti qabnu,

amantii milkaahuu wantootaa irratti qabnu.

Waan itti hin amanne irratti hin milkoofnu, hin dhamaanus. Waan itti amanne irratti garuu

wanti duubatti nu dhorku dhiballee, moo'annallee. Kanaaf ofitti haa amannu, waan gochuu dandeenyu irratti haa amannu,

boru guyyaa gaarii akka agarru haa amannu yennas boru gaarii ta'ee arguu barbaadnu sanaaf kutannoon hojjechuun nuu salphata.

4.Jaalala: 

Marti keenyu waan jaalannuuf dursa kennina, ittis milkoofna. Waan goonu mara jaalalaan gochuun waa mara sana irratti akka gammannu, namoonnis akka gammadan, akka milkoofnus nu gargaara. Mee waan goonu hammam jaalanna?

Hammamoo gocha keenya mara keessatti jaalala calaqqisiisna? 

5.Jijjiiruu hin dandahu: 

Eeyyee waa baay'ee gochuu dandenya, garuu wantoonni nu gochuu hin dandeenyes danuudha.

Fakkeenyaaf du'aa kaasuu hin dandeenyu, gaara dhiibuu hin dandeenyu... isa jirurratti hojjechuu, dhagaa dandeenyu darbachaa garuu gaara biraa hojjechuu dandeenya.

Amantiidhaan waan jedhamu jechaa hin jiru. Kana amannee fudhachuun ba'aa guddaa

humnaa olii of baachifnee akka hin deemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hindeemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hin

dandeenye osoo hin ta'iin waan jijjiruu dandeenyu irratti akka xiyyeeffannuuf, waan hin jijjiiramnerra, waan jijjiiramurratti yoo dhamaane jijjiirama waan fidnuuf. Waan hin jijjiiramnerratti yeroo gubuunillee hin barbaachisu.

6.Xiyyeeffannoo:

 Namni waan baay'ee qabatee deemu tokkollee dhaba, namni waa

tokko irratti xiyyeeffatu garuu waa xiyyeeffate sanarratti namni isa caalu hin jiraatu. Waan kumaatamaan of dhiphisuurra

waan tokko irratti xiyyeeffachuun milkaahoo nu godha.

7.Tokkoffaa (best jechuu barbaadeeni):

Waa hojjennu mara bilcheessinee hunda caalaa gaarii akka ta'u goonee hojiin keenyi akka jaalatamu, sadarkaa qulqullina wanta sanaas akka nuyi dursinuufi, nuun akka hiikkaan qulqullinaa kennamuuf nu gargaara.

Nan fiiga yoo ta'e tokkoffaaf fiiguu jechuudha, nan sirba yoo ta'e sirba namni gurra irraa fageessuu hin barbaanneefi

afaanirraa hin buufanne sirbuu fi kkf.

8.Madaala: 

As kanatti 'balance' jechuu barbaadeeni. Jireenyi gaarummaaf of jaalachuu qabdi, kennuuf fudhachuu qabdi,

adiif gurraacha qabdi, iyyaaf calleensa qabdi, gaddaaf gammachuu qabdi. Hunduu garuu bakkatti nu barbaachisan qabu, bakkattimmoo nu hin barbaachifne qabu. Namni yeroo hunda jaalala namaaf kennuNamni yeroo hundaa jaalala namaaf kennu ofiisaaf jaalala hin kennu taanaan ofii du'aa deema, namni of qofarratti xiyyeeffatu hammamuu milkaa'us gammachuu dhaba. Kanaaf waanneen akkasii madaala qabsiisanii deemsisuun ogummaa jireenya namni hundi barachuu maludhaan jedha… itti fufa

9.Jalqabi:

 Yeroo baay'ee jalqabuun ni cimti, haa jennuutii konkolaataa dhiibuun dirqama

sitti ta'e, jalqabarra humna qabdu maraan dhiibdeemayyuu sochoosuu dadhabuu dandeessaa... erga eegaltee garuu humni ati baastu humna sichii konkolaataa sanaa itti

fufsiisuuf barbaachisu qofadha. Baay'een keenyi waa baay'ee yaadna, garuu hin eegallu, haa eegallu. Eegallii malee itti fufinsi

hin jiraatuhoo!

10.Gurguri: 

Baay'een keenyi waan qabu dubbachuu dhiisuudhaan waan gaarii ta'ee nutti mullachuu mala. Akka amala gaariitti waan fudhatamuuf. Gariin jeenya ammoo hojiin keenyi qofti haa dubbatu malee an waanan qabuuf dandahu dubbachuun of

tuulummaa yookiin of jajuu fakkaata jennee yaadna. Dhugaan jiru garuu nu dubbannees ta'e hojjennee, dibannees ta'e uffannee of hin

gurgurru taanaan wanti gochuu dandeenyu baay'ee xiqishuudha yookiin hin jiraatu. Haalatti nama waaliin walii gallee waan

qabnu gurgurannu beekuun nurra jiraata. Waa'ee gurgursa cubbuutti nu galchuu dubbachaa hin jiru, waa'ee gurgursa waandubbachaa hin jiru, waa'ee gurgursa waan

guddaa akka hijjennu karaa nuuf saaquu malee! Uffata xuraahaallee uffannee namni akka nama qulqullina isaa sirriitti nama eeggatuutti nu ilaalu eeguun fafa waan ta'eef. osoo hin himatiin yookiin hin agarsiifatiinis namni akka nuu baru eeguun gowwummaa waan ta'eef. Har'aaf jechoota kanan qaba. 

✅ Jecha kamtu hiikkaa cimaa isiniif godhate laata?

✅ Jechi cimaan isiniif hiikkaa cimaa baatuhoo maali


JECHOOTA ONNACHIISOOF DADDAMMAQSOO


 1. Albert Einstein  

"Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha". 

 2. Steve Jobs 

"Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin". 

 3. Bill Gates 

"Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha". 

 4. Warren Buffet 

"Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha.Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin". 

 5. Bruce Lee 

"Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate". 

 6. Albert Hubbard 

"Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a.Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u". 

 7. Robert Kiosks 

"Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa". 

 8. Abraham Lincoln

"Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan". 

 9. Audrey Hepburn 

"Wanti kamiyyuu ni danda'ama"Nothing is impossible, the word itself says"I'm possible". 

 10. Maya Angelou 

"Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu.Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu,namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan". 

 11. Mike Ditka 

"Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte". 

 12. Muhammad Ali 

"Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godhi". 


GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...