GATIIN DHALA NAMAA MEEQA


Ilmatu abbaa isaatiin,"gatiin jireenyaa meeqa abbaa?"jedhee gaafata. Abbaanis dubbiidhaan osoo hin taane gochaan itti agarsiisuuf yaade.Dhagaa tokko fuudhee itti kennee 'deemii gabaa geessi'jedheen. gatiisaammoo quba lama qofa itti agarsiisi afaanin hin dubbatin jedheen.'Gatii fedhan sii kennanis hin gurgurin'jedheen.Mucichis akkasuma godhe.Warri dhagaa irraa bituuf itti dhufan 'gatiin meeqa?'jedhuun;innis quba lama itti agarsiise.Qarshii lama moo?Sitti hin baayyatuu?Jedhaniin.Haa ta'uu ni kafalla yemmuu jedhaniin gurguruu didee gale.'Aabbaa waan naan jette raawwadheera'jedheen.Abbaanis tole mee ammas deemii godambaa(muuziy

eemii)geessi jedheen;ammas mucaan ni geesse. Gatiisaa akkuma duraa sana quba lamaan qofa baasee itti agarsiise.Qarshii dhibba lama moo?Tole ni kafalla jedhaniin.Didee dhagaasaa fudhatee manatti gale.ammas Abbaadhaan raawwadheera jedheen-mucichi. Abbaanis tole mee na hin nuffiniitii amma bakka albuuda itti gurguranitti geessi jedheen.Mucichis dukkaana albuuda itti gurguranitti ni geesse. Gatiisaa gaafatamnaan akkuma duraa quba lamaan itti agarsiise.Qarshii kuma dhibba lama moo? Jechaa dhagaa sanaajaa'ibsiifachaa amman siif kafala jedheen kunis. Mucichi gurguruu didee galeen.Abbaanis agartee ilma koo,dhagaan kun tokkuma, gabaatti qarshii lama,muuziyeemitti qarshii dhibba lama,dukkaana albuudatti immoo qarshii kuma dhibba lama siif kennan dhagaa gatii jabeessa jedhanii. Dhagaa gati-jabeessa ta'uu kan bare warra dukkaanaa sanaadha. Maalif? Maalummaa dhagichaa kan beeku isaan qofa waan ta'eefi. Gatiin jireenyaa kees akkasuma. Namoota gatii kee hin beekne irraa fagaadhu!

Jaallachuufi waliin jiraachuu dandeessa;garuu raawwattee itti hin dhiyaatin.Oolmaafi bultiin kee namoota gatii kee beekan qofa waliin haa ta'uu jedheen jedhama.


CIRRACHA HADHOOFTUU Gall Stone/Cholelithiasis


Baattuun hadhooftuu qaamota bullaayinna nyaataaf gargaaran keessaa tokko yoo taatu, kan argamtus garaa keenya gara mirgaatiin tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammii fi bocni ishii abukaadoo xiqqaa kan ga'u ta'ee dhangala'aa bullaa'iinsa Lipiidii (coomaa, dhadhaa, buuphaa fa'aaf) tajaajilu kan tiruun oomishite erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda ujummoo hadhooftuutiin gara mar'umaan xiqqaa dabarsiti. 

Cirrachi hadhooftuu keessatti uumamu hammaan gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda'a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta'uu danda'a. 

Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaakuu lama qaba:

I- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta'u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu muldhatuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay'inaan qaba.

II- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta'u innis piigimantii bilirubin jedhamu irraa uumama. Bilirubin kun irra jireessan seelii dhiiga diimaa (umrii isaa fixatee diigamu) irraa argama.

Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:

▪︎ Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fa'a fayyadamuu.

▪︎ Fuduraaf kuduraa nyaachuu dhabuu.

▪︎ Dhiira irra dubara irratti heddumaata. Keessahuu dubartii heddu deesse irratti.

▪︎ Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu

▪︎ Furdinna qaamaa gar-malee guddaa ta'e qabaachuu.

▪︎ Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa irra heddumaata.

▪︎ Dhukkuba dhiigaa (akka bilirubinin jenne sun baay'atu godhan) tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta'anii dha.

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu: 

* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta'u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda'u. 

Yeroo kana:

▪︎ Garaa keenya gara harka mirgaa ykn laphee irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu.  

▪︎ Dhukkubbiin kunis sa'aa muraasaaf ture kan badu ta'uu isaafi yeroo biraas dhukkubbiin akkasii namatti deebi'ee dhagahamu. 

▪︎ Yeroma kana ceekuu gara mirgaa/ dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin namatti dhagahamu.

▪︎ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.

▪︎ Nyaata zayitiin itti baay'ate, foon, kallee, coomaa yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu. 

* Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee:

☆ Garaa kenyaa gara mirgaatti ykn laphee irratti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahame.

☆ Hoo'i qaamaa fi dadhabiin dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate

☆ Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta'e  hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.

Maal haa goonu?

*Dhukkubbiin/mallatoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaalaa deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nuuf ajaje (kan akka Altiraasawuundii fa'a) gochu.

* Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba sanaa hin qabne yaala hatattamaas ta'e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta'u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha. 

* Yaalli cirracha hadhooftuu dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta'uu mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji'oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin  bulbuluu dhabuu danda'u kanaaf yaalli bu'a qabeessa ta'e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha. 


KAROORA DHABUUN MO'AMUU FIDA.


Namoota lama ta'anii qurxummii qabuuf,laga deeman. Achi ga'anii kiyyoo isaanii darbachuu eegalan. Akkuma beekamu kiyyoon isaanii qurxummii qabee fiduu jalqabe. Inni tokko qurxummii kiyyoon isaa qabee fidu hunda keessaa baafachuun qodaa isaa keessa kaa'uu jalqabe. Inni isa wajjin jirummoo yeroo kiyyoon isaa qurxummii gurguddaa qabee fidutti; qurxummiilee ishee xixiqqoo keessaa fudhachuun warra gurguddaa keessatti deebisa. 

Hiriyaa isaa sun,"maaliif qurxummii isa gurguddaa keessatti deebistee ishee xixiqqoo qofa fudhatta? Kaayyoon nuti dhufneef iyyuu yoo akka carraa argannee qurxummiilee isa gurguddaa qabachuudha mitii?" Jechuun gaafate. Namichis akkas jechuun deebiseef.

"Utuun qurxummiilee warra gurguddaa kana akkuma-kee fudhadhee galee baay'ee namatti tola ture. Garuu,mana kootii eeleen irratti bilcheeffannu xinnoo waan taateef qurxummiilee gurguddaan na hin barbaachisan" jedhee deebiseef. Hiriyaan isaa sun gadduun akkas jedhee deebiseef," Qurxummiilee gurguddaa dhiistee galuu moo galtee eelee kee ishee xiqqoo jijjiiruutu wayya ture?" Jedheen jedhama.

Ergaan koo gabaabinaan, "karooran dhabuun mo'amuu fida. Namichi sun osoo eelee guddaa qabaateetii qurxummii guddaa qabata ture;garuu inni eelee isaa bal'ifachuu dhiisee lagattis qurxummii xiqqaa qabachuutti gadi taa'e."

Namichi sun bara baraan,qurxummii xixiqqoo qabee nyaachuura;karoora ittiin eelee manasaa bal'ifatu yaadee,qurxummii gurguddaa qabatee nyaachuu isaaf wayya. 

Warri chaayinaa yoo dubbatan akkas jedhu, "Nama tokko tokko umurii isaa guutuu qabanii qurxummii nyaachisuurraa, guyyaa tokko laga buusanii akkaataa itti qurxummii qaba barsiisuutu salphata!" Jedhu.

Deemsi itti fufaa dhaabbatte hin eegiin!


OSOO HIN DHALATIIN DU'UUF ERGA DHALATANI DU'UU


Namoota erga du'anii waggaa 200 ol ta'an har'agaruu seenaan isaanii anaafi si warra lubbuun jiran caala kan dubbatamu baay'eetu jiru.

Namootni bayayeen du'anii jiratan.namootni baayyeen immoo osoo jiranii du'an.jiraachuun jirra jechuu miti.du'uum awwalamuu miti.awwaalamuunis du'ui irra baay'ee caala.nama hiikno jireenyaa galeef jiraachuunis du'uunis bu'aa qaba.namni hiikni jireenyaa hin galleef jiraachuun isaa jirraa qofaadha.Dubartii abbaan manaa ishee seenaa dalaugu jalqabee osoo hin xumuriin du'ee tokkotu turte.aabban manaa ishee hojii jalqabee osoo hin xumura isaa ijaan hin argine.garuu gaafa jalqabee akkamitti akka xumuruu qabu beaek.ijaan garuu osoo hin argiin du'ee.Haati manaa isaa garuu hojii inni jalqbee sana akkuma inni yaadetti galmaan geesse.gaafa hojiin isaa sun xumurame namoonnikumaatanim eebba isaa irratti argaman,dubariitn kun akkas jette"Abbaan manaa koo fooniin du'ee,hojii ija qbauun dhaloota kanaaf hafe."jette.argitanii!namni kun fooniin du'eera.dhalatee du'eera.osoo hin dhalatiin du'uu jechuun wanta hojjechuuf dhalatan osoo hin hojjetiin du'uu jechuudha.

Hiikaa jireenyaa yoo wallaaltee immoo akka piroofeesera baayyee baratee garuu hanga nama kutaa tokko baratee waan hin fakkatneef guyyaa tokko barataa isaa tokkoof qabxii 'F'jedhamu kenneef.Barataan kun abdii kutachuu irraan kan ka'e guyyaa tokko haala mijataa ilaallatee biiroo niacmha piroofeesera jedhamu kana seenuun har'a asumaattin si ajjees jechuun itti dhaaddate.piroofeeserri kunis itti kolfuun deebii isa irraa hin eegamnee akkas jechuun dubbate,"Duris natti toleen jiraachaa jira sitti fakkatee,yoo onnee qabaatte na ajjeesi"jedeh jedhama.

Argitte?Namichi kun duris nama isa ajjeesu dhabe malee du'a eeggataa ture jechuudha.

ISTIROOKII – Stroke


Hammi isaan barbaadaniifi dhabanii turuu danda’an/dandamatan garagara ta’ullee, qaamoleen keenya dalagaa isaanii hojjachuuf ‘Glucose (fi wontoota dalagaa qaamaaf barbaachisan)’ fi ‘Oxygen’ barbaadu. Gulukoosiif oksijiinii ammo karaa dhiigaatiin argatu. Dhiiga ammoo karaa hidda dhiiigatiin argatu. Dhiigaa argachuu dhabuun Sammuu: hiddi dhiigaa gara sammuu deemu cufamuu, hudhamuu fi sababa dhiigni sammuu keessatti jigeef dhiiga gahaa ykn dhiiga aragachuu dhabuun, akkasumas dhiibbaan kana irraa qaama sammuutti dhufu kun ISTIROOK jedhama.

ISTIROOKIIN dhiiga ititeen ykn cooma hidda dhiigaa irraa fottoquun cufamuu fi haalaan dhiphachuun (hudhamuun) hidda dhiigaa gara sammuu ykn qaamaa sammuu deemu (Ischemic Stroke) fi hiddi dhiigaa sammuu cituun ykn jigsuun dhiigni sammuu kessatti dhangala’uu (Hemorrhagic Stroke) irra ta’uu danda’a. Gosti ISTIROOKII lamaan kun yaalli isaanii garagara (faalla wolii) fi akkasumas wontootni isaaniif nama saaxilanis gargaruma haga tokkoo qabu. 

Dhiigni gara sammuu ykn kutaa sammuu deemuu yeroo xiqqoof ykn yeroo gabaabduuf irraa dhaabatee deebi’uun (Transient Ischemic Attack) ammoo mallatoo sa’aa muraasa keeessatti mul’ate badu mul’isuu danda’a. 

Mallatoolee ISTIROOKII:

* Dubbachuu dadhabuu. Arrabni nama hihidhamuu.

* Wanta namni biraa jedhu hubachuu dhabuu.

* Tasa qaamnii cinaa tokkoo: fuula, harkaa, fi luka sochosuu dadhabuu.Cinaan sun guutuun guututti laamshayuu (Paralyze) ta’uu. 

* Ijji Cinaa tokko ykn lachuu ilaalu dadhabuu, itti dimimmisuu ykn guutuun guututti arguu dhabu. 

* Bowwoo hamaa ta’e tasa namatti dhagahamuu. Keessattu mallatoolee armaan olitti eeraman wojjiin haqqeen, lafti namaan maruun, fi yeroo muraasa booda of wollaaluun. 

* Deemuu dadhabu. Tasa madaala ofi eegu dadhabuu. 

Maatii,fira fi hiriyyaan keenya ISTIROOKII qabate/godhate jenne yoo shakkine:

*Akka seeqatu gaafachuun,ciinaan fuula tokko kaan wajjiin seequu dhabuu ykn gadi bu’uu ilaaluu.

*Harka lachuu akka olfuudhu/ol kaasu gaafachuun, harki ciinaa tokko olfudhuu dadhabuu ykn olfuudhee gubbaa irratti qabuu dadhabuu isaa ilaaluu.

*Akka jecha tokko irra deddebi’e jedhuu gaafachuun,jijjirama fi sirritti jechicha jechuu dhabuu isaa ilaaluu.

*Yoo mallatoo sadan kana mul’ise hatattamaan otoo turtii kamuu hin godhin dafanii mana yaalaa (Hospitaala) fiduu. 

Wontoota carraa ISTIROOKIIn qabamuu ol kaasan:

- Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu

- Sochii qaamaa gochuu dhabuu

- Alkoolii haalaa ol baay’isanii dhuguu

- Dawaa nama si’eessu, hadoochu ykn mirqaansu kan akka Cocaine (Kokeyinii fa’a fayyadamuu

- Dhiibbaa dhiigaa haalaan ol ka’aa ta’e

- Sigaaraa aarsuu

- Haammi Koolestiroolii ol ka’e ta’e qabaachu

- Dukkuba Sukkaraa haalaan to’achuu dhabuu

- Dhukkuba Onnee (Dadhabuu Onnee ykn dhahannaa Onne wolhinsimne ykn sirri hin taane) qaabachuu

- Amma dura ISTIROOKII qabachuu ykn maatiin dhiihoo keenya isaan hubamuun

- Dubara caalaa dhiira irratti hedduminaan mul’ata.

- Keessattu Umriin keenya woggaa/ ganna 55 ol ta’uun

Wontootaa carraa ISTIROOKIIN qabamuu ol kaasaniidha.

Xaxawwan ISTIROOKII irraa dhufan:

Mallatooleenifi Xaxawwan ISTIROOKIIn fiidu qaama Sammuu miidhame irratti hunda’a. Akkasumas sadarkaa miidhama qaama Sammuu san irratti hunda’a.Xaxawwan kanniin keessaa:

* Qaamni cinaa tokkoo: fuulli, harkii fi lukti laamshayee (paralyzed) ta’e hafuu.

* Dubbachuu dadabuu. Nyaata liqimsuu dadhabuu. Barreessuuf dubbisuu dadhabuu. Waan dubbatame hubachuu dhabuu. 

* Waan amma dura ture guutun guutuutti ykn irra jireessaan irranfachuu ykn dagachuu. 

* Waa hubachuu, qaayyabachuu, madaaluufi dandeetii yaadaa fi murtee sirri qabaachuu/ dabarasuu dhabuu.

* Siree irratti hafuu. Qaama dhiqaachuuf, uffata jijjirachuuf, nyaata nyaachufii kan kana fakkaataniif deggarsa nama biraa barbaaduu. 

* Wontoota/xaxawwan kanaan wolqabatee yaada’uu fi cinqamuu irraa Muukuu sammuuf(Depresion)saaxilamuu.

ISTIROOKII akkamiin ofi irraa ittisna ykn carraa isaan qabamuu hirdhifna: 

* Wontoota carraa ISTIROOKII dabalan keessaa tokko dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa ta’edha. Hordooffii gahaa gochuun dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun carraa ISTIROOKIIn hubamuu haalaan xiqqeessa.

*Hamma Koolestiroolii fi coomaa qaamaa keenya hirdhisuu. Kana gochuuf nyaata akka coomaa, foon diimaa, dhadhaa, kallee, fi nyata haphefamanii gurguraman kan koolestiroolii qaban yeroo hunda/ baay’isanii nyaachuu dhabuu/dhaabuu. 

*Sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.

*Dhukkuba Sukkara yoo qabaanne hordoffii gahaa gochuun to’achuu.

*Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e yoo qabaanne hirdhisuu. Ulfaatinna hojja keenyaan wol madaalu qabaachuu.

*Fuduraaleef kuduraalee gara garaa nyaachuu

*Sochii qaamaa hargansuu barbaadan/nama hargansiisan haala idile ta’een hojjachuu. 

*Hamma Alkoolii dhugnu xiqqeessu (Biiraa lamati) ykn guutumaan gutuutti dhiisuu.

*Dawaa nama si’eessan,hadoochaan ykn mirqaansan Ashiishii,Cocaine fa’a fayyadamuu dhabuu.

Horaa bulaa deebanaa!


WANTOOTA BU'UURA JAALALA DHUGAA TA'AN MURAASA

 


1,Amanamummaa

2,Obsaa

3,Dhugaa dubbachuu

4,Waliif hubachuu

5,Yeroo waliif kennuu

6,Nama of jidduu galchuu dhiisuu

7,Ejjannoo qabaachuu

8,Boriif yaaduu

9,Fedhii walii eeguu

10,Keessaa walii beekuu

11,Iccitii walii eeguu

12,Dubbattee amansiisuu

13,Uumaa ofii sodaachuu

14,Wal kabajuu

15,Yeroo hundaa walittii gammaduu

Yeroo jaalattuu yeroo kamuu onnee lama qabaadhuu maaliif yoo jattee tokkon yoo kuftee kan hafeen dhaabbattee kaataa garuu amanamaa tahii

Yeroo kamuu ofii kee ol nama hin jaalatiin maaliif yoo jattee namni jaalattee yoo si dhiisee deemee ofii keef dandamachuu dadhabdaa.

Jaalala keessaattii yeroo kamuu amanamaa tahii maaliif yoo jattee dhugaan kee guyyaa tokko ifa baatii

Jaalalaan nama tokko illee hin midhiin maaliif yoo jattee garagaltoo tahee boruu midhamtaa

Jaalalaan fayadamtee nama hin sobin maaliif yoo jattee boruu of duuba deebi'ee ati sobamtaa

Osoo hin jaalatiin siin jaaladha hin jedhiinin maaliif yoo jattee umriin nama bakka tokko hin dhaabbatuu yeroo duraa hin gubiin.

Sobaan jaalalaan siifin du'aa hin jedhiniin maaliif yoo jattee sobaa si fakkeessaa.

Dubartii kammiyyuu wanta tokkon illeen hin midhiin maaliif yoo jattee haatii tee dubartii dha.

Garaan osoo hin taanee onneen nama jaaladhuu maaliif yoo jattee jaalallii garaa deemee galma hin gahuu

Jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu hunda nama garuu onnee tee tokko qofaaf kennii.


GUDARII AMBOOTTAN DARBAA

 


Gudariin Amboottan darba

Nattii odeessa warri Baakkoo

Yaadnikee nabuuse sarbaa
Nabobeessa mar'immaankoo
Naqamterraa garbuun marge
Ani Arjoon xaafii haama
Guyyaa ijaan yoon si arge
Halkan abjuunan siwaama
Qofaa taa'een mataa raasa
Yaadee yaadee yaada kuusee
Garaatu siif nadhamaasa
Siif kiilookoon gadi buuse
Taatee addaa natti fidee
Qaawwa lilmoo naseensisa
Doonii eeguuf obsuu didee
Bishaanirra nadeemsisa
Lamaccaccee naguggubde
Akka afuura gafarsaa
Onneenkoo siif nadhukkubde
Moo lubbuukoon of dabarsa
Hidditee nakeessa kaata
Akka kanniisa gaaguraa
Dhangalaatee narra yaata
Akka hadiida baaburaa
Anaaf hanga geessu geessa
Siidaa jaalalaa ol dhaabdee
Onnee kiyya keessa teessa
Suuqa dhoksaa kortee yaabdee
Karaa ati baatun eega
Barii lafaa bulee ka'ee
Jaalala keetu nareeba
Alangaa fi ulee ta'ee
Jedhee yeroon sittimadhu
Cirii soqi kichuu aarii
Jaalalumaan nasimadhu
Anaaf ta'i michuu gaarii
Gaafa sana narraa gala
Akka huummoo kanan aadu
Lapheekoo naaf jiisuu mala
Guggubee inni nawaadu
Michoomakee cimsuun ala
Anis hamaa siif hin yaadu
Si keessa of barbaada!
Hangan of yaaduun ol
Baayyiseen si'in yaada
Haala kam keessattuu
Hin dhokattu na duraa
Sirraa fagoo jiraadhus
Yaadni kan koo si bira!
Ofi koorra fagaadheen
Adamoo kan keef fiiga
Jireenya kee jiraachuuf
Jireenya kan koo diiga!
Ati garuu tasaa beektu
Siif jecha of dhabuuko!
Bira qabee sitti himuus
Siif galle guyyaa tokko!
Amma garuu natti cime
Humna koo ol natti ta'e
Jaalala koof bakka laatu
Onneen kee naaf na'ee!
🙄

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...