Baattuun hadhooftuu qaamota bullaayinna nyaataaf gargaaran keessaa tokko yoo taatu, kan argamtus garaa keenya gara mirgaatiin tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammii fi bocni ishii abukaadoo xiqqaa kan ga'u ta'ee dhangala'aa bullaa'iinsa Lipiidii (coomaa, dhadhaa, buuphaa fa'aaf) tajaajilu kan tiruun oomishite erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda ujummoo hadhooftuutiin gara mar'umaan xiqqaa dabarsiti.
Cirrachi hadhooftuu keessatti uumamu hammaan gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda'a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta'uu danda'a.
Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaakuu lama qaba:
I- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta'u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu muldhatuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay'inaan qaba.
II- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta'u innis piigimantii bilirubin jedhamu irraa uumama. Bilirubin kun irra jireessan seelii dhiiga diimaa (umrii isaa fixatee diigamu) irraa argama.
Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
▪︎ Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fa'a fayyadamuu.
▪︎ Fuduraaf kuduraa nyaachuu dhabuu.
▪︎ Dhiira irra dubara irratti heddumaata. Keessahuu dubartii heddu deesse irratti.
▪︎ Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
▪︎ Furdinna qaamaa gar-malee guddaa ta'e qabaachuu.
▪︎ Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa irra heddumaata.
▪︎ Dhukkuba dhiigaa (akka bilirubinin jenne sun baay'atu godhan) tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta'anii dha.
Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:
* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta'u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda'u.
Yeroo kana:
▪︎ Garaa keenya gara harka mirgaa ykn laphee irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu.
▪︎ Dhukkubbiin kunis sa'aa muraasaaf ture kan badu ta'uu isaafi yeroo biraas dhukkubbiin akkasii namatti deebi'ee dhagahamu.
▪︎ Yeroma kana ceekuu gara mirgaa/ dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin namatti dhagahamu.
▪︎ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.
▪︎ Nyaata zayitiin itti baay'ate, foon, kallee, coomaa yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu.
* Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee:
☆ Garaa kenyaa gara mirgaatti ykn laphee irratti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahame.
☆ Hoo'i qaamaa fi dadhabiin dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate
☆ Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta'e hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.
Maal haa goonu?
*Dhukkubbiin/mallatoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaalaa deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nuuf ajaje (kan akka Altiraasawuundii fa'a) gochu.
* Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba sanaa hin qabne yaala hatattamaas ta'e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta'u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha.
* Yaalli cirracha hadhooftuu dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta'uu mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji'oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin bulbuluu dhabuu danda'u kanaaf yaalli bu'a qabeessa ta'e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha.