GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?


Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti siidaa awwaala namootaa daw’achuuf warra isa daw’achiisan waliin mooraa awwaalaa tokko keessa seene. Mooraan sun baay’ee bareeda. Siidaawwan halluu  miidhagaan kuulaman hedduutu keessa jiru. Barreeffamoonni siidaawwan sana irratti barreeffamanii turan garuu namichatti bitaa galan. Wantota dubbise amanuu hin dandeenye. Kanneen armaan gadii barreeffamoota sana keessaa fudhataman:“Piroofeeser Joon Henerii, dhalatanii waggaa tokkoo fi ji’a ja’atti du’an.”“Dokter Deev Waaysong, dhalatanii waggaa afuritti du’an.”“Kaappiteen Ruut Toomaas, dhalatanii ji’a saddeetitti du’aan addunyaa kanattii addaan ba’an.”Barreeffamoota kanaa fi kanneen kana fakkaatan hedduu erga dubbisee booda ajaa’ibsiifachaa gara daw’achiisaa isaa deemuun gaaffii gaafate. “Ani kanan jedhu! Biyya kanatti namoonni gadameessa harmee isaanii keessatti baratanii eebbifamanii ba’umoo? Akkamitti namni waggaa tokkoo fi ji’a ja’atti piroofeesara ta’aa?  Waggaa afuritti doktera ta’aa?” Yeroo kana daw’achiisichi, “Maal sitti fakkaatee? Biyyi kun akka biyya keessanii miti. Biyya keessanitti umriin nama tokkoo lakkaa’amuu kan eegalu guyyaa namichi gadameessa harmee isaa keessaa ba’e irraa eegaleeti. Asitti garuu akkana miti.  Nuti lakkoofsa umrii kan eegallu guyyaa itti namichi seenaa qabatamaa tokko biyya isaatiif hojjete irraati. Aboo nuti gadameessatti hin amannu!” Yeroo kana namichi na’ee akkana jechuun  gaaffii biraa gaafate, “Amma utuu ani biyya kanatti du’ee maal jettanii siidaa awwaala koo irratti naaf barreessituree?”  Daw’achiisaanis, “Seenaa ittiin yaadatamtu kan dhaloota dhufuuf darbu kan hojjette qabdaa?” jedhee gaaffii isaa gaaffiin deebiseef.  Daw’atichi xiqqoo erga itti yaadee booda, “Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti hin qabu!” jedhee deebiseef. “Yoos” jedhe daw’achiisaan; “Yoos siif siidaan hin barbaachisu. Yoo akka tasaa siif ijaarame immoo ‘Obbo eenyu eenyuu, akkuma dhalataniin du’an!’ jedhamee siif barreeffama!” jedhe.  Argitee, seenaa ati waa irraa barachuu dandeessu kana kanan kaaseef akkanumaan miti. Dhimma namichaatu kan koo kana waliin wal fakkaate. “Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti homaa hin qabu!”  Kun anaafis dhugaa dha. Siif garuu hin beeku.Kanas ta’u sana amma murtoo tokko irra ga’een jira.  Seenaan ittiin yaadatamu tokko hojjedhee dirqama eenyummaa koo ba’achuu.  Akkamitti? Mataa koo kan gurra koo lamaan gidduu jiru sirriitti hojjechiisuun!Umrii kamirrayyuu haa jiraannu, anii fi ati walii gallee jennaan wanti jijjiirama hin finneef tokko hin jiru.  Atis akkuma koo yoo murteessite guyyaa kitaaba kanaan wal argine kana irraa eegallee milkaa’ina kaleessa hin turre galmeessuu ni  dande'ee

"Kara siif danda'ame hundumaan, bakka siif danda'ame hundummatti, namoota dandeessu hundumaaf, hamma siif danda'ame hundumaatti, waan gaarii siif danda'amu hojjedhuuf" 

 #EEBBIFAMTOOTA HARAAF

GORSAWWAN BARBAACHISOO 

Hojii qacaramuuf gorsawwan barbaachisoon isiniif qooda.Barnoota waggaa meeqaa booda gara hojiitti dhufuun kallattii jireenyaa isa biraadha.Kanaafuu,akkamitti gara boqonnaa kanaatti akka salphaatti dhufuun akka danda'amu waliif haa qoodnu. 

1.Cimina keenya beekuun qormaata barreeffamaa yookiin gaaffii afaaniif dhiyaachuuf baay'ee barbaachisaadha.

Ta'us garuu qabxii olaanaa waan qabduuf qofa qacaramuu ni dandeessa jechuu 

miti.Gaaffii afaanii irratti adda duree ta'uu qabda.Qormaanni barreeffamaas yoo jiraate akka salphaatti akkamitti darbuu dandeenya kan jedhu 

beekuun murteessadha.Qabxiin jalqabarratti qormaata irratti dhiyaachuuf carraa nuuf kenna.

Carricha fayyadamuun immoo dhimma biraati.Gaaffiin afaanii baay'ee barbaachisaa waan ta'eef namootni baay'een waan hundumaa darbaniit asirratti geggeeffamu.Cimina keenya beekuu jechuun digirii waan qabnuuf qofa yookiin qabxii olaanaa waan qabnuuf jecha akka milkaa'ina guddaatti lakkaa'uu osoo hin taane hanqinoota keenya beekuu fi guutuun baay'ee barbaachisaadha 

Qabxii olaanaa yoo qabaanne qormaata barreeffamaa,gaaffii afaanii fi qormaata gochaaf qophaa'uun gaariidha.Qabxiin keenya gadaanaa yoo ta'e immoo xiyyeeffannaan keenya muuxannoo hojii irratti ta'uu qaba.Ji'ootaaf ykn waggootaaf waan 

eebbifamteen hojii yoo hojjattee fi muuxannoo hojii seera qabeessa yoo qabaatte qacarrii fooyyee qabu 

yoo barbaadde, muuxannoo hammam qabda? kan jedhu malee qabxiin yuunivarsiitii ykn kollejjii kee meeqa? jedhanii hin gaafatan.Kanaafuu,hojii osoo hin tuffatin miindaan hammam iyyuu haa ta'uu hojiin ati hojjattu ogummaa ati ittiin eebbifamteen yoo ta'e akka qacaramtu ni gorfama. Muuxannoo yoo qabaatte gara hojii barbaadduutti dhufuu dandeessa. 

2.Namootni hojii dhabdoota ta'an biyya kana keessatti naannoo miliyoona hedduu ta'a.Kanaafuu,ati warra kaanirraa adda taatee argamuu qabda.Akkamitti? Tolaan hojjachuun guyyaa eebbifamterraa eegalii kanfaltii malee hojjachuu of barsiisi.Tajaajila tola ooltummaa kennuun muuxannoo fudhachuu fi akkamitti akka 

hojjatamu baruu dandeessa.

Namni kanfalee ni barata. Kanaafuu,hanga qacaramtutti hin taa'in.Namoota dhuunfaa ykn dhaabbata si waliin hojjachuuf fedhii qabu waliin hojjadhu.Leenjiiwwan gaggabaabaa fi qormaata "COC" qoramuun waraqaa ragaa kan kennan yoo jiraatan fudhadhu. 

3.Ogummaa kee malee qarshiif hin bitamin.Qarshiif jettee hojii ogummaa keen wal hin qabanne yoo hojjatte gara hojii ogummaa ittiin eebbifamteetti carraan deebi'uu xiqqaadha.Yeroon erga deemeen booda digiriin kee akka ati homaa ittiin hin hojjanneetti lakkaawwama.

Muuxannoon hojii kee 0'n yeroo itti fufu kan barattes nidagatta. Kanaafuu,kanfaltii irratti osoo hin taane hojiin hojjadhu kun  ogummaan baradhe waliin ni deemaa? jedhii of gaafadhu.Muxannoon hojii hammam barbaachisa? Yeroo xiqqoof ogummaa keetiin qarshii xiqqoon yoo hojjatte yeroo muraasa booda barbaadamaa taata.

4.Toorawwan intarneetii beeksisa qacarrii irratti hojjatan,miidiyaalee hawaasaa,telegiraamii,fesbukii 

fi gaazexaa garaagaraa irraa beeksisa hojii hordofi. 

5.Hojii osoo hin filatin ogummaa ittiin 

eebbifamteen yoo ta'e kanfaltii gadaanaa yoo ta'e iyyuu waan argatte hojjachaa hojii fooyya'aa barbaaduun barbaachisaadha. 

6.Waajjiroota mootummaaf duursa kenni.Kanfaltiin waajjiraalee mootummaa fooyya'aa jira.

Akkasumas tajaajilawwan kanneen akka barnoota,mana,konkolaataa fi carraawwan biroo argachuu dandeessa.

7.Qormaata barreeffamaa fi gaaffii afaaniif wayita waamamte,yoo argatteef namoota kanaan dura achitti qacaraman ykn toora intarneetii irraa odeeffannoo barbaachisu funaannadhuu dhaqi.Hammamiyyuu ani cimaadha yoo ofiin jette namni odeeffannoo qabu si caala.Kanaafuu, odeeffannoo qabaannaan luka tokkoon akka seente beeki. 

8.Beeksisa hojii ogummaa kee waliin deemu hundumaa yaaluu qabda.Namni inni barbaadu tokkos ta'ee sanaa ol akkasumas miindaan isaa xiqqaas ta'u guddaa yaaluu qabda. 

GORSA KANA WALIIF QOODAA! 


GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...