Hammi isaan barbaadaniifi dhabanii turuu danda’an/dandamatan garagara ta’ullee, qaamoleen keenya dalagaa isaanii hojjachuuf ‘Glucose (fi wontoota dalagaa qaamaaf barbaachisan)’ fi ‘Oxygen’ barbaadu. Gulukoosiif oksijiinii ammo karaa dhiigaatiin argatu. Dhiiga ammoo karaa hidda dhiiigatiin argatu. Dhiigaa argachuu dhabuun Sammuu: hiddi dhiigaa gara sammuu deemu cufamuu, hudhamuu fi sababa dhiigni sammuu keessatti jigeef dhiiga gahaa ykn dhiiga aragachuu dhabuun, akkasumas dhiibbaan kana irraa qaama sammuutti dhufu kun ISTIROOK jedhama.
ISTIROOKIIN dhiiga ititeen ykn cooma hidda dhiigaa irraa fottoquun cufamuu fi haalaan dhiphachuun (hudhamuun) hidda dhiigaa gara sammuu ykn qaamaa sammuu deemu (Ischemic Stroke) fi hiddi dhiigaa sammuu cituun ykn jigsuun dhiigni sammuu kessatti dhangala’uu (Hemorrhagic Stroke) irra ta’uu danda’a. Gosti ISTIROOKII lamaan kun yaalli isaanii garagara (faalla wolii) fi akkasumas wontootni isaaniif nama saaxilanis gargaruma haga tokkoo qabu.
Dhiigni gara sammuu ykn kutaa sammuu deemuu yeroo xiqqoof ykn yeroo gabaabduuf irraa dhaabatee deebi’uun (Transient Ischemic Attack) ammoo mallatoo sa’aa muraasa keeessatti mul’ate badu mul’isuu danda’a.
Mallatoolee ISTIROOKII:
* Dubbachuu dadhabuu. Arrabni nama hihidhamuu.
* Wanta namni biraa jedhu hubachuu dhabuu.
* Tasa qaamnii cinaa tokkoo: fuula, harkaa, fi luka sochosuu dadhabuu.Cinaan sun guutuun guututti laamshayuu (Paralyze) ta’uu.
* Ijji Cinaa tokko ykn lachuu ilaalu dadhabuu, itti dimimmisuu ykn guutuun guututti arguu dhabu.
* Bowwoo hamaa ta’e tasa namatti dhagahamuu. Keessattu mallatoolee armaan olitti eeraman wojjiin haqqeen, lafti namaan maruun, fi yeroo muraasa booda of wollaaluun.
* Deemuu dadhabu. Tasa madaala ofi eegu dadhabuu.
Maatii,fira fi hiriyyaan keenya ISTIROOKII qabate/godhate jenne yoo shakkine:
*Akka seeqatu gaafachuun,ciinaan fuula tokko kaan wajjiin seequu dhabuu ykn gadi bu’uu ilaaluu.
*Harka lachuu akka olfuudhu/ol kaasu gaafachuun, harki ciinaa tokko olfudhuu dadhabuu ykn olfuudhee gubbaa irratti qabuu dadhabuu isaa ilaaluu.
*Akka jecha tokko irra deddebi’e jedhuu gaafachuun,jijjirama fi sirritti jechicha jechuu dhabuu isaa ilaaluu.
*Yoo mallatoo sadan kana mul’ise hatattamaan otoo turtii kamuu hin godhin dafanii mana yaalaa (Hospitaala) fiduu.
Wontoota carraa ISTIROOKIIn qabamuu ol kaasan:
- Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu
- Sochii qaamaa gochuu dhabuu
- Alkoolii haalaa ol baay’isanii dhuguu
- Dawaa nama si’eessu, hadoochu ykn mirqaansu kan akka Cocaine (Kokeyinii fa’a fayyadamuu
- Dhiibbaa dhiigaa haalaan ol ka’aa ta’e
- Sigaaraa aarsuu
- Haammi Koolestiroolii ol ka’e ta’e qabaachu
- Dukkuba Sukkaraa haalaan to’achuu dhabuu
- Dhukkuba Onnee (Dadhabuu Onnee ykn dhahannaa Onne wolhinsimne ykn sirri hin taane) qaabachuu
- Amma dura ISTIROOKII qabachuu ykn maatiin dhiihoo keenya isaan hubamuun
- Dubara caalaa dhiira irratti hedduminaan mul’ata.
- Keessattu Umriin keenya woggaa/ ganna 55 ol ta’uun
Wontootaa carraa ISTIROOKIIN qabamuu ol kaasaniidha.
Xaxawwan ISTIROOKII irraa dhufan:
Mallatooleenifi Xaxawwan ISTIROOKIIn fiidu qaama Sammuu miidhame irratti hunda’a. Akkasumas sadarkaa miidhama qaama Sammuu san irratti hunda’a.Xaxawwan kanniin keessaa:
* Qaamni cinaa tokkoo: fuulli, harkii fi lukti laamshayee (paralyzed) ta’e hafuu.
* Dubbachuu dadabuu. Nyaata liqimsuu dadhabuu. Barreessuuf dubbisuu dadhabuu. Waan dubbatame hubachuu dhabuu.
* Waan amma dura ture guutun guutuutti ykn irra jireessaan irranfachuu ykn dagachuu.
* Waa hubachuu, qaayyabachuu, madaaluufi dandeetii yaadaa fi murtee sirri qabaachuu/ dabarasuu dhabuu.
* Siree irratti hafuu. Qaama dhiqaachuuf, uffata jijjirachuuf, nyaata nyaachufii kan kana fakkaataniif deggarsa nama biraa barbaaduu.
* Wontoota/xaxawwan kanaan wolqabatee yaada’uu fi cinqamuu irraa Muukuu sammuuf(Depresion)saaxilamuu.
ISTIROOKII akkamiin ofi irraa ittisna ykn carraa isaan qabamuu hirdhifna:
* Wontoota carraa ISTIROOKII dabalan keessaa tokko dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa ta’edha. Hordooffii gahaa gochuun dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun carraa ISTIROOKIIn hubamuu haalaan xiqqeessa.
*Hamma Koolestiroolii fi coomaa qaamaa keenya hirdhisuu. Kana gochuuf nyaata akka coomaa, foon diimaa, dhadhaa, kallee, fi nyata haphefamanii gurguraman kan koolestiroolii qaban yeroo hunda/ baay’isanii nyaachuu dhabuu/dhaabuu.
*Sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.
*Dhukkuba Sukkara yoo qabaanne hordoffii gahaa gochuun to’achuu.
*Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e yoo qabaanne hirdhisuu. Ulfaatinna hojja keenyaan wol madaalu qabaachuu.
*Fuduraaleef kuduraalee gara garaa nyaachuu
*Sochii qaamaa hargansuu barbaadan/nama hargansiisan haala idile ta’een hojjachuu.
*Hamma Alkoolii dhugnu xiqqeessu (Biiraa lamati) ykn guutumaan gutuutti dhiisuu.
*Dawaa nama si’eessan,hadoochaan ykn mirqaansan Ashiishii,Cocaine fa’a fayyadamuu dhabuu.
Horaa bulaa deebanaa!